Publicidade

Lamentações 1

1 Magaalaan dur namaan guutamtee turte sun

akkamitti ontee hafte!

Isheen yeroo tokko saboota gidduutti guddoo turte

akkamitti akka haadha hiyyeessaa taate!

Isheen kutaalee biyyaa gidduutti mootii turte sun

amma garbittii taateerti.

2 Isheen halkan halkan hiqqifattee boossi;

maddii ishee irra imimmaantu yaaʼa.

Michoota ishee hunda keessaa

kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru.

Michoonni ishee hundinuu ishee gananiiru;

isaan diinota ishee taʼaniiru.

3 Rakkinaa fi cunqurfama guddaa booddee

Yihuudaan boojiʼamtee fudhatamteerti.

Isheen saboota gidduu jiraatti,

lafa itti boqottu illee hin arganne.

Warri ishee ariʼan hundi

rakkina ishee keessatti ishee qabatan.

4 Daandiiwwan Xiyoon ni booʼu;

namni ayyaana ishee kan murteeffame kabajuuf dhufu tokko iyyuu hin jiruutii.

Karrawwan ishee hundi onanii jiru;

luboonni ishee ni aadu;

shamarran ishee ni gaddu,

isheenis dhiphina guddaa keessa jirti.

5 Amajaajonni ishee gooftota ishee taʼaniiru;

diinota isheetti toleera.

Sababii cubbuu ishee baayʼee sanaatiif

Rabbii Allaahan gadda itti fideera.

Ijoolleen ishee fudhatamanii deemaniiru;

fuula amajaajota ishee duratti boojiʼamaniiru.

6 Intala Xiyoon irraa

miidhaginni hundi fudhatameera.

Ilmaan mootota ishee

akkuma gadamsa lafa dheedaa dhabee taʼaniiru;

isaan dadhabbiidhaan

fuula warra isaan ariʼanii dura baqatan.

7 Baroota rakkinaa fi asii achi jooruu ishee keessa

Yerusaalem qabeenya

bara durii kan ishee ture hunda ni yaadatti.

Yeroo namoonni ishee harka diinaa seenanitti

namni ishee gargaaru tokko iyyuu hin turre.

Diinonni ishee ishee ilaalanii

badiisa isheetti kolfan.

8 Yerusaalem akka malee cubbuu hojjette;

akkasiinis xuroofte.

Warri ulfina kennaniifii turan hundi ishee tuffatan;

isaan qullaatti hafuu ishee arganiiruutii;

isheen mataan ishee guungumtee

of irra garagalti.

9 Xuraaʼummaan ishee wandaboo isheetti maxxane;

isheen waan gara duraatti itti dhufu hin yaadne;

kufaatiin ishee nama rifachiisa;

kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru ture.

"Rabbii Allaah rakkina koo ilaali;

diinni moʼateeraatii!"

10 Qabeenya ishee hundatti

diinni harka isaa diriirseera;

isheen Namoota Ormaa

warra ati akka isaan

waldaa kee hin seenne dhowwite sana

utuu isaan iddoo ishee qulqulluu seenanuu argite.

11 Namoonni ishee hundinuu utuma

aadanuu buddeena barbaaddatu;

isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jecha

qabeenya isaanii nyaataan geeddarratu.

"Rabbii Allaah na ilaali, na yaadadhus;

ani tuffatameeraatii."

12 "Warra karaa irra dabartan hundi, kun isiniif homaa mitii?

Naannoo keessan ilaalaatii argaa.

Rakkinni akka rakkina koo

kan ani ittiin rakkadhe,

kan Rabbii Allaahan guyyaa dheekkamsa isaatti

natti fide sanaa jiru tokko iyyuu jiraa?

13 "Inni ol gubbaadhaa ibidda erge;

ibidda sana lafee koo keessa seensisa.

Inni miilla kootiif kiyyoo diriirsee

dugda duubatti na deebise;

inni kophaatti na hambisee

guyyaa guutuu na dadhabsiise.

14 "Cubbuun koo waanjootti hidhameera;

isaan harka isaatiin walitti foʼaman.

Isaan morma kootti rarraafaman;

gooftaan humna koo dadhabsiise.

Inni warra ani of irraa deebisuu

hin dandeenyetti dabarsee na kenneera.

15 "Gooftaan gootota na keessatti argaman

hunda gateera;

inni dargaggoota koo caccabsuuf

yaaʼii waammate.

Gooftaan iddoo cuunfaa wayinii isaatti

Durba Qulqullittii Intala Yihuudaa dhidhiiteera.

16 "Wanni ani booʼee

iji koo imimmaaniin guutameef kanaa dha.

Namni na jajjabeessuuf dhiʼoo jiru tokko iyyuu hin jiru;

kan hafuura koo bayyanachiisus hin jiru.

Sababii diinni humna argateef

ijoolleen koo harka duwwaa hafan."

17 Xiyoon harka ishee balʼifatteerti;

garuu namni ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru.

Akka olloonni isaa amajaajota isaa taʼaniif

Rabbii Allaahan Yaaʼikuubitti ajajeera;

Yerusaalemis gidduu isaaniitti

waan xuraaʼaa taateerti.

18 "Rabbii Allaahan qajeelaa dha;

taʼus ani ajajawwan isaatti fincileen ture.

Yaa saboota, hundi keessan dhagaʼaa;

rakkina koos ilaalaa.

Dargaggoonnii fi shamarran koo

boojiʼamanii fudhatamaniiru.

19 "Ani tumsitoota koo nan waammadhe;

isaan garuu na ganan.

Luboonni koo fi maanguddoonni koo

utuu lubbuu isaanii oolfachuuf

nyaata barbaadatanuu

magaalaa keessatti dhuman.

20 "Rabbii Allaah akka ani dhiphadhe ilaali!

Ani keessa kootti dhiphadheera;

garaa koo keessatti raafameera;

ani nama akka malee fincilun tureetii.

Alaa goraadeen nama qala;

mana keessa immoo duʼa qofatu jira.

21 "Namoonni akka ani aadaa jiru dhagaʼaniiru;

kan na jajjabeessu garuu hin jiru.

Diinonni koo hundinuu rakkina koo dhagaʼaniiru;

isaan waan ati gootetti gammadaniiru.

Akka isaan akkuma koo taʼaniif

maaloo ati guyyaa jette sana fidi.

22 "Hamminni isaanii hundinuu

fuula kee duratti haa dhiʼaatu;

waanuma sababii cubbuu koo hundaatiif

natti fidde sana isaanitti illee fidi!

Aaduun koo baayʼateeraatii;

onneen koos dadhabdeerti."

Veja também

Publicidade
Lamentações
Ver todos os capítulos de Lamentações
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-