Publicidade

Jeremias 29

Xalayaa Boojiʼamtootaaf Ergame

1 Dubbiin xalayaa kan Ermiyaas nabiiʼiyyichi Yerusaalem irraa gara maanguddoota namoota boojiʼaman gidduutti hafaniittii fi lubootatti, nabiiʼiyyootattii fi warra Nebukadnezar Yerusaalemii boojiʼee Baabilonitti geesse kaan hundatti erge sanaa kanaa dha. 2 Kunis erga Yehooyaakiin mootichii fi haati isaa mootittiin, xuʼaashiiwwan, dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, ogeeyyii hojii mukaatii fi tumtuuwwan Yerusaalemii boojiʼamanii deemanii booddee taʼe. 3 Innis xalayaa sana harka Eleʼaasaa ilma Shaafaaniittii fi Gemaariyaa ilma Hilqiyaa warra Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti erge sanaatti kenne. Xalayaan sunis akkana jedha:

4 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel warra boojuudhaan Yerusaalemii gara Baabilonitti geeffaman hundaan akkana jedha: 5 "Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa. 6 Niitii fuudhaatii ilmaanii fi intallan dhalchaa; akka isaanis ilmaanii fi intallan dhalchaniif ilmaan keessan niitii fuusisaa; intallan keessan illee heerumsiisaa. Isinis achitti baayʼadhaa malee hin xinnaatinaa. 7 Magaalaa ani boojuudhaan itti isin ergeef illee nagaa fi badhaadhummaa hawwaa. Yoo isheen badhaate, isinis waan badhaataniif isheedhaaf Rabbii Allaah duratti duʼaa godhaa." 8 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedhaatii: "Nabiiʼiyyootaa fi ilaaltota isin gidduu jiraataniin hin gowwoomfaminaa. Abjuu akka isaan abjootaniif isaan kakaaftan sana hin dhaggeeffatinaa. 9 Isaan maqaa kootiin soba isiniif raaju. Ani isaan hin ergine" jedha Rabbii Allaahan.

10 Rabbii Allaahan akkana jedha: "Yeroo Waggaan torbaatamni Baabiloniif kenname sun xumuramutti ani gara keessan dhufeen waadaa akka iddoo kanatti isin deebisuuf gale sana nan raawwadha. 11 Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Rabbii Allaahan. 12 "Isinis na waammattu; dhuftaniis na duratti duʼaa godhattu; anis isin nan dhagaʼa. 13 Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu. 14 Anis akka isin na argattan nan godha; boojuudhaa deebisees isin nan fida" jedha Rabbii Allaahan. "Ani sabootaa fi lafa ani itti isin ariʼee ture hunda keessaa walitti isin qabee gara biyya ani keessaa baasee isin boojiʼamsiise sanaatti deebisee isinan fida" jedha Rabbii Allaahan.

15 Sababii isin, "Rabbii Allaahan Baabilon keessatti nabiiʼiyyoota nuu kaaseera" jettaniif 16 Rabbii Allaahan waaʼee mootii teessoo Daawud irra taaʼuutii fi waaʼee namoota magaalaa kana keessatti hafan hundaa, firoota keessan kanneen isin wajjin boojiʼamanii Baabilonitti hin geeffaminii akkana jedha; 17 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: "Ani goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga; akka isaan akkuma ija harbuu kan tortoree namni nyaachuu hin dandeenyee taʼanis isaan nan godha. 18 Ani goraadee, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan ariʼa; akka isaan saboota ani itti isaan ariʼe hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan sodaachisaa, waan tuffiitii fi waan fafaa taʼaniif ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti jibbisiisoo isaan nan godha. 19 Isaan dubbii koo, dubbii ani ammumaa amma karaa tajaajiltoota koo nabiiʼiyyootaatiin isaanitti erge hin dhaggeeffanneetii" jedhan Rabbii Allaah. "Isin warri boojiʼamtanis akkasuma hin dhaggeeffanne" jedha Rabbii Allaahan.

20 Kanaafuu isin boojiʼamtoonni ani Yerusaalemii baasee gara Baabilonitti erge hundi dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa. 21 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel waaʼee Ahaab ilma Qolaayaatii fi waaʼee Maʼaseyaa ilma Zedeqiyaa warra maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbatan sanaa akkana jedha: "Ani dabarsee Nebukadnezar mooticha Baabilonitti isaan kenna; innis ijuma keessan duratti isaan fixa. 22 Sababii isaaniitiifis boojiʼamtoonni Yihuudaa warri biyya Baabilon jiraatan, ‘Rabbii Allaahan akka Zedeqiyaatii fi akka Ahaab warra Nebukadnezar mootichi Baabilon ibiddaan gube sanaa si haa godhu!’ jedhanii wal abaaru. 23 Isaan waan akka malee hamaa taʼe Israaʼel keessatti hojjetaniiruutii; isaan niitota ollaa isaanii wajjin ejjaniiru; waan ani akka isaan hojjetan isaanitti hin himin hojjechuudhaan maqaa kootiin soba dubbataniiru; ani waan kana nan beeka; dhugaa illee nan baʼa" jedha Rabbii Allaahan.

Dhaamsa Shemaaʼiyaatti Ergame

24 Shemaaʼiyaa namicha Nehelaamiin akkana jedhi: 25 "Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha: Ati namoota Yerusaalem keessa jiraatan hundatti, Sefaaniyaa ilma Maʼaseyaa lubichaattii fi luboota biraa hundatti maqaa keetiin xalayaa ergiteerta. Sefaaniyaanis akkana jetteerta; 26 ‘Rabbii Allaahan akka ati mana Rabbii Allaah keessatti itti gaafatamaa taatuuf iddoo Yehooyaadaa luba godhee si muudeera; ati maraatuu raajii dubbatu kam iyyuu miilla isaa jirma gidduu, morma isaa immoo hudhaa sibiilaa keessa galchitee hidhuu qabda. 27 Yoos ati maaliif Ermiyaas namicha Anaatoot kan gidduu keessanitti raajii dubbatu sana ifachuu dhiifte ree? 28 Inni akkana jedhee dhaamsa kana gara keenya, gara Baabilonitti ergeera: Barri boojuu ni dheerata. Kanaafuu manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu illee dhaabadhaa ija isaa nyaadhaa.’ "

29 Sefaaniyaa lubichis xalayaa sana Ermiyaas nabiiʼiyyichaaf dubbise. 30 Kana irratti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 31 "Ergaa kana boojiʼamtoota hundatti ergi; ‘Rabbii Allaahan waaʼee Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa akkana jedha: Waan Shemaaʼiyaan yoo ani isa erguu baadhe iyyuu raajii isinii dubbatee akka isin soba amanattan godheef 32 Rabbii Allaahan akkana jedha: ani dhugumaan Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa fi sanyii isaa nan adaba. Inni saba kana gidduutti hambaa tokko iyyuu hin qabaatu yookaan waan gaarii ani saba kootiif godhu hin argu; inni na mormuun fincila lallabeeraatii’ jedha Rabbii Allaahan."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_06-35-37-