Publicidade

2 Crônicas 28

Aahaaz Mooticha Yihuudaa

1 Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawud fuula Rabbii Allaah duratti waan qajeelaa hin hojjenne. 2 Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee Baʼaalin waaqeffachuuf jedhees waaqeffatamtoota tolfamoo baqsee ni tolche. 3 Inni gochawwan jibbisiisoo saboota Rabbii Allaahan fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan Sulula Ben Hinoom keessatti ixaana ni aarse; ilmaan isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube. 4 Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.

5 Kanaafuu Rabbii Allaahan isaa dabarsee harka mootii Sooriyaatti isa kenne. Warri Sooriyaas isa moʼatanii namoota isaa hedduus boojiʼanii Damaasqootti geessan.

Achii immoo inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; mootichis miidhaa guddaa isa irraan ni gaʼe. 6 Sababii sabni Yihuudaa Rabbii Allaah abbootii isaa dhiiseef Pheqaan ilmi Remaaliyaa guyyaa tokkotti loltoota Yihuudaa kuma dhibba tokkoo fi digdama ni fixe. 7 Zikriin loltuun jabaan gosa Efreem sun immoo Maʼaseyaa ilma mootichaa, Azriiqaam ajajaa masaraa mootummaa fi Elqaanaa itti aanaa mootichaa ni ajjeese. 8 Israaʼeloonni firootuma isaanii irraa niitota, ilmaanii fi intallan kuma dhibba lama ni boojiʼan. Akkasumas boojuu akka malee baayʼee fudhatanii Samaariyaatti ni deebiʼan.

9 Garuu nabiiʼiyyiin Rabbii Allaah kan Oodeed jedhamu tokko achi ture; innis yeroo loltoonni Samaariyaadhaa deebiʼanitti isaan simachuuf ni baʼe. Innis akkana isaaniin jedhe; "Rabbii Allaahan abbootii keessanii waan Yihuudaatti aareef dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Isin garuu dheekkamsa hamma shamaayʼuniitti ol fagaatuun isaan ni fixxan. 10 Ammas dhiirotaa fi dubartoota Yihuudaa fi Yerusaalem garboota keessan gochuu ni yaaddan. Isin mataan keessan iyyuu fuula Rabbii Allaah keessanii duratti cubbuu hin hojjennee ree? 11 Mee na dhagaʼaa! Sababii dheekkamsi Rabbii Allaah isinitti bobaʼeef namoota biyya keessanii kanneen boojitanii fiddan sana deebisaa."

12 Ergasiis hangafoota namoota Efreem keessaa tokko tokko jechuunis Azaariyaa ilmi Yehohaanaan, Berekiyaan ilmi Meshileemoot, Yehiizqiiyaa ilmi Shaluumii fi Amaasaayi ilmi Hadilaay warra duulaa galaa jiran mormuudhaan 13 akkana jedhan; "Isin boojiʼamtoota kanneen as fiduu hin qabdan; yoo kanaa achii nu fuula Rabbii Allaah duratti cubbamoota ni taana. Isin amma illee cubbuu fi balleessaa keenya ittuma dabaluu feetuu? Yakki keenya duraanuu baayʼateera; dheekkamsi isaa Israaʼelitti bobaʼeeraatii."

14 Kanaafuu loltoonni fuula qondaaltotaatii fi yaaʼii guutuu duratti boojiʼamtootaa fi boojuu gad dhiisan. 15 Namoonni maqaan isaanii eerames loltoota harka boojiʼamtoota ni fuudhan; waan boojiʼame irraas warra qullaa jiran hundatti wayyaa ni uffisan. Isaanis uffataa fi kophee, waan nyaatamuu fi waan dhugamu illee ni kennaniif; dibatas isaan diban. Warra dadhaban hunda immoo harree irra teessisanii biyya firoonni isaanii jiran Magaalaa Meexxii sanatti gara Yerikootti isaan deebisanii ofii immoo Samaariyaatti ni dachaʼan.

16 Yeroo sanatti Aahaaz Mootichi gargaaraa argachuuf gara mootii Asooritti nama ergate. 17 Edoomonni ammas dhufanii Yihuudaatti balaa buusanii boojiʼamtoota fudhatanii deemanii turaniitii; 18 Filisxeemonni immoo magaalaawwan gaarran jalaa fi kanneen gama kibba Yihuudaatti argaman weeraranii Beet Shemeshi, Ayaaloon, Gedeerooti, Sookoo, Tiimnaahi, Gimzoo fi gandoota naannoo isaanitti argaman qabatanii keessa ni qubatan. 19 Sababii Aahaaz mootichi Israaʼel saba Yihuudaa cubbuuf kakaasee ofii immoo Rabbii Allaahaf amanamuu dideef Rabbii Allaahan Yihuudaa ni salphise. 20 Tiiglaat-Philneeser mootichi Asoor gara isaa dhufee ture; taʼus inni qooda isa gargaaru rakkina isatti fide. 21 Aahaaz mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessaa, masaraa mootii fi mana ilmaan mootiitii waan tokko tokko fuudhee mootii Asooriif kennaa godhee ni dhiʼeesse; taʼus kunis isa hin gargaarre.

22 Aahaaz Mootichi yeroo rakkina isaa keessa illee ittuma caalchisee Rabbii Allaahaf amanamuu ni dide. 23 Innis waaqeffatamtoota Damaasqoo kanneen isa moʼataniif aarsaa ni dhiʼeesse; "Waaqeffatamtoonni mootota Sooriyaa sababii isaan gargaaraniif akka isaan ana illee gargaaraniif ani aarsaa nan dhiʼeessaaf" jedhee yaadee tureetii. Isaan garuu kufaatii isaa fi kufaatii Israaʼel hundaa ni fidan.

24 Aahaaz miʼoota mana qulqullummaa Allaaha walitti qabee fudhatee deeme. Balbalawwan mana qulqullummaa Rabbii Allaahas cufee golee daandiiwwan Yerusaalem hunda irratti iddoowwan aarsaa ni dhaabe. 25 Magaalaa Yihuudaa hunda keessattis waaqeffatamtoota biraaf ixaana aarsuuf iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaree Rabbii Allaah abbootii isaa dheekkamsaaf ni kakaase.

26 Wantoonni bara mootummaa isaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa fi akki inni itti jiraate hundi kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru. 27 Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa Yerusaalem keessatti ni qabbarame; garuu iddoo qabrii mootota Israaʼel keessa hin kaaʼamne. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-