Publicidade

Jeremias 23

Damee Qajeelaa

1 "Tiksoota hoolota karra koo balleessanii bittinneessiniif wayyoo!" jedha Rabbii Allaahan. 2 Kanaafuu Rabbii Allaahan Israaʼel tiksoota saba koo tiksaniin akkana jedha: "Waan isin bushaayee koo bittinneessitanii ariitanii fi eegumsa barbaachisu isaaniif hin godhiniif ani kunoo hammina isin hojjettaniif adabbii isinittin fida" jedha Rabbii Allaahan. 3 "Ani mataan koo hambaa bushaayee kootii biyyoota ani itti isaan ariʼee ture hunda keessaa walitti qabee karra isaaniitti nan deebisa; isaanis achitti ni horu; ni baayʼatus. 4 Anis tiksoota isaan tiksan isaaniif nan ramada; isaanis siʼachi hin sodaatan; yookaan hin rifatan, yookaan isaan keessaa tokko iyyuu hin badu" jedha Rabbii Allaahan.

5 "Barri ani itti Daawudiif damee qajeelaa tokko,

mootii ogummaadhaan bulchuu fi

waan sirrii fi qajeelaa taʼe

biyya kana keessatti hojjetu tokko kaasu ni dhufa" jedha Rabbii Allaahan.

6 Bara isaa keessa Yihuudaan ni fayya;

Israaʼelis nagaan jiraata;

maqaan inni ittiin waamamus:

Rabbii Allaahan Qajeelummaa Keenya jedhama.

7 "Kanaafuu barri itti namoonni siʼachi, ‘Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa isa Israaʼeloota Gibxii baasee fide sanaa’ hin jenne tokko ni dhufa" jedha Rabbii Allaahan; 8 "Isaan garuu, ‘Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa isa biyya Kaabaatii fi biyyoota itti isaan ariʼee ture hunda keessaa sanyiiwwan Israaʼel baasee fide sanaa’ jedhu. Ergasiis isaan biyya ofii isaanii keessa ni jiraatu."

Nabiiʼiyyoota Sobduu

9 Waaʼee nabiiʼiyyootaa,

onneen koo na keessatti cabeera,

lafeen koo hundi ni hollata;

sababii Rabbii Allaahatii fi

sababii dubbii isaa qulqulluu sanaatiif

ani akkuma nama machaaʼee

akka nama daadhii wayiniitiin moʼatamee nan taʼe.

10 Biyyattiin ejjitootaan guutamteerti,

sababii abaarsaatiif biyyattiin ni boossi;

kaloon gammoojjii keessaas ni goga.

Nabiiʼiyyoonni karaa hamaa duukaa buʼu;

aangoo isaaniittis karaa malee fayyadamu.

11 "Nabiiʼiyyoonnis, lubnis Allaahaf hin bulan;

ani mana koo keessatti iyyuu hammina isaanii argeera"

jedha Rabbii Allaahan.

12 "Kanaafuu karaan isaanii mucuca taʼa;

isaan dukkanatti gad darbatamu;

achittis ni kufu.

Bara isaan adabaman keessa,

ani badiisa isaanitti nan fida"

jedha Rabbii Allaahan.

13 "Nabiiʼiyyoota Samaariyaa gidduutti,

ani waan jibbisiisaa kana argeera:

Isaan maqaa Baʼaaliin raajanii

saba koo Israaʼelin karaa irraa jalʼisan.

14 Nabiiʼiyyoota Yerusaalem gidduutti

ani waan nama suukaneessu tokko argeera;

isaan ni ejju; sobaan jiraatus.

Akka namni tokko iyyuu hammina isaa irraa hin deebineef

isaan harka jalʼootaa jajjabeessu.

Isaan hundi anaaf akkuma Sodoom;

sabni Yerusaalem immoo akkuma Gomoraa ti."

15 Kanaafuu Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu waaʼee nabiiʼiyyootaa akkana jedha:

"Sababii nabiiʼiyyoota Yerusaalemiif,

waan xuraaʼummaan biyyattii keessa guuteef

ani akka isaan nyaata hadhaaʼaa

nyaatanii bishaan summaaʼes dhugan nan godha."

16 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:

"Waan nabiiʼiyyoonni isinii raajan hin dhaggeeffatinaa;

isaan abdii sobaatiin isin guutu.

Isaan utuu afaan Rabbii Allaahatii hin taʼin

mulʼata yaada ofii isaanii dubbatu;

yaada isaanii keessaa fuudhanii mulʼata dubbatu.

17 Isaan ittuma fufanii warra na tuffataniin,

‘Rabbii Allaahan akkana jedha: isin nagaa ni qabaattu’ jedhu.

Warra mata jabina yaada ofii isaanii

duukaa buʼan hundaan immoo, ‘Hamaan isin hin argatu’ jedhu.

18 Garuu isaan keessaa namni dubbii isaa arguuf yookaan dhagaʼuuf

waldaa Rabbii Allaah keessa dhaabate eenyu?

Namni dubbii isaatiif gurra kennee dhagaʼe eenyu?

