Publicidade

Jeremias 48

Ergaa Waaʼee Moʼaab

1 Waaʼee Moʼaab:

Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha:

"Neboof wayyoo; isheen ni diigamtiitii.

Kiriyaataayimis ni salphatti; ni qabamti;

daʼoowwan ishees ni qaaneffamu; ni diigamus.

2 Moʼaab siʼachi hin jajamtu;

namoonni Heshboon keessatti,

‘Kottaa saba sana ni balleessinaa’ jedhanii waaʼee kufaatii ishee mariʼatu.

Yaa magaalaa Maadmeen jedhamtu atis ni calʼista;

goraadeen si ariʼaatii.

3 Iyya Hooronaayimii dhufu,

iyya barbadaaʼuu fi badiisaa guddaa dhagaʼaa!

4 Moʼaab ni cabdi;

ijoolleen ishees ni booʼu.

5 Isaan akka malee booʼaa,

Luuhiitiitti ol baʼu;

karaa gara Hooronaayimitti gad buusu irratti

iyya badiisaa dhagaʼu.

6 Baqadhaa! Lubbuu keessan baafadhaa;

akka daggala gammoojjii keessaa taʼaa.

7 Isin waan hojii keessanii fi qabeenya keessan amanattaniif,

boojuudhaan fudhatamtanii ni deemtu;

Kemooshis luboota isaatii fi

qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatama.

8 Balleessituun sun magaalaa hundatti ni dhufa;

magaalaan tokko iyyuu isa jalaa hin baʼu.

Sababii Rabbii Allaahan dubbateef sululli ni bada;

dirreenis ni barbadeeffama.

9 Moʼaabitti soogidda firfirsi;

isheen ni baddiitii;

magaalaawwan ishees

nama isaan keessa jiraatu dhabanii onu.

10 "Namni garaa hirʼuudhaan hojii Rabbii Allaah hojjetu abaaramaa haa taʼu!

Namni goraadee isaatiin dhiiga dhangalaasuu didus abaaramaa haa taʼu!

11 "Moʼaab akkuma daadhii wayinii kan siicoo isaa irratti hafe

kan okkotee tokko keessaa gara okkotee kaaniitti gara hin galfaminii

ijoollummaa isheetii jalqabdee boqochaa turte;

boojiʼamtees hin fudhatamne.

Kanaafuu isheen akkuma durii miʼoofti;

urgaan ishees hin geeddaramne.

12 Garuu barri ani itti namoota okkotee keessaa dhangalaasan ergu tokko ni dhufa.

Isaanis gad ishee naqu;

okkotee ishee duwwaa hambisanii

gaanii ishee cabsu" jedha Rabbii Allaahan.

13 "Yoos akkuma manni Israaʼel

yeroo Beetʼeelin amanatetti qaanaʼe sana

Moʼaabis Kemooshitti ni qaanaʼa.

14 "Isin akkamiin ‘Nu gootota;

nu waraana keessatti jajjaboo dha’ jechuu dandeessu?

15 Moʼaab ni barbadoofti; magaalaawwan ishees ni qabatamu;

dargaggoonni ishee filatamoon gara qalmaatti geeffamu"

jedha Mootichi maqaan isaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼu jedhamu sun.

16 "Kufaatiin Moʼaab gaʼeera;

badiisni ishees dafee ni dhufa.

17 Warri naannoo ishee jiraatan hundi,

warri maqaa ishee beektan hundi

‘Bokkuun jabaan sun akkamitti cabe!

Uleen ulfina qabeessi sun akkamitti cabe!’ jedhaa booʼaafii.

18 "Yaa jiraattuu Diiboon,

ulfina kee irraa gad buʼiitii

lafa goggogaa irra taaʼi!

Barbadeessaan Moʼaab sun sitti dhufee

magaalaawwan kee kanneen

dallaa jabaan marfaman ni diigaatii.

19 Ati kan Aroʼeer keessa jiraattu,

karaa cina dhaabadhuutii ilaali.

Dhiira baqatuu fi dubartii miliqxu gaafadhu;

‘Maaltu dhalate?’ jedhii isaan gaafadhu.

20 Moʼaab waan diigamteef qaanofteerti.

Wawwaadhuu booʼi!

Arnoon biratti

akka Moʼaab barbadooftee jirtu labsi.

21 Murtiin dirree ol kaʼaatti:

Hooloonitti, Yaahizaa fi Meefiʼaatti,

22 Diiboonitti, Neboo fi Beet Diblaataayimitti,

23 Kiriyaataayimitti, Beet Gaamulii fi Beet Meʼoonitti,

24 Keriiyoottii fi Bozraatti,

magaalaawwan Moʼaab kanneen fagoo fi dhiʼoo jiran hundatti dhufeera.

25 Gaanfi Moʼaab irraa murameera;

irreen ishees caccabeera"

jedha Rabbii Allaahan.

26 "Waan isheen Rabbii Allaahatti koorteef

dhugaatiidhaan ishee macheessaa.

