Publicidade

Jeremias 45

Dhaamsa Baarukitti Ergame

1 Bara Yehooyaaqiim ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa ture keessa waggaa afuraffaatti Baaruk ilmi Neeriyaa dubbii Ermiyaas irraa dhagaʼe kitaaba maramaa irratti barreesse; dubbiin Ermiyaas nabiiʼiyyichi Baarukitti himes kanaa dha: 2 "Yaa Baaruk, Rabbii Allaahan Israaʼel akkana siin jedha: 3 ati, ‘Anaaf wayyoo! Rabbii Allaahan dhibee koo irratti gadda natti dabaleera; ani aaduudhaan laafee boqonnaa dhabeera’ jette. 4 Rabbii Allaahan akkana jedhe; ‘Akkana jedhiin: Rabbii Allaahan akkana jedha; ani guutummaa biyyattii keessaa waanan ijaare nan diiga; waanan dhaabe illee nan buqqisa. 5 Egaa ati ofii keetiif waan gurguddaa ni barbaaddaa? Isaan hin barbaadin. Ani saba hundatti badiisa nan fida; garuu lafa dhaqxu hundatti lubbuu kee boojuu godhee siifan kenna, jedha Rabbii Allaahan.’ "

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-