Publicidade

Jeremias 18

Mana Namicha Suphee Dhaʼu Tokkootti

1 Dubbiin Rabbii Allaah biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha: 2 "Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima." 3 Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture. 4 Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete.

5 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 6 "Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?" jedha Rabbii Allaahan. "Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu. 7 Yeroo ani akka sabni yookaan mootummaan tokko buqqifamu, gargar qoodamuu fi barbadeeffamu labsutti, 8 yoo sabni ani akeekkachiise sun hammina isaa irraa deebiʼe, ani waan hamaa isatti fiduuf yaade sana irraa nan deebiʼa. 9 Yoo ani yeroo biraa immoo akka sabni yookaan mootummaan tokko ijaaramee dhaabamu labse, 10 yoo inni fuula koo duratti waan hamaa hojjetee anaaf ajajamuu dide, ani waan gaarii isaaf gochuu barbaade sana nan dhiisa.

11 "Kanaafuu amma saba Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraataniin akkana jedhi; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Kunoo! Ani badiisa isiniif qopheesseen mala isinitti karoorsaa jira. Kanaafuu tokkoon tokkoon keessan karaa keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa.’ 12 Isaan garuu akkana jedhanii deebii kennan: ‘Kun faayidaa hin qabu. Nu karooruma keenyaan itti fufna; tokkoon tokkoon keenya mata jabinaa fi hammina garaa keenyaa duukaa buuna.’ "

13 Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Mee saboota keessa iyyaafadhaa:

Eenyutu takkumaa waan akkanaa dhagaʼee beeka?

Israaʼel Durbi Qulqullittiin

waan suukaneessaa tokko hojjetteerti.

14 Cabbiin Libaanoon

takkumaa ededa kattaa isaa irraa badee beekaa?

Bishaan isaa diilallaaʼaan burqaa fagootii dhufu sun

takkumaa citee beekaa?

15 Sabni koo garuu na irraanfateera;

isaan waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabne

kanneen karaawwan isaanii irrattii fi

daandiiwwan durii irratti isaan gufachiisaniif ixaana aarsu.

Isaan karaa hin tolfamne irra

daandii qalʼoo irra isaan deemsisaniiru.

16 Biyyi isaanii ni ona;

bara baraanis biyya qoosaa taʼa;

warri achiin darban hundi ni naʼu;

mataa isaaniis ni raasu.

17 Akkuma bubbee baʼa biiftuutii dhufuu,

ani fuula diinota isaanii duratti isaan nan bittinneessa;

bara badiisa isaanii keessa,

ani dugda koo malee fuula koo isaanitti hin argisiisu."

18 Jarris, "Seerri luba biraa, gorsi ogeeyyii biraa, dubbiin immoo nabiiʼiyyoota biraa waan hin dhabamneef kottaa Ermiyaasitti mariʼannaa; kanaafuu kottaa nu arraba keenyaan isa miinaa; waan inni dubbatu kam iyyuus hin fudhannu" jedhan.

19 Rabbii Allaah, na dhaggeeffadhu;

waan warri na himatan jedhanis dhagaʼi!

20 Gatiin waan gaarii waan hamaadhaa?

Isaan garuu boolla anaaf qotaniiru.

Ani akkan dheekkamsa kee isaan irraa

deebisuuf fuula kee dura dhaabadhee

iddoo isaanii buʼee dubbadhe yaadadhu.

21 Kanaafuu ati ijoollee isaanii dabarsii beelatti kenni;

jara immoo dabarsii humna goraadeetti kenni.

Niitota isaanii jalaa ijoollee fi dhirsoonni haa dhuman;

dhiironni isaanii haa ajjeefaman;

dargaggoonni isaanii immoo lola keessatti goraadeedhaan haa qalaman.

22 Yeroo ati akkuma tasaa weeraartoota isaanitti fiddutti,

iyyi mana isaaniitii haa dhagaʼamu;

isaan na qabuuf boolla qotanii,

miilla kootiifis kiyyoo kaaʼaniiruutii.

23 Rabbii Allaah, ati garuu mala isaan na ajjeesuuf

malatan hunda ni beekta.

Yakka isaanii hin dhiisiniif;

yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqin.

Isaan fuula kee duratti lafatti haa gataman;

yeroo dheekkamtuttis isaan adabi.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-