Publicidade

2 Crônicas 29

Hisqiyaas Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu Isaa

1 Hisqiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiyaa ture; isheenis intala Zakariyaa. 2 Innis akkuma Daawud abbaan isaa godhe sana fuula Rabbii Allaah duratti waan qajeelaa hojjete.

3 Inni bara mootummaa isaa keessa jiʼa jalqaba waggaa tokkoffaatti balbalawwan mana qulqullummaa Rabbii Allaah ni bane; ni haaromses. 4 Lubootaa fi Lewwota waamsisee oobdii karaa baʼa biiftuutiin jiru irratti walitti isaan qabee 5 akkana jedheen; "Yaa Lewwota, mee na dhagaʼaa! Amma of qulqulleessaatii mana qulqullummaa Rabbii Allaah abbootii keessanii illee qulqulleessaa. Waan xuraaʼaa hunda iddoo qulqulluu keessaa baasaa. 6 Abbootiin keenya sababii amanamoo hin turiniif fuula Rabbii Allaah keenyaa duratti waan hamaa hojjetanii isa irraa garagalan. Isaanis iddoo jireenya Rabbii Allaah irraa fuula isaanii deebifatanii dugda isaanii isatti garagalchan. 7 Akkasumas balbala gardaafoo cufanii ibsaawwan ni dhaamsan. Isaan Allaah Israaʼeliif iddoo qulqulluutti ixaana hin aarsine yookaan aarsaa gubamu hin dhiʼeessine. 8 Kanaafuu dheekkamsi Rabbii Allaah Yihuudaa fi Yerusaalem irra buʼe; inni akkuma isin ija keessaniin arguu dandeessan kana nama qaanii, nama qoosaa fi nama kolfaa isaan godhe. 9 Sababiin abbootiin keenya goraadeedhaan dhumaniif, sababiin ilmaan keenya, intallanii fi niitonni keenya illee boojiʼamaniif kanuma. 10 Ani amma akka dheekkamsi isaa inni sodaachisaan sun nurraa deebiʼuuf Rabbii Allaah Israaʼel wajjin kakuu galuu yaadeera. 11 Yaa ilmaan ko, egaa hin dagatinaa; Rabbii Allaahan akka isin fuula isaa dura dhaabattaniif, akka isa tajaajiltaniif, akka fuula isaa duratti hojjettoota isaa taatanii ixaana aarsitaniif isin filateeraatii."

12 Ergasii Lewwonni kunneen hojiitti bobbaʼan; isaanis:

Ilmaan Qohaatotaa keessaa,

Mahat ilma Amaasaayii fi Yooʼeel ilma Azaariyaa;

ilmaan Meraarotaa keessaa,

Qiis ilma Abdii fi Azaariyaa ilma Yehaleliʼeel;

ilmaan Geershoonotaa keessaa,

Yooʼak ilma Zimaa fi Eeden ilma Yooʼaa;

13 ilmaan Eliisaafaanotaa keessaa,

Shimrii fi Yeʼiiʼeel;

ilmaan Asaaf keessaa,

Zakariyaa fi Mataaniyaa;

14 ilmaan Heemaan keessaa,

Yehiiʼeelii fi Shimeʼii;

ilmaan Yeduutuun keessaa,

Shemaaʼiyaa fi Uziiʼeel.

15 Isaan erga obboloota isaanii walitti qabanii of qulqulleessanii booddee akkuma mootichi akka dubbii Rabbii Allaahatti isaan ajajetti mana qulqullummaa Rabbii Allaah qulqulleessuuf ol ni seenan. 16 Luboonnis mana Rabbii Allaah qulqulleessuuf ol ni seenan. Isaanis waan mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti argan kan qulqulluu hin taʼin hunda gara oobdii mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti gad baasan. Lewwonnis achii guuranii Sulula Qeedroonitti geessan. 17 Isaanis hojii qulqulleessuu kana guyyaa jalqaba jiʼa duraatii jalqabanii bultii saddeettaffaatti gardaafoo Rabbii Allaah bira ni gaʼan. Guyyaa saddeet itti dabalanii mana qulqullummaa Rabbii Allaah qulqulleessanii jiʼa tokkoffaa guyyaa kudha jaʼaffaatti fixan.

18 Isaanis gara Hisqiyaas Mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin; "Nu guutummaa mana qulqullummaa Rabbii Allaaha, iddoo aarsaan gubamu itti dhiʼeeffamu miʼa isaa hunda wajjin, minjaala buddeenni qulqulleeffame irra kaaʼamu miʼa isaa hunda wajjin qulqulleessineerra. 19 Miʼoota Aahaaz mootichi yeroo mootii turetti amanamummaa dhabee iddoo isaaniitii fuudhe hunda qulqulleessineerra; miʼoonni sunis fuula iddoo aarsaa Rabbii Allaah dura jiru."

