1 Jalqaba bulchiinsa mootummaa Zedeqiyaa mootii Yihuudaatti, jiʼa shanaffaa waggaa sanaatti, waggaa afuraffaatti, Hanaaniyaan nabiiʼiyyichi ilmi Azuri, namni Gibeʼoon sun mana Rabbii Allaah keessatti, fuula lubootaatii fi uummata hundaa duratti akkana naan jedhe: 2 "Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha; ‘Ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsa. 3 Ani waggaa lama keessatti miʼoota mana Rabbii Allaah kanneen Nebukadnezar mootichi Baabilon asii guuree Baabilonitti geesse hunda iddoo kanatti deebisee nan fida. 4 Ani amma illee Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sanaa fi boojiʼamtoota Yihuudaadhaa gara Baabilonitti geeffaman kaan hunda iddoo kanatti deebisee nan fida; ani waanjoo mootii Baabilon nan cabsaatii’ jedha Rabbii Allaahan."
5 Ermiyaas nabiiʼiyyichi fuuluma lubootaatii fi uummata mana Rabbii Allaah keessa dhaabachaa turan hundaa duratti akkana jedhee Hanaaniyaa nabiiʼiyyichaaf deebii kenne; 6 "Ameen! Rabbii Allaahan waan kana haa godhu! Rabbii Allaahan miʼa mana Rabbii Allaahatii fi boojiʼamtoota boojiʼaman hunda Baabilonii iddoo kanatti deebisuudhaan raajii ati dubbatte haa raawwatu. 7 Taʼus waan ani utuu atii fi namoonni kun hundi dhageessanuu dubbadhu kana dhagaʼi: 8 Nabiiʼiyyoonni anaa fi siin dura turan bara duriitii jalqabanii akka biyyoota baayʼee fi mootummoota gurguddootti waraanni, badiisnii fi dhaʼichi dhufu raajaniiru. 9 Nabiiʼiyyiin nagaa raaju garuu yoo raajiin isaa sun fiixaan baʼe qofa akka Rabbii Allaahan biraa ergame beekama."
10 Ergasii Hanaaniyaan nabiiʼiyyichi morma Ermiyaas nabiiʼiyyichaa irraa waanjoo fuudhee cabse; 11 innis fuula nama hundaa duratti akkana jedhe; "Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Ani waggaa lama keessatti waanjoo Nebukadnezar mooticha Baabilon morma saboota hundaa irraa akkanuma nan cabsa.’ " Kana irratti Ermiyaas nabiiʼiyyichi karaa isaa qabatee qajeele.
12 Erga Hanaaniyaan nabiiʼiyyichi waanjoo morma Ermiyaas nabiiʼiyyichaa irraa cabsee booddee dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 13 "Dhaqiitii akkana jedhii Hanaaniyaatti himi; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Ati waanjoo mukaa cabsiteerta; garuu qooda isaa waanjoo sibiilaa ni argatta. 14 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha: Ani akka isaan Nebukadnezar mooticha Baabilon tajaajilan gochuuf morma saboota kana hundaa irra waanjoo sibiilaa nan kaʼaa; isaanis isa ni tajaajilu. Ani bineensa irratti illee ol aantummaa isaaf nan kenna.’ "
15 Ermiyaas nabiiʼiyyichis Hanaaniyaa nabiiʼiyyichaan akkana jedhe: "Yaa Hanaaniyaa dhagaʼi! Rabbii Allaahan si hin ergine; ati garuu akka sabni kun sobaa abdatu gooteerta. 16 Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha: ‘Ani lafa irraa sin balleessa; ati waan Rabbii Allaahan irratti fincila lallabdeef baruma kana duuta.’ "
17 Hanaaniyaa nabiiʼiyyichis wagguma sana keessa jiʼa torbaffaatti duʼe.