1 Dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe; 2 "Dhaqiitii gurra Yerusaalemiitti akkana jedhii labsi:
"Allaahan akkana jedha:
" ‘Ani amanamummaa kee kan yeroo dargaggummaa,
akka ati akkuma misirrittiitti na jaallattee
lafa gammoojjii keessa,
lafa midhaan itti hin facaafamin keessa na duukaa buute nan yaadadha.
3 Israaʼel kan Rabbii Allaahaf qulqulloofte sun,
mataa midhaan isaa turte;
warri ishee nyaatan hundis
akka nama yakka hojjeteetti ilaalamu ture;
badiisnis isaanitti dhufe’ " jedha Rabbii Allaahan.
4 Yaa mana Yaaʼikuub,
isin maatiiwwan mana Israaʼel hundinuus dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa.
5 Rabbii Allaahan akkana jedha:
"Abbootiin keessan kan akkas narraa fagaatan
balleessaa maalii narratti arganiitii?
Isaan waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabne faana buʼanii
isaanumtuu warra faayidaa hin qabne taʼan.
6 Isaanis, ‘Rabbii Allaahan inni Gibxii nu baasee,
gammoojjii homtuu keessa hin jirre keessaan,
lafa gammoojjii fi dhooqaa keessaan
lafa hongee fi dukkanaa,
biyya namni tokko iyyuu keessa hin dabarree fi
keessa hin jiraanne keessaan dabarsee
nu fide sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.
7 Ani akka isin ija ishee nyaattanii midhaan isheetti gammaddaniif
gara lafa gabbataatti isin fideera.
Isin garuu dhuftanii biyya koo xureessitan;
handhuuraa koos akka jibbamu gootan.
8 Luboonnis, ‘Rabbii Allaahan eessa jira?’
jedhanii hin gaafanne.
Warri seera wajjin oolanis na hin beekne;
bulchitoonni natti fincilan;
nabiiʼiyyoonnis waaqeffatamtoota faayidaa hin qabne duukaa buʼanii
maqaa Baʼaaliin raajii dubbatan.
9 "Kanaafuu ani amma iyyuu isin wajjin falmii qaba"
jedha Rabbii Allaahan.
"Ijoollee ijoollee keessanii wajjinis falmii nan qabaadha.
10 Mee gara qarqara Kitiimitti ceʼaatii ilaalaa;
gara Qeedaarittis nama ergaatii qalbiidhaan qoradhaa;
yoo duraan wanni akkasii taʼee jiraates ilaalaa.
11 Yoo isaan waaqeffatamtoota taʼuu baatan iyyuu
sabni tokko takkumaa waaqeffatamtoota isaa geeddaree beekaa?
Uummanni koo garuu
ulfina isaa waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabneen geeddareera.
12 Yaa shamaayʼuniiwwan, waan kana dinqifadhaa;
naasuu guddaadhaanis holladhaa"
jedha Rabbii Allaahan.
13 "Uummanni koo cubbuu lama hojjete:
Isaan ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisanii
boolla bishaanii ofii isaanii,
boolla bishaanii baqaqaa
bishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.
14 Israaʼel garbaa? Inni garbicha manatti dhalatee?
Yoos inni maaliif boojiʼame ree?
15 Leenconni aadaniiru;
isattis gururiʼaniiru.
Isaan biyya isaa onsaniiru;
magaalaawwan isaas gubamanii duwwaa hafaniiru.
16 Akkasumas namoonni Memfiisii fi
Tahiphaanhees mataa kee buruqsaniiru.
17 Ati yeroo inni karaa irra si qajeelchetti,
Rabbii Allaah, Allaah kee dhiisuudhaan
waan kana ofitti fiddeerta mitii?
18 Egaa ati maaliif Shihoorii bishaan dhuguuf jettee
biyya Gibxi dhaqxa?
Maaliifis bishaan laga Efraaxiis
dhuguuf jettee Asoor dhaqxa?
19 Hamminni kee si adaba;
duubatti deebiʼuun kees si ifata.
Ati Rabbii Allaah, Allaah kee dhiiftee
na sodaachuu diduun kee
hammam hamaa fi hadhaaʼaa akka sitti taʼe ilaalii hubadhu"
jedha Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
20 "Ani bara dheeraan dura waanjoo kee sirraa cabseera;
hidhaa kees sirraa kukkuteera.
