Publicidade

2 Crônicas 24

Yooʼaash Mana Qulqullummaa Haaromsuu Isaa

1 Yooʼaash yeroo mootii taʼetti nama umuriin isaa waggaa torbaa ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa afurtama ni bulche. Maqaan haadha isaa Ziibiyaa ture; isheenis nama Bersheebaa turte. 2 Yooʼaash bara Yehooyaadaa lubichaa hunda keessa waan fuula Rabbii Allaah duratti qajeelaa taʼe hojjete. 3 Yehooyaadaan niitota lama isaaf file; innis ilmaanii fi intallan ni dhalche.

4 Yeroo xinnoo booddees Yooʼaash mana qulqullummaa Rabbii Allaah haaromsuuf murteesse. 5 Innis lubootaa fi Lewwota walitti waamee, "Gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqaatii maallaqa waggaa waggaadhaan mana qulqullummaa Allaah keessanii haaromsuuf oolu Israaʼeloota hunda irraa walitti qabaa. Kanas ammuma godhaa" isaaniin jedhe. Lewwonni garuu dafanii hin goone.

6 Kanaafuu mootichi Yehooyaadaa lubicha hangafticha waamee, "Ati maaliif akka Lewwonni gibira Muusaan garbichi Rabbii Allaah fi yaaʼiin Israaʼel akka dunkaana dhuga baʼumsaatiif baafamu murteessan sana Yihuudaa fi Yerusaalem irraa walitti qaban hin godhin?" jedheen.

7 Yeroo sana ilmaan Ataaliyaa dubartittii hamtuu sanaa mana qulqullummaa Allaaha cabsanii seenanii miʼoota qulqulleeffaman illee Baʼaalin tajaajiluuf itti ni fayyadaman.

8 Kanaafuu mootichi akka isaan sanduuqa maallaqni itti walitti qabamu hojjetanii karaa alaatiin balbala mana qulqullummaa Rabbii Allaah bira kaaʼan ni ajaje. 9 Akka isaan qaraxa Muusaan garbichi Allaaha sun yeroo gammoojjii keessa turanitti Israaʼeloota ajaje sana Rabbii Allaahaf fidaniif Yihuudaa fi Yerusaalem keessatti labsiin tokko ni baʼe. 10 Qondaaltonni hundii fi sabni hundi buusii isaanii gammachuudhaan fidanii hamma inni guututti sanduuqicha keessa ni buusan. 11 Yommuu sanduuqichi Lewwotaan gara qondaaltota mootiitti fidamee qondaaltonni sun akka maallaqni baayʼeen isa keessa jiru arganitti barreessaan mootichaa fi ajajaan lubicha hangafaa dhufanii maallaqa sana sanduuqa keessaa garagalchanii sanduuqicha iddoo isaatti deebisu ture. Isaanis guyyuma guyyaan akkas godhanii maallaqa akka malee baayʼee walitti ni qaban. 12 Mootichii fi Yehooyaadaanis maallaqa sana warra mana qulqullummaa Rabbii Allaah hojjechiisuuf itti gaafatamummaa fudhatanitti ni kennan. Isaanis mana qulqullummaa Rabbii Allaah haaromsuudhaaf namoota dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaa, akkasumas mana qulqullummaa haaromsuudhaaf hojjettoota sibiilaa fi naasii ittiin ni qaxaran.

13 Hojjettoonni qaxaraman waan jabaatanii hojjetaniif hojiin sun isaaniif ni milkaaʼe. Mana qulqullummaa Allaahas akkuma duraan turetti deebisanii ni haaromsan; ni jabeessanis. 14 Erga fixanii booddees maallaqa hafe fidanii mootichaa fi Yehooyaadaatti ni kennan; maallaqa sanaanis miʼoota mana qulqullummaa Rabbii Allaah jechuunis miʼoota tajaajilaa fi kan aarsaan gubamu ittiin dhiʼeeffamu akkasumas caabiiwwan, miʼoota warqee fi meetii ittiin ni hojjetan. Isaanis bara Yehooyaadaa keessa utuu gargar hin kutin mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti aarsaa gubamu dhiʼeessaa turan.

