Publicidade

Lamentações 4

1 Warqeen akkamitti boorrajjaaʼe?

Warqeen qulqulluunis akkamitti geeddarame!

Dhagaawwan iddoo qulqulluu

fiixee daandiiwwan hundaa irratti bibittinnaaʼaniiru.

2 Ilmaan Xiyoon kanneen akka

warqee qulqulluutti ilaalamaa turan sun

amma akkamitti akka okkotee supheetti,

akka hojii suphee dhooftuutti ilaalamu!

3 Waangoonni iyyuu ilmaan isaanii hoosisuuf

harma isaanii ni kennu;

sabni koo garuu akkuma guchii gammoojjii

gara jabeessa taʼeera.

4 Sababii dheebuutiif arrabni daaʼimmanii

laagaatti maxxana;

ijoolleen buddeena kadhatti:

garuu namni isaaniif kennu tokko iyyuu hin jiru.

5 Warri dur cidha nyaachaa turan,

rakkatanii daandii irra jiru.

Warri dur uffata diimaa dhiilgee uffachaa turan

harʼa tuullaa dikee hammatu.

6 Adabbiin yakka saba koo

adabbii yakka Sodoom

kan utuu harki nama ishee gargaaruuf hin tuqin

tasa badde sanaa caalaa guddaa ture.

7 Ilmaan mootota isaanii cabbii caalaa qulqulluu,

aannan caalaa adaadii turan;

dhagni isaanii lula diimaa caalaa diimaa,

bifti isaanii immoo sanpeer fakkaata ture.

8 Amma garuu qaqaa caalaa gurraachaʼaniiru;

daandii irrattis namni isaan hubatu hin jiru.

Gogaan isaanii lafee isaaniitti maxxaneera;

akka mukaas gogeera.

9 Warra beelaan dhumanii mannaa,

warra goraadeedhaan ajjeefaman wayya;

Isaan waan nyaatamu lafa qotiisaa irraa dhabanii

beelaan alatti goggoganii dhumu.

10 Yeroo sabni koo dhumetti

dubartoonni gara laafoon harkuma isaaniitiin

akka nyaata isaanii taʼaniif

ijoollee ofii affeelan.

11 Rabbii Allaahan dheekkamsa isaa guutuu gad dhiise;

aarii isaa sodaachisaa sanas ni dhangalaase.

Xiyoon keessattis

ibidda hundeewwan ishee barbadeessu qabsiise.

12 Akka diinonni yookaan amajaajonni

karrawwan Yerusaalem seenuu dandaʼan,

mootonni biyya lafaa

yookaan sabni addunyaa tokko iyyuu hin amanne.

13 Garuu wanni kun sababii cubbuu

nabiiʼiyyoota isheetii fi balleessaa luboota ishee

kanneen ishee keessatti dhiiga qajeelotaa

dhangalaasan sanaatiif taʼe.

14 Isaan akkuma jaamotaa

daandii irra gatantaru.

Hamma namni tokko iyyuu wayyaa isaanii tuquu hin dandeenyetti

akka malee dhiigaan xuraaʼaniiru.

15 Namoonnis, "Isin xuraaʼoo dha! Asii badaa!

Badaa! Badaa! Nu hin tuqinaa!" jedhanii isaanitti iyyu.

Yommuu baqatanii asii fi achi jooranittis

saboonni Namoota Ormaa gidduu jiran,

"Isaan siʼachi as jiraachuu hin dandaʼan" jedhu.

16 Rabbii Allaah mataa isaatu isaan bittinneesse;

inni siʼachi isaan hin eegu.

Luboonni hin kabajamne;

maanguddoonni surraa hin arganne.

17 Akkasumaan gargaarsa eeggachuudhaan

iji keenya dadhabe;

gamoo keenya irra teenyee

saba nu baasuu hin dandeenye irraa gargaarsa eegganne.

18 Akka nu daandii keenya irra deemuu hin dandeenyeef

namoonni tarkaanfii keenya eegu.

Dhumni keenya dhiʼaateera; guyyoonni keenyas gabaabataniiru;

badiisni keenya dhufeeraatii.

19 Warri nu ariʼan

risaa shamaayʼun caalaa saffisu;

isaan tulluuwwan irraa nu ariʼanii

gammoojjii keessatti riphanii nu eeggatu.

20 Hafuurri lubbuu keenyaa kan Rabbii Allaahan dibe,

kiyyoo isaaniitiin qabame.

Nu waan gaaddidduu isaa jala,

Namoota Ormaa gidduu jiraannu seenee turre.

21 Yaa Intala Edoom kan biyya Uuzi keessa jiraattu

ati ililchi, gammadis.

Garuu xoofoon sun siifis ni kennama;

atis machooftee qullaa kee hafta.

22 Intala Xiyoon adabamuun kee ni dhuma;

inni bara boojiʼamuu keetii hin dheeressu.

Garuu yaa Intala Edoom, inni cubbuu kee ni adabe;

hammina kees ifatti baasa.

Veja também

Publicidade
Lamentações
Ver todos os capítulos de Lamentações
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-