Publicidade

Lamentações 3

1 Namni ulee dheekkamsa isaatiin

rakkina arge anaa dha.

2 Inni fuula isaa duraa na ariʼee

akka ani qooda ifaa dukkana keessa deemu na godhe;

3 dhugumaan inni guyyaa guutuu,

ammumaa amma harka isaa natti deebise.

4 Inni foon kootii fi gogaa koo dulloomseera;

lafee koo illee caccabseera.

5 Inni na marsee hadhaaʼummaa fi

gidiraa natti naannesseera.

6 Akkuma warra dur dhumanii

akka ani dukkana keessa jiraadhu na godhe.

7 Inni akka ani hin miliqneef dallaa natti ijaare;

foncaa ulfaatus natti feʼe.

8 Yommuu ani waammadhu yookaan gargaarsaaf iyyadhutti illee

inni duʼaa koo dhagaʼuu dida.

9 Karaa koo dhagaa soofameen cufe;

daandii koo illee ni jalʼisa.

10 Inni akkuma amaaketa riphee waa eeggatuu,

akkuma leenca dhokatee jiruu

11 daandii irraa na harkisee na ciccire;

kophaatti na gate.

12 Inni iddaa isaa luqqifatee

xiyya isaa natti qabe.

13 Korojoo isaa keessaa xiyya baasee

onnee koo waraane.

14 Ani saba koo hundaaf waan kolfaa nan taʼe;

isaan guyyaa guutuu faaruudhaan natti qoosu.

15 Inni waan hadhaaʼaa na nyaachise;

hadhooftuu illee na quubse.

16 Inni dhagaadhaan ilkaan koo cabse;

awwaara keessattis na dhidhiite.

17 Ani nagaa nan dhabe;

gammachuun maal akka taʼes nan irraanfadhe.

18 Kanaafuu ani "Ulfinni koo,

abdiin ani Rabbii Allaah irraa qabu hundinuu badeera" nan jedhe.

19 Ani rakkinaa fi asii achi jooruu koo,

hadhaaʼummaa fi hadhooftuus nan yaadadha.

20 Lubbuun koo yeroo hunda waan kana yaaddi;

na keessattis gad of qabdi.

21 Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha;

kanaafuu ani abdii qaba.

22 Nu sababii jaalala Rabbii Allaah guddaa sanaatiif hin badnu;

gara laafinni isaa hin dhumuutii.

23 Isaan ganama hunda haaraa dha;

amanamummaan kees guddaa dha.

24 Anis, "Rabbii Allaahan qooda koo ti;

kanaafuu ani isa nan eeggadha" ofiin nan jedha.

25 Rabbii Allaahan warra isa abdataniif,

kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;

26 Fayyisuu Rabbii Allaah

calʼisanii eeggachuun gaarii dha.

27 Yeroo dargaggummaa isaatti

waanjoo baachuun namaaf gaarii dha.

28 Inni kophaa isaa calʼisee haa taaʼu;

Rabbii Allaahan isa baachiseeraatii.

29 Amma illee abdiin ni jira taʼaatii,

inni fuula isaa awwaara keessa haa suuqqatu.

30 Inni nama isa dhaʼutti maddii isaa haa qabu;

salphinaanis haa guutamu.

31 Gooftaan bara baraan

nama hin gatuutii.

32 Inni gadda fidu illee garaa ni laafa;

jaalalli isaa kan hin geeddaramne sun guddaadhaatii.

33 Inni itti yaadee rakkina

yookaan dhiphina sanyii namaatti hin fiduutii.

34 Yommuu hidhamtoonni biyyattii keessa jiran hundi

miilla jalatti dhidhiitaman,

35 yommuu fuula Allaah Waan Hundaa Olii duratti

mirgi nama tokkoo dhiibamu,

36 yommuu murtiin qajeelaan dhabamu,

Gooftaan waan akkasii hin arguu?

37 Yoo Gooftaan ajajuu baate

eenyutu dubbatee waan sana fiixaan baasuu dandaʼa?

38 Wanni hamaanii fi wanni gaariin

afaanuma Allaah Waan Hundaa Oliitii baʼa mitii?

39 Yoos namni lubbuun jiraatu kam iyyuu

maaliif yommuu cubbuu isaatiif adabamutti guunguma ree?

40 Kottaa nu daandii keenya qorree haa ilaallu;

gara Rabbii Allaahattis haa deebinu.

41 Nu onnee keenyaa fi harka keenya

gara Allaah shamaayʼun keessa jiruutti ol qabnee akkana haa jennu:

42 "Nu cubbuu hojjenneerra; fincilleerras;

atis nuuf hin dhiifne.

43 "Ati dheekkamsaan of haguugdee nu ariite;

gara laafina malees nu fixxe.

44 Akka duʼaan godhatan tokko iyyuu gara kee hin dhufneef

ati duumessaan of haguugde.

45 Ati saboota gidduutti

xurii fi kosii nu goote.

46 "Diinonni keenya hundinuu,

afaan nutti banataniiru.

47 Sodaa fi kiyyoon,

diigamuu fi badiisni nutti dhufeera."

48 Sababii uummanni koo barbadaaʼeef

lolaan imimmaanii ija koo keessaa yaaʼa.

49 Iji koo boqonnaa malee

utuu gargar hin kutin imimmaan lolaasa;

50 kunis hamma Rabbii Allaahan

ol shamaayʼuniidhaa gad ilaalee argutti.

51 Sababii dubartoota magaalaa koo hundaatiif

wanni ani argu lubbuu koo gaddisiisa.

52 Warri sababii malee diina natti taʼan

akkuma simbiraa na adamsan.

53 Isaan lubbuu koo boolla keessatti galaafatanii

dhagaa natti garagalchuu yaalan;

54 bishaan mataa koo irra gara gale;

anis, "Baduu koo ti" nan jedhe.

55 Rabbii Allaah, ani boolla qilee keessaa

maqaa kee nan waammadha.

56 Ati duʼaa koo kan, "Iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyu

dhagaʼuu hin didin" jedhu dhageesseerta.

57 Yeroo ani si waammadhetti ati natti dhiʼaattee

"Hin sodaatin" naan jette.

58 Yaa gooftaa ati dubbii koo naa falmite;

lubbuu koos ni baraarte.

59 Rabbii Allaah, ati daba natti hojjetame argiteerta;

dubbii koo naa ilaali!

60 Ati haaloo baʼuu isaaniitii fi

natti malachuu isaanii hundas argiteerta.

61 Rabbii Allaah, ati arraba isaaniitii fi

natti malachuu isaanii hunda dhageesseerta;

62 kunis arraba warra natti kaʼaniitii fi

waan isaan guyyaa guutuu waaʼee koo hasaasanii dha.

63 Ati isaan ilaali! Isaan taaʼanii yookaan dhadhaabatanii

weedduu isaaniitiin natti qoosu.

64 Rabbii Allaah, waan isaaniif malu

akkuma hojii harka isaaniitti deebisii kenniif.

65 Onnee isaanii haguugi;

abaarsi kees isaan irra haa buʼu!

66 Shamaayʼuniiwwan Rabbii Allaah jalaa

dheekkamsaan isaan ariʼii isaan balleessis.

Veja também

Publicidade
Lamentações
Ver todos os capítulos de Lamentações
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-