Publicidade

Jeremias 50

Ergaa Waaʼee Baabilon

1 Dubbiin Rabbii Allaahan karaa Ermiyaas nabiiʼiyyichaatiin waaʼee Baabilonii fi waaʼee biyya Baabilonotaa dubbate kanaa dha:

2 "Saboota gidduutti lallabaatii labsaa;

faajjii ol qabaatii labsaa;

utuu homaa hin hambisin akkana jedhaa;

‘Baabilon ni qabamti;

Beel ni salphifama;

Meroodak gooliidhaan guutama.

Fakkiiwwan Baabilon ni salphifamu;

waaqeffatamtoonni ishee tolfamoonis sodaan guutamu.’

3 Sabni Kaabaa dhufu tokko ishee lolee

lafa ishee duwwaa hambisa.

Namni tokko iyyuu ishee keessa hin jiraatu;

namaa fi horiin baqatee keessaa baʼa.

4 "Bara sana keessa, yeroo sanatti,

sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa

imimmaaniin Rabbii Allaah isaanii barbaacha

tokkummaadhaan ni dhufu" jedha Rabbii Allaahan;

5 "Isaan karaa gara Xiyoon geessu ni gaafatu;

fuula isaaniis garasitti garagalfatu.

Isaan dhufanii kakuu bara baraa

kan gonkumaa hin irraanfatamneen

Rabbii Allaahatti of maxxansu.

6 "Sabni koo hoolota badan taʼaniiru;

tikseen isaanii isaan dogoggorsee

akka isaan tulluuwwan irra jooran godhe.

Isaan tulluu fi gaara irra jooranii

lafa boqonnaa isaanii illee wallaalan.

7 Kan isaan argu hundi isaan liqimse;

diinonni isaaniis, ‘Nu balleessaa hin qabnu;

isaan Rabbii Allaahan iddoo jireenya isaanii kan dhugaa taʼe,

Rabbii Allaah abdii abbootii isaaniitti cubbuu hojjetaniiruutii’ jedhan.

8 "Baabilonii baqadhaa baʼaa;

biyya Baabilonotaa keessaa baʼaa;

akkuma korbeessa reʼee kan bushaayee qajeelchuu taʼaa.

9 Ani biyya kaabaatii garee saboota gurguddaa kaasee

Baabilonitti nan ergaatii.

Isaanis hiriiranii isheetti dhufu;

isheenis karaa kaabaatiin ni qabamti.

Xiyyi isaanii akkuma loltoota ogeeyyii

harka duwwaa hin deebinee ti.

10 Baabilonis ni saamamti;

warri ishee saaman hundis ni quufu"

jedha Rabbii Allaahan.

11 "Isin warri handhuuraa koo saamtan

waan gammaddanii fi ililchitaniif,

akkuma raadaa marga keessaa burraaqxanii

akka korma fardaa imimsitan illee,

12 haati keessan akka malee qaanofti;

kan isin deesses ni salphatti.

Isheen saboota hunda keessaa gad aantuu,

lafa onaa, lafa gogaa fi gammoojjii taati.

13 Isheen sababii dheekkamsa Rabbii Allaahatiif guutumaan guutuutti

ni onti malee namni ishee keessa hin jiraatu.

Sababii madaa ishee hundaatiif

namni Baabilon keessa darbu hundi ni dinqisiifata; itti qoosas.

14 "Isin warri iddaa luqqifattan hundinuu,

naannoo Baabilonitti hiriiraa.

Sababii isheen Rabbii Allaahatti cubbuu hojjetteef,

xiyyawwan itti darbadhaa! Homaa hin hambisinaa.

15 Karaa hundaan isheetti iyyaa!

Isheen harka kennatti; gamoon ishee ni jiga;

dallaan ishee diigameera.

Kun haaloo Rabbii Allaah waan taʼeef

isheetti haaloo baʼaa;

waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheetti hojjedhaa.

16 Nama sanyii facaasuu fi kan yeroo midhaan haamamutti

haamtuu qabatus Baabilon keessaa balleessaa.

Sababii goraadee cunqursaatiin

tokkoon tokkoon namaa gara saba ofii isaatti haa deebiʼu;

tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaattis haa baqatu.

17 "Israaʼel hoolaa bittinnaaʼee dha;

leenconni isa ariʼan.

Kan jalqabatti isa nyaate mootii Asoor;

kan dhuma irratti lafee isaa caccabse immoo

Nebukadnezar mooticha Baabilon ture."

18 Kanaafuu Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha:

"Ani akkuma mootii Asoor adabe sana

mootii Baabilonii fi biyya isaa nan adaba.

19 Israaʼelin garuu lafa tika isaatti nan deebisa;

innis Qarmeloosii fi Baashaan irra ni dheeda;

tulluu Efreemii fi Giliʼaad irra dheedee ni quufa.

20 Bara sana keessa, yeroo sanatti,

yakki Israaʼel ni barbaadama" jedha Rabbii Allaahan;

"garuu tokko iyyuu hin jiru;

cubbuun Yihuudaas ni barbaadama;

garuu tokko iyyuu hin argamu;

ani hambaan baraare sanaaf

dhiifama nan godhaatii.

21 "Biyya Meraataayimii fi

jiraattota Pheqood lolaa.

Ariʼaa, ajjeesaa, guutumaan guutuutti isaan balleessaa,"

jedha Rabbii Allaahan.

"Waan ani isin ajaje hunda godhaa.

