1 Yeroo Nebukadnezar mootichi Baabiloniitii fi loltoonni isaa hundi, mootummoonnii fi saboonni biyya inni bulchu keessa jiraatan hundi Yerusaalemii fi magaalaawwan naannoo ishee hunda lolaa turanitti dubbiin akkana jedhu tokko Rabbii Allaah biraa gara Ermiyaas dhufe; 2 "Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: Gara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa dhaqiitii akkana jedhiin; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ishee guba. 3 Ati dhugumaan qabamtee dabarfamtee isatti kennamta malee harka isaa jalaa hin miliqxu. Mootii Baabilon ijuma keetiin ni argita; innis kallattiin si wajjin ni dubbata. Atis Baabilonitti ni geeffamta.
4 " ‘Taʼus yaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, ati dubbii Rabbii Allaah dhagaʼi. Rabbii Allaahan waaʼee kee akkana jedha: Ati goraadeen hin duutu; 5 garuu nagumaan duuta. Namoonni akkuma ulfina qabrii abbootii keetii mootota siin duraatiif ibidda qabsiisan sana ulfina keetiif ibidda qabsiisanii, "Wayyoo yaa Gooftaa!" jedhanii booʼu. Ani mataan koo dubbii kana dubbadheeraatii, jedha Rabbii Allaahan.’ "
6 Ermiyaas nabiiʼiyyichi Yerusaalem keessatti waan kana hunda Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti hime; 7 yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa jechuunis Laakkiishii fi Azeeqaa lolaa turan. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban keessaa kanneen hafan isaanuma kana qofa turaniitii.
8 Erga Zedeqiyaa mootichi bilisummaa garbootaa labsuuf jedhee uummata Yerusaalem keessa jiraatu hunda wajjin kakuu galee booddee dubbiin tokko Rabbii Allaah biraa gara Ermiyaas dhufe. 9 Tokkoon tokkoo namaa garba isaa dhiiraa dubartii sanyii Ibrootaa taʼan bilisa baasuu qaba ture; namni kam iyyuu Yihuudii sanyii isaa taʼe tokko garbummaa keessatti hambisuu hin qabu. 10 Kanaafuu qondaaltonnii fi namoonni kakuu sana seenan hundi garboota isaanii dhiirotaa dubartii bilisa baasuu fi akka siʼachis isaan hin garboomfanne walii galan. Isaanis tole jedhanii jara bilisa baasan. 11 Ergasii garuu yaada isaanii geeddaratanii garboota bilisa baasanii turan sana deebifatanii amma illee garboomfatan.
12 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 13 "Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: Ani yeroon Gibxii biyya garbummaatii isaan baasetti abbootii keessan wajjin akkana jedhee kakuu gale; 14 ‘Tokkoon tokkoon keessan waggaa torba torbatti nama sanyii Ibrootaa kan isinitti of gurgure kam iyyuu bilisa baasuu qabdu. Erga inni waggaa jaʼa isin tajaajilee booddee isin gad isa dhiisuu qabdu.’ Abbootiin keessan garuu na hin dhageenye; gurras naa hin kennine. 15 Isin immoo dhiʼoo kana qalbii jijjiirrattanii waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe gootaniirtu: Tokkoon tokkoon keessanis lammiiwwan keessaniif bilisummaa labsitaniirtu. Mana Maqaa kootiin waamamu keessatti fuula koo duratti kakuu galtaniirtu. 16 Amma garuu garagaltanii maqaa koo xureessitan; tokkoon tokkoon keessan garboota dhiiraa dubartii isin akka isaan gara fedhan deemaniif bilisa baaftanii turtan sana deebiftanii fudhattaniirtu. Akka isaan ammas garboota keessan taʼaniif isaan dirqamsiiftaniirtu.
17 "Kanaafuu Rabbii Allaahan akkana jedha: Isin naaf hin ajajamne; lammiiwwan keessaniifis bilisummaa hin labsine. Kanaafuu ani amma, ‘Bilisummaa isinii nan labsa’ jedha Rabbii Allaahan; ‘Bilisummaan’ kunis bilisummaa goraadeedhaan, dhaʼichaa fi beelaan dhumuu ti. Ani fuula mootummoota lafaa hundaa durattis akka isin jibbamtan nan godha. 18 Warra kakuu koo cabsanii walii galtee kakuu fuula koo duratti godhan sanaa hin eegin immoo akkuma jabbii isaan iddoo lamatti qoodanii gidduu isaanii baʼanii darban sanaa nan godha. 19 Dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, qondaaltota mana murtii, lubootaa fi uummata biyyattii kanneen jabbii gargar qoodame sana gidduu baʼanii darban hunda, 20 dabarsee diinota lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti nan kenna. Reeffi isaanii allaattii shamaayʼuniitii fi bineensota lafaatiif nyaata ni taʼa.
21 "Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatii fi qondaaltota isaa dabarsee diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti, loltoota mootii Baabilon kanneen isin loluu irraa deebiʼanitti nan kenna. 22 Ani ajaja kennee, gara magaalaa kanaatti deebisee isaan nan fida jedha Rabbii Allaahan. Isaanis ishee ni lolu; qabataniis ibiddaan ishee gubu. Anis akka namni tokko iyyuu keessa hin jiraanneef magaalaawwan Yihuudaa nan onsa."