Publicidade

Lamentações 2

1 Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin

intala Xiyoon haguuge!

Inni ulfina Israaʼel

shamaayʼuniidhaa lafatti gad daddarbateera;

inni guyyaa dheekkamsa isaatti

ejjeta miilla isaa hin yaadanne.

2 Gooftaan gara laafina tokko malee

iddoo jireenya Yaaʼikuub hunda liqimseera;

daʼannoo intala Yihuudaas

dheekkamsa isaatiin diige.

Inni mootummaa isheetii fi

bulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise.

3 Inni dheekkamsa sodaachisaadhaan

gaanfa Israaʼel hunda caccabse.

Yommuu diinni dhiʼaatettis

harka isaa mirgaa duubatti deebifate.

Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaa

Yaaʼikuub keessatti bobaʼe.

4 Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate;

harki isaa mirgaa qophaaʼeera.

Warra ijatti bareedan hunda

akkuma amajaajiitti qale;

dunkaana intala Xiyoonitti

dheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse.

5 Gooftaan akkuma diinaa taʼe;

inni Israaʼelin liqimseera.

Inni masaraawwan ishee hunda liqimsee

daʼannoo ishee jabaa illee diigeera.

Inni Intala Yihuudaatti

booʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera.

6 Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera;

iddoo wal gaʼii isaas balleesseera.

Rabbii Allaahan akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fi

Sanbatoota ishee irraanfattu godheera;

inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan

moototaa fi luboota akka malee tuffate.

7 Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera;

iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera.

Dallaawwan masaraawwan ishee

dabarsee harka diinotaatti kenneera;

isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti

mana Rabbii Allaah keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan.

8 Rabbii Allaahan dallaa naannoo

Intala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera.

Inni safartuu diriirseera;

barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne.

Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe;

isaanis tokkummaadhaan badan.

9 Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru;

inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera.

Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamanii saboota gidduu bibittinnaaʼaniiru;

seerri siʼachi hin jiraatu;

nabiiʼiyyoonni ishees siʼachi

Rabbii Allaah biraa mulʼata hin argan.

10 Maanguddoonni Intala Xiyoon

calʼisanii lafa tataaʼan;

isaan daaraa mataatti firfirfatanii

uffata gaddaas uffatan.

Shamarran Yerusaalem

mataa isaanii gad qabatan.

11 Iji koo booʼichaan dadhabeera;

keessa kootti dhiphadheera;

sababii sabni koo dhumeef

sababii ijoollee fi daaʼimman

daandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniif

garaan koo gaddaan laafeera.

12 Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irratti

akkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti,

yommuu lubbuun isaanii

hammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti

"Buddeennii fi daadhiin wayinii eessa jiru?"

jedhanii haadhota isaanii gaafatu.

13 Yaa intala Yerusaalem,

ani maal siif jechuun dandaʼa?

Maaliinan wal si qixxeessa?

Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittii

ani akkan si jajjabeessuuf

maalittin si fakkeessuu dandaʼa?

Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha.

Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?

14 Mulʼanni nabiiʼiyyoota keetii

sobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha;

isaan boojiʼamuu kee hambisuuf

cubbuu kee ifa hin baafne.

Raajiin isaan siif kennanis

sobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha.

15 Warri karaa keetiin darban hundinuu

harka isaanii sitti rurrukutu;

isaanis intala Yerusaalemitti

qoosuu fi mataa raasuudhaan,

"Magaalaan muummee miidhaginaa

gammachuu guutuu lafaa

jedhamtee waamamte sun kanaa?" jedhu.

16 Diinonni kee hundinuu

afaan isaanii sitti banatu;

isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan

"Nu ishee liqimsineerra.

Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha;

nu waan kana arguuf jiraanneerra" jedhu.

17 Rabbii Allaahan waan karoorfate hojjeteera;

dubbii isaa kan bara dheeraan dura

dubbate sana guuttateera.

Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera;

akka diinni kee sitti gammadu godheera;

gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera.

18 Onneen namootaa

gara Gooftaatti iyya.

Yaa dallaa Intala Xiyoon

halkanii guyyaa

imimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu;

boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin;

iji kees hin boqotin.

19 Yommuu eegumsi halkanii jalqabutti

kaʼiitii halkaniin iyyi;

fuula Gooftaa duratti

onnee kee akka bishaanii dhangalaasi.

Lubbuu ijoollee keetii

kanneen fiixee daandii hundaatti

beelaan gaggabaniitiif jedhiitii

harka kee gara isaatti ol qabadhu.

20 "Rabbii Allaah, ati ilaali; argis:

Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta?

Haadhonni daaʼimman isaanii,

ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu?

Lubnii fi nabiiʼiyyiin,

iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu?

21 "Dargaggoonnii fi maanguddoonni,

walii wajjin awwaara karaa irra ciisu;

dargaggoonnii fi shamarran koo

goraadeedhaan ajjeefamaniiru.

Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe;

gara laafina tokko malee isaan qalte.

22 "Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti

nama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte.

Guyyaa dheekkamsa Rabbii Allaahatti,

homaa hin miliqne yookaan hin hafne;

warra ani daʼee guddise

diinni koo na jalaa balleesseera."

Veja também

Publicidade
Lamentações
Ver todos os capítulos de Lamentações
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-