19 Kunoo bubbeen Rabbii Allaaha,

dheekkamsaan ni buʼa;

bubbeen hamaanis

mataa hamootaa irratti gad bubbisa.

20 Dheekkamsi Rabbii Allaah

hamma inni kaayyoo yaada garaa isaa

guutumaan guutuutti raawwatutti duubatti hin deebiʼu.

Isin bara dhumaa keessa

waan kana akka gaariitti ni hubattu.

21 Ani nabiiʼiyyoota kanneen hin ergine;

isaan garuu ergaa ofii isaanii qabatanii fiiganiiru;

ani isaanitti hin dubbanne;

isaan garuu raajii dubbataniiru.

22 Isaan utuu waldaa koo keessa dhaabatanii jiraatanii

silaa dubbii koo saba kootti labsanii,

karaa isaanii jalʼaa sanaa fi

hojii isaanii hamaa sana irraa isaan deebisu ture.

23 "Ani Allaah fagootis malee

Allaah dhiʼoo qofaa?"

jedha Rabbii Allaahan.

24 "Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef

iddoo dhoksaa taʼe dhokachuu ni dandaʼa?"

jedha Rabbii Allaahan.

"Ani shamaayʼunii fi lafa illee nan guuta mitii?"

jedha Rabbii Allaahan.

25 "Ani waan nabiiʼiyyoonni maqaa kootiin soba raajan sun jedhan dhagaʼeera; isaanis, ‘Ani abjuu abjoodheera! Ani abjuu abjoodheera!’ jedhu. 26 Wanni akkasii kun hamma yoomiitti garaa nabiiʼiyyoota yaaduma ofii isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatan kanneenii keessa jiraata? 27 Nabiiʼiyyoonni kunneen abjuu walitti odeessaniin akka sabni koos akkuma abbootiin isaanii Baʼaalin waaqeffachuudhaan maqaa koo irraanfatanii turan sana maqaa koo irraanfachiisuu yaadu. 28 Nabiiʼiyyiin abjuu qabu abjuu isaa haa dubbatu; namni dubbii koo qabu immoo amanamummaadhaan haa dubbatu. Cidiin midhaan irraa maal qaba?" jedha Rabbii Allaahan. 29 "Dubbiin koo akkuma ibiddaatii fi akkuma burruusa kattaa caccabsu tokkoo mitii?" jedha Rabbii Allaahan.

30 "Kanaafuu ani kunoo nabiiʼiyyoota dubbii koo wal irraa hatan sanaan nan morma" jedha Rabbii Allaahan. 31 "Kunoo ani nabiiʼiyyoota afaanuma isaaniitiin, ‘Rabbii Allaahan akkana jedha’ jedhaniin nan morma" jedha Rabbii Allaahan. 32 "Ani dhugumaan warra abjuu sobaa raajaniin nan morma" jedha Rabbii Allaahan, "Isaan soba itti odeessanii saba koo karaa irraa balleessu; ani garuu isaan hin ergine yookaan isaan hin muudne. Isaan gonkumaa saba kana hin fayyadan" jedha Rabbii Allaahan.

Raajii Sobaa

33 "Yoo sabni kun yookaan nabiiʼiyyiin tokko yookaan lubni tokko, ‘Baʼaan Rabbii Allaah maal?’ jedhee si gaafatutti, ati immoo, ‘Baʼaa maalii? Ani sin gata jedha Rabbii Allaahan’ jedhiin. 34 Yoo Nabiiʼiyyiin tokko yookaan lubni tokko yookaan namni kam iyyuu, ‘Baʼaan Rabbii Allaah kanaa dha,’ jedhe, ani nama sanaa fi warra mana isaa jiraatan nan adaba. 35 Tokkoon tokkoon namaa michuu isaatiin yookaan fira isaatiin, ‘Deebiin Rabbii Allaahan kenne maali?’ Yookaan, ‘Rabbii Allaahan maal dubbata?’ jechuu qaba. 36 Egaa isin lammata, ‘Baʼaa Rabbii Allaaha,’ jettanii dubbachuu hin qabdan; dubbiin nama hundaa baʼaa ofii isaa taʼee isin immoo dubbii Allaah keenyaa, Allaah jiraataa, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu sanaa jalʼistuutii. 37 Ati ittuma fuftee nabiiʼiyyii tokkoon, ‘Deebiin Rabbii Allaahan siif kenne maali?’ Yookaan ‘Rabbii Allaahan maal dubbate?’ jetta. 38 Isin, ‘Baʼaan Rabbii Allaah kanaa dha’ yoo jettan iyyuu, Rabbii Allaahan akkana jedha; ani ‘Baʼaan Rabbii Allaah kanaa dha’ jechuu hin qabdan isiniin jedhu iyyuu isin jecha, ‘Baʼaan Rabbii Allaah kanaa dha’ jedhutti fayyadamtu. 39 Kanaafuu ani dhugumaan isin irraanfadhee magaalaa isinii fi abbootii keessaniif kenne wajjin fuula koo duraa isin nan gata. 40 Salphina bara baraa jechuunis qaanii bara baraa kan hin irraanfatamnes isinitti nan fida."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_12-43-22-