Ati garuu, ‘Ani si hin tajaajilu’ jette!
Ati garuu akkuma sagaagaltuu tokkootti
tulluuwwan dhedheeroo hunda irraa fi
mukkeen lalisoo hunda jala ciifte.
21 Ani garuu muka wayinii filatamaa,
kan sanyiin isaa guutumaan guutuutti qulqulluu taʼe godhee si dhaabbadheen ture.
Yoos ati akkamitti wayinii diidaa
taatee natti geeddaramte ree?
22 Ati yoo daaraadhaan dhiqattee
saamunaa hedduutti fayyadamte iyyuu,
xuriin yakka keetii amma illee fuula koo dura jira"
jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.
23 "Ati akkamitti, ‘Ani hin xuroofne;
Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa?
Waan sulula keessatti taʼaa turte yaadadhu;
waan hojjechaa turtes qalbeeffadhu.
Ati gaala dhalaa asii fi
achi fiigduu dha;
24 harree diidaa kan gammoojjii barattee
fedhii kormaatiin qilleensa suufattu tokko,
maaltu fedhii ishee irraa ishee deebisuu dandaʼa?
Kormi ishee barbaadu kam iyyuu ishee argachuuf hin rakkatu;
inni yeroo gaanaatti ishee argata.
25 Miilla kee kophee malee deemuu irraa,
laagaa kee immoo dheebuu irraa eeggadhu.
Ati garuu, ‘Kun waan abdii hin qabnee dha!
Ani waaqeffatamtoota ormaa nan jaalladha;
isaan faanas nan buʼa’ jette.
26 "Akkuma hattuun yeroo qabamtu salphifamtu sana
manni Israaʼel ni salphifama;
isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii,
luboonni isaaniitii fi nabiiʼiyyoonni isaanii ni salphifamu.
27 Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’
dhagaadhaan immoo, ‘Situ na dhale’ jedhu.
Isaan dugda isaanii malee
fuula isaanii natti hin deebifanneetii;
taʼus isaan yeroo rakkatanitti,
‘Kottuu nu baasi!’ jedhu.
28 Waaqeffatamtoonni ati ofiif tolfatte sun eessa jiru?
Isaan yoo si baasuu dandaʼan
mee yeroo ati rakkina keessa jirtutti haa dhufan!
Yaa Yihuudaa, ati akkuma magaalaa hedduu qabdu sana
waaqeffatamtoota hedduu qabdaatii.
29 "Isin maaliif na himattu?
Isin hundinuu natti finciltaniirtu"
jedha Rabbii Allaahan.
30 "Ani akkasumaanan ijoollee keessan adabe;
isaan sirreeffama fudhachuu didan.
Goraadeen keessan akkuma
leenca beelaʼe tokkootti nabiiʼiyyoota keessan fixxe.
31 "Isin dhaloonni ammaa dubbii Rabbii Allaah qalbeeffadhaa:
"Ani Israaʼeliif gammoojjii
yookaan biyya dukkana hamaan turee?
Sabni koo maaliif, ‘Nu asii fi achi jooruu ni dandeenya;
siʼachi gara kee hin dhufnu’ jedha?
32 Durbi tokko faaya ishee,
misirrittiin tokko immoo miʼa ittiin heerumtu ni irraanfattii?
Sabni koo garuu,
guyyaa hamma hin qabne na irraanfateera.
33 Ati jaalala adamsuutti akkam ogeettii dha!
Dubartoota akka malee hamoo taʼan iyyuu amala kee barsiifteerta.
34 Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu,
dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabnee
wayyaa kee irratti ni argama.
Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu
35 ati, ‘Ani balleessaa hin qabu;
inni natti hin dheekkamu’ jetta.
Ani garuu sababii ati, ‘Ani cubbuu
hin hojjenne’ jettuuf, sitti nan mura.
36 Ati maaliif karaa kee geeddaruudhaan,
asii fi achi deemuu baayʼifta?
Akkuma Asoor si qaanessite sana
Gibxis si qaanessiti.
37 Ati mataa kee qabattee,
iddoo sanaa baata;
Rabbii Allaahan warra ati itti irkatte tuffateeraatii;
ati isaaniin hin milkooftu.