Publicidade

Jeremias 30

Sabni Israaʼel Boojuudhaa Deebiʼe

1 Dubbiin Rabbii Allaah biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha: 2 "Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: ‘Dubbii ani sitti dubbadhe hunda kitaabatti barreessi. 3 Barri tokko ni dhufa’ jedha Rabbii Allaahan; ‘Innis yeroo ani itti saba koo Israaʼelii fi Yihuudaa boojuudhaa deebisee biyya ani akka isaan dhaalaniif abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan galchuu dha,’ jedha Rabbii Allaahan."

4 Dubbiin Rabbii Allaahan waaʼee Israaʼelii fi Yihuudaa dubbate kanaa dha: 5 "Rabbii Allaahan akkana jedha:

" ‘Iyyi sodaa ni dhagaʼama;

kun raafama malee nagaa miti.

6 Mee iyyaafadhaa ilaalaa:

Dhiirri tokko daʼuu ni dandaʼaa?

Yoos ani maaliifan dhiira hunda isaa akkuma dubartii ciniinsifattuu,

harka isaa garaa ofii isaa irra kaaʼatee,

fuulli isaas akka malee gurraachaʼe arga ree?

7 Guyyaan sun akkam sodaachisaa taʼa!

Guyyaan akka guyyaa sanaa tokko iyyuu hin jiraatu.

Guyyaan sun Yaaʼikuubiif yeroo rakkinaa taʼa;

inni garuu rakkina sana keessaa ni baʼa.

8 " ‘Guyyaa sana’ jedha Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu,

‘Ani morma isaanii irraa waanjoo nan cabsa;

hidhaa isaanii illee nan kukkuta;

ergasii namoonni biyya ormaa isaan hin garboomfatan.

9 Qooda kanaa isaan Rabbii Allaah isaaniitii fi

Daawud mootii isaanii isa ani isaaniif kaasu ni tajaajilu.

10 " ‘Kanaafuu yaa tajaajilaa koo Yaaʼikuub, ati hin sodaatin;

yaa Israaʼel hin rifatin’

jedha Rabbii Allaahan.

‘Ani dhugumaan biyya fagootii sin baasa,

sanyiiwwan kee immoo biyya isaan boojiʼamanii

itti geeffamanii nan baasa.

Yaaʼikuub ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata;

namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.

11 Ani si baasuuf si wajjinan jiraatii’

jedha Rabbii Allaahan;

‘Ani sabootan gidduu isaaniitti si bittinneesse sana

guutumaan guutuutti barbadeessu iyyuu

siʼi garuu guutumaan guutuutti hin barbadeessu.

Ani karaa sirrii taʼeen sin adaba;

utuu si hin adabin akkasumatti si hin dhiisu.’

12 "Rabbii Allaahan akkana jedha:

" ‘Madaan kee hin fayyu;

miidhamni kee waldhaansa hin qabu.

13 Namni siif falmu tokko iyyuu hin jiru;

madaa keetiif qorichi hin jiru;

ati hin fayyitu.

14 Michoonni kee hundi si dagataniiru;

isaan dhimma kee hin qaban.

Sababii yakki kee akka malee guddaa taʼee

cubbuun kees baayʼateef

ani akkuma diinaatti si dhaʼee

akkuma nama garaa jabaatu tokkoottis si adabeera.

15 Ati maaliif madaa keetii fi

dhukkuba kee kan hin fayyine sanaaf iyyita?

Sababii yakki kee guddatee cubbuun kees baayʼateef,

ani wantoota kanneen sitti fideera.

16 " ‘Warri si nyaatan hundi garuu ni nyaatamu;

diinonni kee hundis boojuudhaan ni fudhatamu.

Warri qabeenya kee boojiʼan ni boojiʼamu;

warri si saaman hundis ni saamamu.

17 Ani garuu fayyaa kee siifin deebisa;

madaa kees siif nan fayyisa’ jedha Rabbii Allaahan.

‘Ati Xiyoon gatamtuu

kan namni tokko iyyuu dhimma ishee hin qabne jedhamteertaatii.’

18 "Rabbii Allaahan akkana jedha:

" ‘Ani hambaa dunkaana Yaaʼikuub kan boojiʼamee deebisee nan dhaaba;

iddoo jireenya isaaniitiifis garaa nan laafa;

magaalattiin idduma diigamte sanatti deebitee ni ijaaramti;

masaraanis iddoo isaaf malu ni dhaabata.

19 Faarfannaan galataatii fi sagaleen gammachuu

isaan keessaa ni dhagaʼama.

Ani isaan nan baayʼisa;

isaaniis hin xinnaatan;

ani ulfina nan kennaaf;

isaanis hin tuffataman.

20 Ijoolleen isaanii akka warra jabana durii taʼu;

waldaan isaaniis jabaatee fuula koo dura ni dhaabata;

ani warra isaan cunqursu hunda nan adaba.

21 Hoogganaan isaanii namuma isaanii taʼa;

bulchaan isaanii isaanuma gidduudhaa kaʼa.

Ani isa ofitti nan dhiʼeessa;

innis natti dhiʼaata;

yoo kanaa achii eenyutu natti dhiʼaachuuf ija jabaata?’

jedha Rabbii Allaahan.

22 ‘Akkasiin isin saba koo ni taatu;

anis Allaah keessan nan taʼa.’ "

23 Kunoo, bubbeen Rabbii Allaaha,

inni jabaan dheekkamsaan ni buʼa;

bubbeen hamaanis

mataa hamootaa irratti gad bubbisa.

24 Aariin Rabbii Allaaha, sodaachisaan sun

hamma inni kaayyoo yaada isaa

guutumaan guutuutti fiixaan baasutti duubatti hin deebiʼu.

Isin bara dhumaa keessa

waan kana ni hubattu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_10-32-54-