Publicidade

Lamentações 5

1 Rabbii Allaah, waan nurra gaʼe yaadadhu;

ilaali; salphina keenyas argi.

2 Handhuuraan keenya alagootaaf,

manneen keenyas Namoota Ormaatiif dabarfamanii kennamaniiru.

3 Nu ijoollee abbaa hin qabne taane;

haadhonni keenya immoo haadhota hiyyeessaa taʼaniiru.

4 Nu bishaan dhugnuuf kaffaluu qabna turre;

qoraan illee bittaa qofaan arganna.

5 Warri nu ariʼan koomee keenya bira jiru;

nu dadhabneerra; boqonnaas hin qabnu.

6 Nu buddeena gaʼaa argachuuf jennee

warra Gibxittii fi warra Asooritti harka kennine;

7 Abbootiin keenya cubbuu hojjetanii darban;

nu immoo adabbii isaanii baanne.

8 Garbootatu nu bulcha;

namni harka isaaniitii bilisa nu baasu tokko iyyuu hin jiru.

9 Sababii goraadee gammoojjii jiruutiin

lubbuu keenya balaaf saaxillee buddeena arganna.

10 Gogaan keenya sababii beelaatiin

akkuma badaa ibiddaa hoʼa.

11 Xiyoon keessatti dubartoonni,

magaalaawwan Yihuudaa keessattis dubarran qulqulluun humnaan gudeedaman.

12 Ilmaan moototaa harka isaaniitiin fannifamaniiru;

maanguddoonni ulfina hin arganne.

13 Gaʼeessonni akka midhaan daakan dirqisiifaman;

ijoolleen dhiiraa muka baachuun gatantaran.

14 Maanguddoonni karra magaalaa duraa deemaniiru;

dargaggoonnis weedduu isaanii dhiisaniiru.

15 Gammachuun garaa keenya keessaa badeera;

shuubbisuun keenyas booʼichatti geeddarameera.

16 Gonfoon mataa keenya irraa buʼeera.

Nuuf wayyoo; nu cubbuu hojjenneerraatii!

17 Sababii waan kanaatiif onneen keenya ni gaggabe;

sababii waan kanaatiif immoo iji keenya dadhabe;

18 Tulluun Xiyoon kan onee hafe sun

lafa waangoonni irra burraaqan taʼeeraatii.

19 Rabbii Allaah, ati bara baraan bulchi;

teessoon kees dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.

20 Ati maaliif guutumaan guutuutti nu irraanfatta?

Maaliif bara dheeraas nu dhiifta?

21 Rabbii Allaah, akka nu deebinuuf ofitti nu deebisi;

bara keenya illee akkuma duriitti haaromsi.

22 Ati yoo guutumaan guutuutti nu gatuu baatte,

yoo akka malees nutti dheekkamuu baatte waan kana godhi.

Veja também

Publicidade
Lamentações
Ver todos os capítulos de Lamentações
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-