15 Yehooyaadaanis bara dheeraa jiraatee dulloomee waggaa dhibba tokkoo fi soddomatti ni duʼe. 16 Innis sababii Israaʼel keessatti Allaaha fi mana qulqullummaa isaatiif waan gaarii hojjeteef Magaalaa Daawud keessatti mootota biratti ni qabbarame.

Hammina Yooʼaash

17 Erga Yehooyaadaan duʼee booddee qondaaltonni Yihuudaa dhufanii amanamummaa mootichaaf qaban ni ibsan; innis isaan dhaggeeffate. 18 Isaanis mana qulqullummaa Rabbii Allaah, Allaah abbootii isaanii dhiisanii siidaawwan Aasheeraa fi waaqeffatamtoota tolfamoo ni waaqeffatan. Sababii balleessaa isaaniifis dheekkamsi Allaaha Yihuudaa fi Yerusaalemitti ni dhufe. 19 Akka isaan gara isaatti saba deebisaniif Rabbii Allaahan nabiiʼiyyoota isaanitti erge; nabiiʼiyyoonnis isaanitti rageessan; isaan garuu dhagaʼuu hin barbaanne.

20 Ergasiis Hafuurri Allaaha Zakariyaa ilma Yehooyaadaa lubichaa irra ni buʼe. Innis kaʼee fuula uummataa dura dhaabatee, "Allaahan akkana jedha: ‘Isin maaliif ajaja Rabbii Allaah eeguu diddani? Isin hin milkooftan. Sababii isin Rabbii Allaah dhiiftaniif innis isin dhiiseera’ " jedheen.

21 Isaan garuu isatti mariʼatanii ajaja mootichaatiin oobdii mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti dhagaadhaan tumanii isa ni ajjeesan. 22 Yooʼaash mootichi arjummaa Yehooyaadaan abbaan Zakariyaa isaaf godhe sana hin yaadanne; qooda kanaa inni ilma isaa ni ajjeese; innis yeroo duʼutti, "Rabbii Allaahan waan kana haa argu; haaloos haa baʼu" jedhe.

23 Dhuma waggaa sanaattis loltoonni Sooriyaa Yooʼaashitti ni duulan; Yihuudaa fi Yerusaalem qabatanii hooggantoota sabaa hunda ni fixan. Isaanis waan boojiʼan hunda gara Damaasqootti mootii isaaniitti ni ergan. 24 Loltoonni Sooriyaa namoota xinnoo qabatanii dhufan illee Rabbii Allaahan loltoota akka malee baayʼee harka isaaniitti dabarsee ni kenne. Sababii Yihuudoonni Rabbii Allaah abbootii isaanii dhiisaniif Yooʼaashitti murtiin murame. 25 Warri Sooriyaa yommuu baʼanitti Yooʼaashin akka malee madeessanii ni deeman. Qondaaltonni isaas sababii inni ilma Yehooyaadaa lubichaa ajjeeseef isatti mariʼatanii siree isaa irratti isa ajjeesan. Kanaafuu inni duʼee Magaalaa Daawud keessatti ni qabbarame; garuu iddoo qabrii moototaatti hin qabbaramne.

26 Warri isatti mariʼatanis Zaabaad ilma Shimeʼaati dubartii Amoon sanaa fi Yehoozaabaad ilma Shimriiti dubartii Moʼaab sanaa turan. 27 Seenaan ilmaan isaa, raajiiwwan waaʼee isaa dubbataman hedduunii fi seenaan haaromfamuu mana qulqullummaa Allaaha kitaaba seenaa moototaa keessatti barreeffameera. Amasiyaa ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-