22 Sagaleen waraanaa,

sagaleen badiisa guddaas biyya sana keessa jira!

23 Burruusni guutummaa lafaa akkamitti cabe!

Akkamittis bullaaʼe!

Baabilon saboota gidduutti,

akkam onte!

24 Yaa Baabilon, ani kiyyoo siif diriirseera;

atis utuu hin beekin qabamte;

ati sababii Rabbii Allaahan mormiteef,

argamtee qabamte.

25 Rabbii Allaahan mankuusaa miʼa lolaa isaa banee

miʼa lola dheekkamsa isaa gad baafateera;

Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

waan biyya Baabilonotaatti hojjetu qabaatii.

26 Biyya fagootii isheetti kottaa.

Gombisaawwan ishee diigaa;

akkuma tuullaa midhaaniitti ishee tuulaa.

Guutumaan guutuutti ishee balleessaa;

waan tokko illee isheef hin hambisinaa.

27 Korommii ishee hunda qalaa;

isaan gara qalmaatti haa geeffaman!

Isaaniif wayyoo! Yeroon isaan itti adabaman,

guyyaan isaanii dhufeeraatii.

28 Akka Rabbii Allaahan keenya haaloo baʼe,

akka inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo baʼe,

kooluu galtootaa fi baqattoota Baabilonii dhufanii

Xiyoon keessatti lallaban irraa dhagaʼaa.

29 "Namoota Xiyyaan lolan

kanneen iddaa luqqifatan hunda Baabilonitti waamaa.

Naannoo ishee hunda marsaa;

namni tokko iyyuu hin miliqin.

Gatii hojii ishee kennaafii;

waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheettis hojjedhaa.

Isheen Qulqullicha Israaʼel,

Rabbii Allaahatti koorteertii.

30 Kanaafuu dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu;

gaafas loltoonni ishee hundi ni barbadaaʼu"

jedha Rabbii Allaahan.

31 "Yaa koortuu nana, kunoo ani sitti kaʼeera"

jedha Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda dandaʼu;

"yeroon ati itti adabamtu,

guyyaan kee dhufeeraatii.

32 Koortuun sun gufattee lafa dhoofti;

namni gargaaree ol ishee qabu tokko iyyuu hin jiru;

ani magaalaawwan ishee keessatti

ibidda warra naannoo ishee jiru hunda gubee fixu nan qabsiisa."

33 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:

"Sabni Israaʼel cunqurfameera;

sabni Yihuudaas akkasuma cunqurfameera.

Warri isaan boojiʼan hundi jabeessanii isaan qabataniiru;

isaan gad dhiisuus didaniiru.

34 Taʼu illee Furaan isaanii jabaa dha;

maqaan isaas Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuu dha.

Inni biyya isaaniitiif boqonnaa kenne;

warra Baabilon keessa jiraatan garuu boqonnaa dhowwuuf

dhimma isaaniitiif jabeessee ni falma.

35 "Goraadeen tokko Baabilonotatti dhufe!"

jedha Rabbii Allaahan;

"warra Baabilon keessa jiraatanitti,

qondaaltotaa fi namoota ishee ogeeyyiitti dhufeera!

36 Goraadeen nabiiʼiyyoota ishee sobdootatti, dhufeera!

Isaan gowwoota taʼu.

Goraadeen gootota isheetti dhufeera!

Isaanis sodaadhaan guutamu.

37 Goraadeen fardeenii fi gaariiwwan isheetti,

Namoota Ormaa kanneen gidduu ishee jiraatan hundatti dhufe!

Isaan dadhaboo taʼu.

Goraadeen qabeenya isheetti dhufe!

Isaan ni saamamu.

38 Caamsaan bishaan isheetti ni dhufa!

Isaanis ni gogu.

Isheen biyya waaqeffatamtoota tolfamoo,

kan waaqeffatamtoota tolfamoo sodaadhaan maraataniitii.

39 "Kanaafuu uumamawwan gammoojjiitii fi waraabeyyiin achi jiraatu;

urunguunis achi jiraatti.

Lammata namni ishee keessa hin jiraatu;

yookaan dhalootaa hamma dhalootaatti namni keessa jiraatu hin jiru.

40 Akkuma Allaahan Sodoomii fi Gomoraa,

magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleesse sana"

jedha Rabbii Allaahan;

"namni tokko iyyuu achi hin jiraatu;

sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.

41 "Kunoo! Gareen loltootaa tokko kaaba irraa dhufaa jira;

sabni guddaan tokkoo fi mootonni baayʼeen

moggaa lafaatii sosochoʼaa jiru.

42 Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru;

isaan gara jabeeyyii namaafis naasuu hin qabnee dha.

Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti

gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti;

yaa intala Baabilon,

isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.

43 Mootiin Baabilon oduu waaʼee isaanii dhagaʼe;

harki isaas irratti duʼe.

Dhiphinni isa qabateera;

miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu isa qabeera.

44 Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee

gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo

dafee Baabilonin biyya isheetii nan ariʼa.

Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu?

Kan akka koo eenyu?

Eenyutus naan morkuu dandaʼa?

Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?"

45 Kanaafuu waan Rabbii Allaahan Baabilonitti karoorfate,

waan inni biyya Baabilonotaatti yaades dhagaʼaa;

Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu;

innis sababii isaaniitiif lafa dheeda isaanii guutumaan guutuutti ni barbadeessa.

46 Waca qabamuu Baabiloniitiin lafti ni raafamti;

iyyi ishees saboota gidduutti ni dhagaʼama.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-