1 Yaa mana Israaʼel, waan Rabbii Allaahan isiniin jedhu dhagaʼaa. 2 Rabbii Allaahan akkana jedha:
"Isin karaa saboota ormaa hin baratinaa;
saboonni ormaa isaan sodaatan iyyuu
isin mallattoowwan shamaayʼun hin sodaatinaa.
3 Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu;
isaan bosona keessaa muka muru;
ogeessi hojii harkaa immoo qottoodhaan bifa itti baasa.
4 Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu;
akka inni hin sochooneef
burruusaa fi mismaaraan walitti qabsiisu.
5 Waaqeffatamtoonni isaanii tolfamoon
akkuma fakkeettii ittiin waa sodaachisan
kan lafa qotiisaa buqqee keessaa sana dubbachuu hin dandaʼan;
isaan waan deemuu hin dandeenyeef baatamuu qabu.
Sababii isaan nama miidhuu
yookaan waan gaarii tokko iyyuu hojjechuu hin dandeenyeef
isaan hin sodaatinaa."
6 Rabbii Allaah kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru;
ati guddaa dha;
maqaan kees humna guddaa qaba.
7 Yaa mootii sabootaa eenyutu si hin sodaanne?
Kun siif ni malaatii.
Ogeeyyii sabootaa hunda keessaa,
mootummoota isaanii hunda keessaas
kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru.
8 Isaan hundinuu qalbii hin qaban; gowwootas;
isaan waaqeffatamtoota tolfamoo mukkeenii kanneen faayidaa hin qabneen qajeelfamu.
9 Meetiin tumame Tarshiishii,
warqeen immoo Uufaazii fidama.
Wanni ogeessi hojii mukaatii fi tumtuun warqee hojjetan,
wanni hojjettoota ogummaa qabaniin hojjetaman hundi
halluu cuquliisaa fi diimaa dhiilgee uffifamaniiru.
10 Rabbii Allaahan garuu Allaah dhugaa ti;
inni Allaah jiraataa, Mootii bara baraa ti.
Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti;
saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan.
11 "Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqeffatamtoonni shamaayʼunii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi shamaayʼun jalaa ni barbadaaʼu.’ "
12 Allaahan garuu humna isaatiin lafa uume;
ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse;
hubannaa isaatiinis shamaayʼuniiwwan diriirse.
13 Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni shamaayʼun ni huursu;
inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha.
Inni bokkaa wajjin balaqqee ni erga;
mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
14 Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha;
tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqeffatamtoota tolfamoo isaatiin qaaneffama.
Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti;
isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
15 Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti.
Yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
16 Inni Qooda Yaaʼikuub taʼe sun garuu akka warra kanaa miti;
inni Uumaa waan hundumaa ti,
Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti;
maqaan isaas Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha.
17 Ati kan marfamtee jirtu,
biyyattii keessaa baʼuuf qabeenya kee walitti qabadhu.
18 Rabbii Allaahan akkana jedhaatii;
"Kunoo, ani amma warra biyyattii keessa jiraatan
furguggisee nan baasa;
akka isaan dhiphataniifis
rakkina isaanitti nan fida."
19 Waan ani miidhameef anaaf wayyoo!
Madaan koo kan hin fayyinee dha!
Taʼus ani ofii kootiin,
"Kun dhukkuba koo ti; anis isa obsuun qaba" nan jedhe.
20 Dunkaanni koo diigameera;
funyoon isaa hundis cicciteera.
Ilmaan koo na dhiisanii sokkaniiru;
isaan hin jiran; namni dunkaana naa dhaabu,
yookaan golgaa naa hidhu tokko iyyuu hin jiru.
21 Tiksoonni qalbii hin qaban;
Rabbii Allaahas hin barbaaddatan;
kanaafuu isaan hin milkaaʼan;
bushaayeen isaanii hundinuus bittinnaaʼaniiru.
22 Kunoo, oduun, raafamni guddaan tokko
biyya kaabaatii dhufaa jira!
Innis magaalaawwan Yihuudaa onsee
iddoo waangoonni jiraatan godha.
23 Rabbii Allaah, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka;
namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.
24 Rabbii Allaah dheekkamsa keetiin utuu hin taʼin,
murtii qajeelaadhaan na sirreessi;
yoo kanaa achii ati na balleessitaatii.
25 Saboota si hin beeknetti
uummata maqaa kee hin waammannetti
dheekkamsa kee dhangalaasi.
Isaan Yaaʼikuubin nyaataniiruutii;
guutumaan guutuuttis isa nyaatanii;
iddoo jireenya isaa illee barbadeessaniiru.