1 Utuu Ermiyaas amma iyyuu oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu, dubbiin Rabbii Allaah yeroo lammaffaa akkana jedhee gara isaa dhufe: 2 "Rabbii Allaahan inni lafa uume, Rabbii Allaahan inni lafa tolchee jabeessee ishee dhaabe, kan maqaan isaa Rabbii Allaah jedhamu sun akkana jedha; 3 ‘Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.’ 4 Rabbii Allaahan Israaʼel waaʼee manneen magaalaa kanaatii fi waaʼee masaraa mootota Yihuudaa kanneen ittiin tuulaa biyyootii fi goraadee of irraa dhowwuuf diigaman sanaa akkana jedhaatii; 5 Baabilononni loluuf ni dhufu; ‘Isaanis magaalaa kana reeffa namoota ani aarii fi dheekkamsa kootiin fixuutiin ni guutu. Ani sababii hammina ishee hundaatii fi magaalaa kana duraa fuula koo dhokfadheeraatii.
6 " ‘Taʼus ani isaan nan fayyisa; nan bayyanachiisas; ani saba koo nan fayyisa; akka isaan nagaa fi tasgabbii guddaan jiraatan nan godha. 7 Ani Yihuudaa fi Israaʼelin boojuudhaa deebisee akka isaan dur turanitti nan ijaara. 8 Cubbuu isaan natti hojjetan hunda irraa isaan nan qulqulleessa; cubbuu isaan natti finciluun hojjetan hundas nan dhiisaaf. 9 Magaalaan kun fuula saboota lafa irraa warra waan gaarii ani isheef godhe hunda dhagaʼan hundaa duratti maqaa, gammachuu, galataa fi ulfina naa taati; isaan sababii badhaadhummaa fi nagaa ani isheef kennu hundaatiif sodaatanii hollatan.’
10 "Rabbii Allaahan akkana jedha: ‘Isin waaʼee iddoo kanaa, "Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru" jettu. Taʼu illee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem kanneen duwwaa hafanii namni yookaan bineensi keessa hin jirre sana keessatti amma illee, 11 sagaleen ililleetii fi gammachuu, sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, sagaleen warra mana Rabbii Allaahatti aarsaa dhiʼeessanii kan,
"Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu galateeffadhaa;
Rabbii Allaahan gaariidhaatii;
jaalalli isaas bara baraan ni jiraata"
jedhu ni dhagaʼama. Ani boojiʼamtoota biyyattii akkuma isaan duraan turanittin deebisaatii’ jedha Rabbii Allaahan.
12 "Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Iddoo onaa namni yookaan horiin keessa hin jiraanne kanaa fi magaalaawwan ishee hunda keessa lafti dheedaa kan tiksoonni bushaayee isaanii itti boqochiifatan ammas ni jiraata. 13 Magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, kanneen gaarran dhiʼaatii fi Negeeb keessatti, biyya Biniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa keessatti amma illee bushaayeen harka nama isaan toʼatuu jala ni hulluuqu’ jedha Rabbii Allaahan.
14 " ‘Barri ani’ jedha Rabbii Allaahan ‘waadaa gaarii ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaatiif seene sana itti fiixaan baasu ni dhufa.’
15 " ‘Bara sana keessa, yeroo sanatti
ani akka dameen qajeelaan tokko sanyii Daawud keessaa latu nan godha;
inni waan qajeelaa fi sirrii taʼe biyyattii keessatti ni hojjeta.
16 Bara sana keessa Yihuudaan ni fayya;
Yerusaalemis nagaan jiraatti.
Maqaan isheen ittiin waamamtus,
Rabbii Allaahan qajeelummaa keenya’ jedhama.
17 Rabbii Allaahan akkana jedhaatii: ‘Daawud gonkumaa nama teessoo mana Israaʼel irra taaʼu hin dhabu; 18 yookaan luboonni warri Lewwota taʼan gonkumaa nama aarsaa gubamu dhiʼeessuuf, kennaa midhaanii gubuu fi qalma dhiʼeessuuf ittuma fufee fuula koo dura dhaabatu hin dhaban.’ "
19 Dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 20 "Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Yoo isin akka halkanii fi guyyaan yeroo isaanii kennametti hin dhufneef kakuu ani halkan wajjin galee fi kakuu ani guyyaa wajjin gale sana cabsuu dandeessan, 21 kakuun ani garbicha koo Daawud wajjin galee fi kakuun ani Lewwota luboota taʼanii fuula koo dura tajaajilan wajjin gale sun cabuu dandaʼa; Daawudis siʼachi sanyii teessoo isaa irra taaʼee bulchu hin qabaatu. 22 Ani sanyii garbicha koo Daawudii fi Lewwota fuula koo dura tajaajilan akkuma urjiiwwan shamaayʼuniitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu hin dandeenyee nan baayʼisa.’ "
23 Dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 24 "Ati akka uummanni kun, ‘Rabbii Allaahan mootummoota filatee ture lamaan gateera’ jechaa jiru hin qalbeeffannee? Kanaafuu isaan saba koo tuffataniiru; siʼachis akka saba tokkootti isa hin ilaalan. 25 Rabbii Allaahan akkana jedha: ‘Ani utuu halkanii fi guyyaa wajjin kakuu koo jabeessee dhaabuu baadhee, shamaayʼunii fi lafaafis seera kaaʼuu baadhee, 26 silaa sanyii Yaaʼikuubii fi sanyii tajaajilaa koo Daawud gatee akka inni sanyii Ibraahim, sanyii Yisihaaqii fi kan Yaaʼikuub bulchuuf ilmaan isaa keessaa nama tokko hin filadhu ture. Anis boojiʼamtoota isaanii nan deebisa; garaa illee nan laafaaf.’ "