Publicidade

2 Crônicas 23

1 Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti jabina ofii isaa ni argisiise. Innis ajajjuuwwan dhibbaa jechuunis Azaariyaa ilma Yirooham, Ismaʼiil ilma Yehohaanaan, Azaariyaa ilma Oobeed, Maʼaseyaa ilma Adaayaa fi Eliishaafaax ilma Zikrii wajjin kakuu seene. 2 Isaanis guutummaa Yihuudaa keessa deemanii magaalaawwan hunda keessaa Lewwotaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel walitti ni qaban. Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanittis, 3 waldaan guutuun mana qulqullummaa Allaaha keessatti mooticha wajjin kakuu seene.

Yehooyaadaanis akkana isaaniin jedhe; "Akkuma Rabbii Allaahan waaʼee sanyii Daawud waadaa gale sanatti, ilmi mootichaa mootii ni taʼa. 4 Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin lubootaa fi Lewwota guyyaa Sanbataa hojiitti ramadamtan keessaa harka sadii keessaa harki tokko karra, 5 harka sadii keessaa harki tokko masaraa mootummaa, harka sadii keessaa harki tokko immoo karra ‘Karra Hundee’ jedhamu sana eegaa; namoonni kaan hundi immoo oobdii mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti argamuu qabu. 6 Lubootaa fi Lewwota hojii irra jiran malee namni tokko iyyuu mana qulqullummaa Rabbii Allaah hin seenin; isaan sababii qulqullaaʼaniif seenuu ni dandaʼu; warri kaan hundi garuu waan Rabbii Allaahan isaan ajaje eeguu qabu. 7 Lewwonni tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii mootichatti naannaʼanii dhadhaabachuu qabu. Namni mana qulqullummaa seenu kan biraa kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa."

8 Lewwonnii fi namoonni Yihuudaa hundinuu akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Sababii Yehooyaadaan lubichi gareewwan eegumsaa keessaa tokko illee gad hin dhiisiniif tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan ni fudhatan. 9 Innis eeboowwan, gaachanawwan gurguddaa fi xixinnaa Daawud Mootichaa kanneen mana qulqullummaa Allaaha keessa turan ajajjuuwwan dhibbaatiif ni kenne. 10 Akka namoonni hundi miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibba mana qulqullummaatii hamma karaa kaaba mana qulqullummaatti iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii dhaabatan ni godhe.

11 Yehooyaadaa fi ilmaan isaa ilma mootichaa fidanii mataa isaa irra gonfoo kaaʼan; isaanis garagalcha kakuu itti kennanii akka inni mootii taʼe ni labsan. Isa dibaniis, "Mootichi bara baraan haa jiraatu!" jedhanii ni iyyan.

12 Ataaliyaan yommuu waca namoota fiiganii mooticha leellisanii dhageessetti, isaan bira gara mana qulqullummaa Rabbii Allaah dhaqxe. 13 Yeroo isheen ilaaltetti mootichi balbala irra utubaa isaa bira dhaabatuu ni argite. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan; faarfattoonni immoo meeshaa muuziiqaatiin faarfannaa qajeelchaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, "Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!" jettee iyyite.

14 Yehooyaadaan lubichis, "Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa" jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman erge. Lubichi, "Mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti ishee hin ajjeesinaa" jedhee tureetii. 15 Kanaafuu isaan akkuma isheen karra "Karra Fardaa" jedhamu kan masaraa mootii duraa geesseen qabanii achumatti ishee ni ajjeesan.

16 Yehooyaadaan akka inni, sabnii fi mootichis saba Rabbii Allaah taʼaniif kakuu ni dhaabe. 17 Sabni hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqeffatamtoota tolfamoo caccabsanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan.

18 Ergasii Yehooyaadaan luboota Lewwota turan kanneen Daawud mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti ramadee ture sanatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa ni kenne; isaan akkuma Seera Muusaa keessatti barreeffame sanatti aarsaa gubamu Rabbii Allaahaf dhiʼeessuu qabu; Daawud akka isaan gammachuu fi faarfannaadhaan aarsaa kana dhiʼeessan ajajee tureetii. 19 Akkasumas inni akka namni karaa kamiin iyyuu xuraaʼe tokko iyyuu ol hin seenneef balbala mana qulqullummaa Rabbii Allaah dura eegdota ni dhaabe.

20 Innis ajajjuuwwan dhibbaa, namoota bebeekamoo, bulchitoota sabaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii mooticha gad baasee fide. Isaanis karaa, "Karra Ol aanu" jedhamuutiin masaraa mootummaa seenanii mooticha teessoo mootummaa irra teessisan. 21 Saboonni biyyattii hundi ni ililchan; sababii Ataaliyaan goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-