Moʼaab diddiga ofii ishee irra haa gangalattu;

waan qoosaas haa taatu.

27 Israaʼel si duratti waan qoosaa hin turree?

Akka ati yeroo waaʼee ishee dubbattu hunda

tuffiidhaan mataa kee isheetti raaftuuf

isheen hattoota gidduutti qabamtee?

28 Isin warri Moʼaab keessa jiraattan,

magaalaawwan keessan keessaa baʼaatii kattaawwan keessa jiraadhaa.

Akkuma gugee mana ishee

afaan holqaatti ijaarrattuu taʼa.

29 "Nu waaʼee of tuulummaa Moʼaab

jechuunis akka malee of guddisuu fi ofiin boonuu ishee,

of tuuluu fi of jajuu ishee,

of bokoksuu ishee dhageenyeerra.

30 Ani addaggummaa Moʼaab beeka; garuu faayidaa hin qabaatu" jedha Rabbii Allaahan;

"Of tuuluun ishees homaa hin fayyaduuf"

31 Kanaafuu ani Moʼaabiif nan wawwaadha;

Moʼaab hundaaf hiqqifadhee booʼa;

ani namoota Qiir Hareeshetiif nan gadda.

32 Yaa muka wayinii Sibimaa,

ani akkuma Yaʼizeeriif booʼu sana siifin booʼa.

Dameen kee hamma galaanaatti diriirtee fagaatte;

isheen hamma galaana Yaʼizeeritti diriirtee deemti.

Balleessituun sun ija kee bilchaataa fi

hurbuu wayinii keetii irra buʼeera.

33 Lafa biqiltuutii fi lafa qotiisaa

midhaan Moʼaab keessaa ilillee fi gammachuun badeera.

Ani iddoo itti wayinii cuunfan irraa wayinii kuteera;

namni tokko iyyuu gammadaa sirbee isaan hin cuunfu.

Wacni yoo jiraatee illee

inni waca gammachuu miti.

34 "Sababii bishaan Niimriim gogeef,

sagaleen iyya isaanii ol kaʼee,

Heshboonii hamma Eleʼaaleettii fi Yaahaziitti,

Zoʼaarii hamma Hooronaayimittii fi hamma Eglaati Sheelishiyaatti ni dhagaʼama ture.

35 Ani warra iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti

aarsaa dhiʼeessanii waaqeffatamtoota isaaniif ixaana aarsan

Moʼaab keessaa nan balleessa" jedha Rabbii Allaahan.

36 "Kanaafuu garaan koo akkuma ulullee faarsee Moʼaabiif booʼa;

akkuma ulullee faarsee namoota Qiir Hareeshetiif booʼa.

Qabeenyi isaan horatan duraa badeera.

37 Mataan hundinuu haadamee

hareedni hundinuu cirameera;

harki hundinuu muramee mudhiin hundis

wayyaa gaddaatiin hidhameera.

38 Waan ani akkuma okkotee namni tokko iyyuu hin feeneetti

Moʼaabin caccabseef

bantii mana Moʼaab hunda irraa fi oobdii sabaa keessa

booʼicha malee wanni tokko iyyuu hin jiru"

jedha Rabbii Allaahan.

39 "Isheen akkam akkas caccabde! Isaan akkam akkas wawwaatu!

Moʼaab akkam akkas dugda ishee qaaniidhaan garagalfatte!

Moʼaab waan kolfaa taatee,

warra naannoo ishee jiraatan hundaaf waan sodaa taateerti."

40 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Ilaa! Risaan tokko Moʼaab irratti

qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira.

41 Keriiyooti ni qabamti;

daʼannoon ishee jajjaboonis ni fudhatamu.

Bara sana keessa garaan loltoota Moʼaab

akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.

42 Moʼaab sababii Rabbii Allaah tuffatteef

barbadooftee saba taʼuun ishee ni hafa.

43 Yaa saba Moʼaab sodaan,

boollii fi kiyyoon si eeggata"

jedha Rabbii Allaahan.

44 "Namni sodaa sana duraa baqatu

kam iyyuu boolla keessa buʼa;

namni boolla sana keessaa ol baʼu

kam iyyuu kiyyoodhaan qabama;

ani Moʼaabitti

waggaa adabamuu ishee nan fidaatii"

jedha Rabbii Allaahan.

45 "Baqattoonni waan taʼan dhabanii

gaaddisa Heshboon jala dhadhaabatu;

Heshboon keessaa ibiddi tokko,

Sihoon gidduudhaas arrabni ibiddaa ni kaʼaatii;

inni adda Moʼaab guba,

buqqee mataa of tuultotaas ni guba.

46 Yaa Moʼaab siif wayyoo!

Uummanni Kemoosh barbadaaʼeera;

Ilmaan kee boojiʼamanii fudhatamaniiru;

intallan kees boojiʼamaniiru.

47 "Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa

hambaa Moʼaab deebisee nan dhaaba"

jedha Rabbii Allaahan.

Murtiin Moʼaabitti murame sun asitti dhuma.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-