Publicidade

Jeremias 46

Ergaa Waaʼee Gibxi

1 Dubbiin Rabbii Allaah kan waaʼee sabootaatiif gara Ermiyaas nabiiʼiyyichaa dhufe kanaa dha:

2 Waaʼee Gibxi:

Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa, waggaa afuraffaatti ergaan kun gara waraana Faraʼoon Nekkoo mooticha Gibxi kan Nebukadnezar mootichi Baabilon laga Efraaxiis biratti Karkemiishitti moʼate sanaa dhufe:

3 "Gaachana keessan xinnaa fi

guddaa qopheeffadhaatii lolaaf baʼaa!

4 Fardeen feʼadhaa;

isaan yaabbadhaas!

Qoobii sibiilaa kaaʼadhaatii

iddoo iddoo keessan qabadhaa.

Eeboo keessan qaradhaa;

qomee sibiilaa illee uffadhaa!

5 Ani maal argaan jira?

Isaan naʼanii jiru;

dugda duubatti deebiʼaa jiru;

gootonni isaanii moʼatamaniiru.

Isaan utuu of duuba hin milʼatin ariitiin baqatu;

qixa hundaanuu gooliitu jira"

jedha Rabbii Allaahan.

6 "Fiigaan baqachuu hin dandaʼu;

yookaan namni jabaan jalaa hin baʼu.

Isaan karaa kaabaatiin

Laga Efraaxiis biratti guggufatanii kukkufu.

7 "Kan akka Abbayyaa,

akka laga bishaan isaa cabsee yaaʼuu ol kaʼu kun eenyu?

8 Gibxi akkuma Abbayyaa,

akkuma laga bishaan isaa cabsee yaaʼuutti ol kaati.

Isheenis, ‘Ani ol kaʼee lafa nan haguuga;

magaalaawwanii fi saba isaanii nan balleessa’ jetti.

9 Yaa fardeen, isin garmaamaa!

Yaa gaariiwwan, isinis guulaa!

Yaa gootota Itoophiyaatii fi Fuuxi warri gaachana baattan,

yaa namoota Luudi warri iddaa qabattan kaʼaatii fuula duratti qajeelaa.

10 Guyyaan sun garuu guyyaa Gooftaa, kan Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼuu,

guyyaa haaloo baʼuu, kan inni itti diinota isaa haaloo baafatuu dha.

Goraadeen hamma quufutti,

hamma dheebuu dhiigaan baʼutti nyaata.

Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

biyya kaabaa keessatti, Laga Efraaxiis biratti aarsaa dhiʼeessaatii.

11 "Yaa Gibxi durba qulqullittii,

Giliʼaaditti ol baʼiitii qoricha fudhadhu.

Ati akkasumaan qoricha hedduutti fayyadamta;

garuu hin fayyitu.

12 Saboonni qaanii kee ni dhagaʼu;

booʼichi kee lafa guuta.

Goonni tokko goota kaanitti gufata;

isaan lamaanuu wal qabatanii kufu."

13 "Dubbiin Rabbii Allaahan akka Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Gibxi dhaʼu Ermiyaas nabiiʼiyyichatti dubbate kanaa dha:

14 "Waan kana Gibxi keessatti dubbadhu; Migdoolittis labsi;

Memfiisii fi Tahiphaanhees keessatti illee akkana jedhaa labsaa:

‘Goraadeen warra naannoo keessan jiru ni fixaatii

isin iddoo iddoo keessan qabadhaatii qophaaʼaa.’

15 Gootonni kee maaliif kufanii diriiru?

Sababii Rabbii Allaahan gad isaan qabuuf isaan dhaabachuu hin dandaʼan.

16 Isaan ammumaa amma gufatu;

wal irrattis kukkufu.

Isaanis, ‘Kaʼaa goraadee cunqursaa

jalaa baanee gara saba keenyaattii fi

biyya itti dhalannetti ni deebinaa’ waliin jedhu.

17 Isaan achitti,

‘Faraʼoon mootichi Gibxi waca qofa;

inni carraa ofii isaa dhabeera’ jedhanii iyyu.

18 "Dhugaa ana jiraataa" jedha mootichi inni maqaan isaa

Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu taʼe sun

"kan gaarran keessaa Taaboor fakkaatu,

inni galaana cinatti Qarmeloosin fakkaatu tokko ni dhufa.

19 Ati kan Gibxi keessa jiraattu,

waan qabdu walitti qabadhuutii baqaaf qophaaʼi;

Memfiis ontee diigamtee

jiraattota malee haftiitii.

20 "Gibxi goromsa bareedduu dha;

garuu qarxaasaan

biyya kaabaatii isheetti ni dhufa.

21 Loltoonni isheen kiraadhaan bitattee gidduu ishee jiranis

akkuma jiboota cocoomanii ti.

Sababii guyyaan badiisaa,

yeroon itti isaan adabaman isaanitti dhufeef

isaanis garagalanii walumaan ni baqatu;

iddoo isaanii dhaabatanii of irraa deebisuu hin dandaʼan.

22 Gibxi yeroo diinni isheetti dhufutti

akkuma bofa waa baqatuu siiqsiti;

isaan akkuma namoota muka muraniitti

qottoo qabatanii isheetti dhufu.

23 Yoo inni hamma fedhe gobbate iyyuu,

isaan bosona ishee ciranii balleessu"

jedha Rabbii Allaahan.

"Isaan hawwaannisa caalaa baayʼatu;

lakkaaʼamuus hin dandaʼan.

24 Intalli Gibxi ni qaaneffamti;

dabarfamtees namoota kaabaatti ni kennamti."

25 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha: "Ani Aamoon Allaah Tebesitti, Faraʼoonitti, Gibxittii fi Allaah isheetti, mootota isheettii fi warra Faraʼoonin amanatanitti adabbii nan fida. 26 Ani dabarsee warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanitti, jechuunis Nebukadnezar mooticha Baabilonittii fi qondaaltota isaatti isaan kenna. Ergasii garuu Gibxi akkuma durii lafa namni keessa jiraatu ni taati" jedha Rabbii Allaahan.

27 "Yaa Yaaʼikuub tajaajilaa ko, ati hin sodaatin;

yaa Israaʼel atis hin naʼin.

Ani lafa fagootii sin baasa;

sanyii kee immoo biyya isaan itti boojiʼamanii nan fida.

Yaaʼikuub ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata;

namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.

28 Yaa Yaaʼikuub garbicha ko, ati hin sodaatin;

anis si wajjinan jiraatii"

jedha Rabbii Allaahan.

"Ani yoo saboota gidduu isaaniitti si bittinneesse sana

guutumaan guutuutti balleesse iyyuu

ani guutumaan guutuutti si hin balleessu.

Ani sin adaba; garuu qajeelummaa qofaan;

akka ati utuu hin adabaminuu gad dhiifamtu hin godhu."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-