Publicidade

Jeremias 43

1 Erga Ermiyaas dubbii Rabbii Allaah isaanii kan Rabbii Allaahan akka inni nama hundatti himuuf isa erge sana dubbatee fixee booddee, 2 Azaariyaa ilmi Hooshaʼiyaa, Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi namoonni of tuulan hundi Ermiyaasiin akkana jedhan; "Ati ni sobda! Rabbii Allaahan keenya akka ati, ‘Isin achi jiraachuuf jettanii biyya Gibxi dhaquu hin qabdan’ jettuuf si hin ergine. 3 Baaruk ilmi Neeriyaa garuu akka ati akka isaan nu fixaniif yookaan boojiʼanii Baabilonitti nu geessaniif dabarsitee harka Baabilonotaatti nu kennituuf si kakaasaa jira."

4 Kanaafuu Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundii fi sabni hundi ajaja Rabbii Allaahan akka isaan biyya Yihuudaa turaniif kenneef sana didan. 5 Qooda kanaa Yoohaanaan ilmi Qaareyaatii fi ajajjoonni waraanaa hundi hambaa Yihuudaa kanneen biyyoota itti bibittinneeffaman hunda keessaa deebiʼanii biyya Yihuudaa keessa jiraachuuf dhufan hunda fudhatanii deeman. 6 Akkasumas dhiiraa dubartii, ijoollee fi intallan mootii kanneen Nebuzaradaan ajajaan eegumsaa sun Gedaaliyaas ilma Ahiiqaam, ilma Shaafaan, Ermiyaas nabiiʼiyyichaa fi Baaruk ilma Neeriyaa biratti dhiise sana hunda fudhatanii deeman. 7 Isaanis akkasiin Rabbii Allaahaf ajajamuu diduudhaan biyya Gibxitti galanii hamma Tahiphaanhees keessa lixan.

8 Tahiphaanheesittis dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 9 "Dhagaa gurguddaa guuriitii balbala masaraa Faraʼoon kan Tahiphaanhees jiru sanaa biratti utuma Yihuudoonni ilaalanuu afaa suphee keessatti qabbari. 10 Ergasii akkana isaaniin jedhi; ‘Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha: Ani tajaajilaa koo Nebukadnezar mooticha Baabilonitti nama ergee nan waama; teessoo isaa illee dhagaa asitti qabbare kana irra nan dhaaba; innis dunkaana mootummaa ofii isaa isa irratti ni diriirfata. 11 Inni dhufee Gibxin ni lola; warra duʼaaf ramadamanitti duʼa, warra boojuuf ramadamanitti boojuu, warra goraadeef ramadamanitti goraadee ni fida. 12 Inni manneen waaqeffannaa waaqeffatamtoota Gibxitti ibidda qabsiisa; manneen waaqeffannaa isaanii gubee waaqeffatamtoota isaanii tolfamoo illee boojiʼa. Akkuma Tikeen tokko wayyaa marxifattu sana innis biyya Gibxi marxifatee nagumaanis achii deema. 13 Inni achuma galma waaqeffannaa aduu biyya Gibxi keessatti utuboota waaqeffannaa caccabsee galma waaqeffannaa waaqeffatamtoota Gibxii illee ni guba.’ "

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_12-43-22-