1 Ergasii ajajjoonni waraanaa hundi Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi Yezaaniyaa ilma Hooshaʼiyaa dabalatee, namni hundi, xinnaa guddaan dhufanii 2 Ermiyaas nabiiʼiyyichaan akkana jedhan; "Maaloo kadhaa keenya dhagaʼiitii hambaa kana hundaaf Rabbii Allaah kee duratti duʼaa godhi. Nu dur baayʼee turre; amma garuu akkuma ati argitu kana nu nama muraasa qofattu hafe. 3 Akka Rabbii Allaahan kee gara nu dhaquu qabnuu fi waan nu gochuu qabnu nutti himuuf duʼaa nuu godhi."
4 Ermiyaas nabiiʼiyyichis, "Ani isin dhagaʼeera; akkuma isin na gaafattan sana ani dhugumaan Rabbii Allaah keessan duratti duʼaa nan godhadha. Waan Rabbii Allaahan dubbatu hundas isinitti nan hima; waan tokko illees isin hin dhoksu" jedhee deebise.
5 Jarris Ermiyaasiin akkana jedhan; "Yoo nu akkuma Rabbii Allaahan kee akka ati nutti himtuuf si erge sana gochuu baanne Rabbii Allaahan mataan isaa dhuga baatuu dhugaatii fi amanamaa nutti haa taʼu. 6 Akka yeroo nu dubbii Rabbii Allaah keenyaatiif ajajamnutti wanni hundi nutti toluuf yoo wanni sun jaallatamaa yookaan jibbamaa taʼe illee nu dubbii Rabbii Allaah keenyaa kan itti si erganne sanaatiif ni ajajamna."
7 Dubbiin Rabbii Allaahas guyyaa kudhan booddee gara Ermiyaas dhufe. 8 Kanaafuu inni Yoohaanaan ilma Qaareyaatii fi ajajjoota waraanaa kanneen isa wajjin turan hunda, akkasumas nama xinnaa guddaa hunda walitti waame. 9 Innis akkana isaaniin jedhe; "Rabbii Allaahan Israaʼel inni isin akka ani iyyata keessan itti isinii dhiʼeessuuf itti na ergitan sun akkana jedha: 10 ‘Yoo biyya kana keessa turtan, ani isinan ijaara malee isin hin diigu; ani isinan dhaaba malee isin hin buqqisu; ani badiisa isinitti fide sanaaf gaabbeeraatii. 11 Mootii Baabilon isa amma sodaattan kana hin sodaatinaa. Ani isin baraaree harka isaatii isin baasuuf isin wajjin jiraatii. Isa hin sodaatinaa, jedha Rabbii Allaahan. 12 Ani akka inni garaa isinii laafee biyya keessanitti isin deebisuuf garaa isiniif nan laafa.’
13 "Garuu yoo isin, ‘Nu biyya kana keessa hin turru’ jettanii akkasiin Rabbii Allaah keessaniif ajajamuu diddan, 14 amma illee yoo isin, ‘Hin taʼu, nu biyya Gibxi keessa iddoo itti waraana hin argine yookaan malakata hin dhageenye yookaan iddoo itti hin beelofne sana dhaqnee achi jiraanna’ jettan, 15 egaa yaa hambaa Yihuudaa, dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa. Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha: ‘Yoo isin biyya Gibxitti galuu barbaaddanii achi jiraachuu dhaqxan, 16 goraadeen isin sodaattan sun achumatti isin argata; beelli isin sodaattanis hamma Gibxitti isin faana buʼa; isinis achitti dhumtu. 17 Dhugumaan warri biyya Gibxitti galanii achi qubachuu barbaadan hundi goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan dhumu; isaan keessaa namni badiisa ani isaanitti fidu jalaa baʼu yookaan miliqu tokko iyyuu hin jiru.’ 18 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha: ‘Akkuma aariin koo fi dheekkamsi koo warra Yerusaalem keessa jiraatan irratti dhangalaʼe sana, yoo isin biyya Gibxitti galtan dheekkamsi koo isin irratti ni dhangalaʼa. Isinis waan abaarsaa, waan sodaa, waan yakkaatii fi waan fafaa ni taatu; iddoo kana illee gonkumaa deebitanii hin argitan.’
19 "Yaa hambaa Yihuudaa Rabbii Allaahan, ‘Biyya Gibxi hin dhaqinaa’ isiniin jedheera. Waan kana qalbeeffadhaa: Ani harʼa isin akeekkachiisaatii; 20 Isin gaafa ‘Rabbii Allaah keenya duratti duʼaa nuu godhi; waan inni dubbate hundas nutti himi; nus ni ajajamnaaf’ jettanii gara Rabbii Allaah keessanii na ergitan sana balleessaa guddaa hojjettan. 21 Ani harʼa isinitti himeera; isin garuu waan inni akka ani isinitti himuuf na erge sana hundaan Rabbii Allaah keessaniif hin ajajamne. 22 Kanaafuu isin amma waan kana qalbeeffadhaa: Isin iddoo jiraachuu dhaquu feetan sana keessatti goraadeen, beelaa fi dhaʼichaan ni dhumtu."