Publicidade

Jeremias 5

Namni Tolaan Tokko Iyyuu Hin jiru

1 "Daandiiwwan Yerusaalem irra olii gadi deddeebiʼaa;

asii fi achi ilaalaatii qalbeeffadhaa;

oobdiiwwan ishee sakattaʼaa.

Isin yoo nama waan qajeelaa hojjetu,

kan dhugaa barbaadu tokko illee argattan

ani magaalaa kanaaf dhiifama nan godha.

2 Isaan utuma ‘Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa’ jedhanuu

amma iyyuu sobaan kakatu."

3 Rabbii Allaah, iji kee dhugaa hin barbaaduu?

Ati isaan dhoofte; garuu isaan hin dhukkubne;

ati isaan caccabsite; isaan garuu sirreeffamuu didan.

Isaan dhagaa caalaa mataa jabaatanii

qalbii jijjiirrachuu didan.

4 Anis akkana jedheen yaade;

"Jarri kunneen hiyyeeyyii dha; isaan gowwoota;

isaan karaa Rabbii Allaaha,

seera Allaah isaanii hin beekaniitii.

5 Kanaafuu ani hangafoota bira dhaqee isaanitti nan dubbadha;

dhugumaan isaan karaa Rabbii Allaaha,

seera Allaah isaaniis ni beeku."

Isaanis akkasuma waanjoo of irraa caccabsanii

hidhaas of irraa kukkutaniiru.

6 Kanaafuu leenci bosonaa baʼee isaan nyaata;

yeeyyiin gammoojjiis dhufee isaan balleessa;

qeerransi warra gad baʼan ciccirachuuf

magaalaawwan isaanii biratti riphee eeggata;

fincilli isaanii akka malee guddate;

duubatti deebiʼuun isaaniis baayʼateeraatii.

7 "Ani akkamiinan dhiifama isiniif gochuu dandaʼa?

Ijoolleen kee na dhiisanii

waaqeffatamtoota warra waaqeffatamtoota dhugaa hin taʼiniin kakataniiru.

Ani waan isaaniif barbaachisu hunda kenneefiin ture;

isaan garuu ni ejjan;

gara manneen sagaagaltuuwwaniitis gugatan.

8 Isaan korommii fardeenii kanneen akka gaariitti sooramanii dha;

tokkoon tokkoon isaanii niitii namaatti himimsu.

9 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?"

jedha Rabbii Allaahan.

"Ani mataan koo saba akka saba kanaa

haaloo hin baʼuu?

10 "Dallaa dhagaa isheetti ol baʼaatii balleessaa;

garuu guutumaan guutuutti miti.

Dameewwan ishee irraa ciraa;

sabni kun saba Rabbii Allaah miti.

11 Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa,

guutumaan guutuutti anaaf hin amanamne"

jedha Rabbii Allaahan.

12 Isaan waaʼee Rabbii Allaah soba dubbatan;

akkanas jedhan; "Inni homaa hin godhu!

Miidhaan tokko iyyuu nutti hin dhufu;

goraadee yookaan beela hin arginu.

13 Nabiiʼiyyoonni bubbee malee homaa miti;

dubbiin isaan keessa hin jiru;

wanni isaan dubbatan isaanumatti haa deebiʼu."

14 Kanaafuu Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:

"Sabni kun waan dubbii kana dubbateef,

ani dubbii koo afaan kee keessatti ibidda,

saba kana immoo qoraan ibiddi gubu nan godha.

15 Yaa mana Israaʼel," jedha Rabbii Allaahan;

"Ani saba duriitii fi jabaa,

saba ati afaan isaa hin beekne,

kan ati dubbii isaa illee hin hubanne tokko

biyya fagoodhaa sitti nan fida.

16 Manʼeen xiyya isaanii akkuma qabrii banamaa ti;

hundi isaaniis loltoota jajjaboo dha.

17 Isaan midhaan keetii fi buddeena kee ni nyaatu;

ilmaan keetii fi intallan kee ni ajjeesu;

bushaayee fi loon kee ni nyaatu;

wayinii keetii fi mukkeen harbuu keetii ni nyaatu.

Magaalaawwan dallaa jabaa qaban

kanneen ati amanatte sana goraadeedhaan barbadeessu.

18 "Taʼus ani bara sana keessa iyyuu guutumaan guutuutti isin hin balleessu" jedha Rabbii Allaahan. 19 "Yommuu namoonni, ‘Rabbii Allaahan keenya maaliif waan kana hunda nutti fide?’ jedhanii gaafatanitti, ati, ‘Isin akkuma na dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqeffatamtoota ormaa tajaajiltan sana, ammas biyya kan mataa keessanii hin taʼin keessatti ormoota ni tajaajiltu’ jettee isaanitti himta.

20 "Waan kana mana Yaaʼikuubitti himaa;

Yihuudaa keessattis labsaa:

21 Isin uummanni gowwaan hubannaa hin qabne,

warri utuu ija qabdanuu hin argine

kanneen utuu gurra qabdanuu hin dhageenye waan kana dhagaʼa.

22 Isin na hin sodaattanii?"

jedha Rabbii Allaahan.

"Fuula koo duratti hin hollattanii?

Ani galaanaaf cirracha daarii dallaa bara baraa kan inni

qaxxaamuruu hin dandeenye godhee tolcheera.

Dhaʼaan galaanaa yoo itti buʼe iyyuu isa diiguu hin dandaʼu;

galaanichi yoo huurse iyyuu, isa cabsee darbuu hin dandaʼu.

23 Sabni kun garuu mata jabeessaa fi fincilaa dha;

innis karaa irraa jalʼatee badeera.

24 Isaan garaa isaaniitti akkana hin jedhan;

‘Kottaa Rabbii Allaah keenya isa bokkaa arfaasaatii fi bokkaa birraa waqtiidhaan kennu,

isa torbanoota itti midhaan walitti qabannu

yeroo isaaniitti nuu kennu sana haa sodaannu.’

25 Balleessaan keessan waan kana isin irraa deebiseera;

cubbuun keessan waan gaarii isin dhabsiiseera.

26 "Saba koo gidduu namoota hamoo

akka warra nama qabuuf kiyyoo kaaʼaniitti,

akkuma nama kiyyoon simbirroo qabuutti riphanii eeggatantu jira.

27 Akkuma manʼeen simbiraan guutamu,

manneen isaanii sobaan guutamu;

isaanis sooreyyii fi jajjaboo taʼanii,

28 gabbatanii bareedaniiru;

hamminni isaanii dhuma hin qabu;

isaan murtii qajeelaa hin barbaadan.

Isaan dhimma ijoollee abbaa hin qabneetiif hin falman;

mirga hiyyeeyyiitiifis hin dhaabatan.

29 Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?"

jedha Rabbii Allaahan.

"Ani saba akkasii

haaloo hin baafadhuu?

30 "Wanni suukaneessaan nama rifachiisu tokko

biyyattii keessatti taʼeera:

31 Nabiiʼiyyoonni raajii sobaa dubbatu;

luboonni humnuma isaaniitiin biyya bulchu;

sabni koos waan akkasii jaallata;

isin garuu dhuma irratti maal gochuuf jirtu?

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-