20 Hisqiyaas Mootichi guyyaa itti aanu ganama bariidhaan qondaaltota magaalaa walitti qabee gara mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti ol baʼe. 21 Isaanis mootummaaf, mana qulqullummaa fi Yihuudaaf korommii loonii torba, korbeeyyii hoolaa torba, xobbaallaawwan torbaa fi korbeeyyii reʼee torba aarsaa cubbuu godhanii ni dhiʼeessan. Mootichis akka isaan horii kanneen iddoo aarsaa Rabbii Allaah irratti aarsaa dhiʼeessaniif luboota sanyii Haaruun sana ni ajaje. 22 Luboonnis korommii loonii sana qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; itti aansaniis korbeeyyii hoolaa qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; ergasii immoo xobbaallaawwan qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan. 23 Reʼoonni aarsaa cubbuutiif fidamanis fuula mootichaa fi fuula waldaa duratti dhiʼeeffaman; jarris isaan irra harka isaanii kaaʼan. 24 Sababii mootichi aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu Israaʼel hundaaf ajajeef luboonni reʼoota qalanii Israaʼel hundaaf araara buusuuf dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti dhiʼeessan.

25 Innis akkuma Daawudii fi Gaad ilaaltuu mootichaa fi Naataan nabiiʼiyyichaan ajajametti Lewwota kilillee, baganaa fi kiraara qabachiisee mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti ramade; kunis ajaja Rabbii Allaahan karaa nabiiʼiyyoota isaatiin kennee dha. 26 Kanaafuu Lewwonni miʼa faarfannaa kan Daawud, luboonni immoo malakata isaanii qabatanii qophaaʼanii dhaabatan.

27 Hisqiyaas akka aarsaan gubamu iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamuuf ajaje. Akkuma aarsaan dhiʼeeffamuu jalqabeen faarfannaan malakataa fi miʼa faarfannaa kan Daawud mooticha Israaʼeliin Rabbii Allaahaf faarfatamus ni jalqabame. 28 Waldaan guutuun gad jedhee sagade; faarfattoonni ni faarfatan; warri malakata afuufanis ni afuufan. Wanni kun hundi hamma aarsaan gubamu dhiʼeeffamee xumuramutti itti fufe.

29 Yommuu aarsaa dhiʼeessuun xumurametti mootichii fi warri isa wajjin turan hundinuu jilbeenfatanii sagadan. 30 Hisqiyaas Mootichii fi qondaaltonni isaa akka Lewwonni dubbii Daawudii fi dubbii Asaaf ilaaltuu sanaatiin Rabbii Allaah galateeffatan ajajan. Kanaafuu isaan gammachuudhaan faarfannaa galataa faarfatanii gad jedhanii sagadan.

31 Ergasiis Hisqiyaas, "Isin amma Rabbii Allaahaf of qulqulleessitaniirtu. Kottaatii qalmaa fi aarsaa galataa mana qulqullummaa Rabbii Allaahatti galchaa" jedhe. Kanaafuu waldaan sun qalmaa fi aarsaa galataa dhiʼeesse; warri garaan isaanii jaallate hundis aarsaa gubamu dhiʼeessan.

32 Aarsaan gubamu kan waldaan sun dhiʼeesses korommii loonii torbaatama, korbeeyyii hoolaa dhibba tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa dhibba lama ture; kunneen hundi aarsaa gubamu taʼanii Rabbii Allaahaf dhiʼeeffaman. 33 Horiin qulqulleeffamee qalmaaf dhiʼeeffame walumaa galatti korommii loonii dhibba jaʼaa fi hoolaa fi reʼee kuma sadii ture. 34 Haa taʼu malee horii aarsaaf dhiʼeeffaman irraa gogaa baasuuf lakkoobsi lubootaa gaʼaa hin turre; kanaafuu firoonni isaanii Lewwonni hamma hojiin sun dhumuttii fi hamma luboonni biraa qulqulleeffamanitti isaan gargaaran; Lewwonni ofii isaanii qulqulleessuutti luboota caalaa gara toloota turaniitii. 35 Cooma aarsaa nagaa fi dhibaayyuu aarsaa gubamu wajjin dhiʼeeffamu dabalatee aarsaan gubamu akka malee hedduutu ture.

Akkasiin tajaajilli mana qulqullummaa Rabbii Allaah akka duriitti deebiʼe. 36 Hisqiyaasii fi namoonni hundi sababii waan Allaahan saba isaaf godheef ni gammadan; wanni kun dafee taʼeetii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-