Publicidade

2 Crônicas 20

Yehooshaafaax Moʼaabii fi Amoon Moʼate

1 Kana booddee Moʼaabonnii fi Amoononni Miʼuunota tokko tokko wajjin Yehooshaafaaxin loluuf dhufan.

2 Namoonni tokko tokkos dhufanii, "Waraanni akka malee guddaan isaa Edoom gama Galaanaatii sitti dhufaa jira. Duulli kunis kunoo Een Gaadii lafa Hazezoon Taamaar jedhamu gaʼee jira" jedhanii Yehooshaafaaxitti himan. 3 Yehooshaafaaxis waan akka malee sodaateef Rabbii Allaah waammachuuf murteeffate; guutummaa Yihuudaa keessattis sooma labse. 4 Namoonni Yihuudaas gargaarsa Rabbii Allaah barbaacha walitti ni qabaman; isaan dhugumaan isa barbaacha magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaa ni dhufan.

5 Yehooshaafaaxis mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessa oobdii haaraa dura waldaa Yihuudaa fi Yerusaalem gidduu dhaabatee 6 akkana jedhe:

"Rabbii Allaah, Allaah abbootii keenyaa, ati Allaah shamaayʼun keessa jiraattu mitii? Ati mootummoota sabootaa hunda bulchita; humnii fi jabinni si harka jiru; namni siin mormuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. 7 Yaa Allaah keenya, ati jiraattota biyya kanaa fuula saba kee Israaʼel duraa baaftee biyyattii bara baraan sanyiiwwan Ibraahim michuu kee sanaaf hin kenninee? 8 Isaanis biyya sana keessa jiraatanii Maqaa keetiif mana qulqullummaa ni ijaaran; akkanas jedhan: 9 ‘Yoo wanni hamaan nutti dhufe, yoo goraadeen, murtiin yookaan dhaʼichi yookaan beelli nutti dhufe, nu fuula kee dura mana qulqullummaa kan Maqaa keetiin waamamu kana dura dhaabannee dhiphina keenya keessatti sitti iyyanna; atis nu dhageessee nu oolchitta.’

10 "Amma garuu namoonni Amoon, kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen ati akka Israaʼeloonni yeroo Gibxii dhufanitti isaan hin tuqne gootee akkasiin badiisa oolan sun as jiru. 11 Kunoo akka isaan biyya ati dhaala gootee nuu kennite keessaa nu baasuudhaan galata keenya nuu deebisuuf dhufan ilaali. 12 Yaa Allaah keenya ati isaanitti hin murtuu? Nu waraana guddaa nutti dhufe kana of irraa deebisuudhaaf humna hin qabnu. Nu waan goonu hin beeknu; iji keenya garuu sirra jira."

13 Namoonni Yihuudaa hundinuu niitota isaanii, ijoollee fi daaʼimman isaanii wajjin fuula Rabbii Allaah dura dhadhaabatanii turan.

14 Yahiziiʼeel ilma Zakariyaa ilma Benaayaa, ilma Yeʼiiʼeel ilma Mataan Lewwicha sanyii Asaaf sana utuma inni waldaa keessa dhabatuu Hafuurri Rabbii Allaah isa irra buʼe.

15 Innis akkana jedhe; "Yehooshaafaax yaa mootii, warri Yihuudaa fi Yerusaalem keessa jiraattan hundinuu dhagaʼaa! Rabbii Allaahan akkana isiniin jedha: ‘Isin sababii waraana guddaa kanaatiif jettanii hin sodaatinaa yookaan abdii hin kutatinaa. Lolli kun kan Allaaha ti malee kan keessan miti. 16 Bor isaanitti gad buʼaa. Isaan karaa malkaa Ziizi ol baʼu; isin immoo gammoojjii Yiruuʼeel keessatti qarqara sululichaa irratti isaan argattu. 17 Lola kana loluu isin hin barbaachisu. Isin iddoo iddoo keessan qabadhaa; yaa Yihuudaa fi Yerusaalem jabaadhaa dhaabadhaatii moʼannoo Rabbii Allaahan isiniif kennu ilaalaa. Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Bor isaanitti baʼaa; Rabbii Allaahan isin wajjin dhaabata.’ "

18 Yehooshaafaax adda isaatiin lafatti gombifame; namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem hundinuus fuula Rabbii Allaah duratti addaan lafatti gombifamanii ni sagadan. 19 Ergasii immoo garee Qohaatii fi Qooraahi keessaa Lewwonni tokko tokko dhaabatanii, sagalee guddaadhaan Rabbii Allaah Israaʼel ni galateeffatan.

20 Isaanis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼanii gammoojjii Teqooʼaatti ni qajeelan. Yehooshaafaaxis akkuma isaan baʼaniin dhaabatee, "Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem na dhaggeeffadhaa! Isin ni jabaattuutii Rabbii Allaah keessan amanadhaa; nabiiʼiyyoota isaa illee amanaa isin ni milkooftuutii" jedhe. 21 Yehooshaafaax erga namoota wajjin mariʼatee booddee akka isaan loltoota dura deemanii,

"Rabbii Allaah galateeffadhaa;

jaalalli isaa bara baraan jiraataatii"

jechaa Rabbii Allaah faarfatanii sababii ulfina qulqullummaa isaatiif isa leellisaniif faarfattoota muude.

22 Akkuma isaan faarfachuu fi galateeffachuu jalqabaniinis Rabbii Allaahan namoota Amoon kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen Yihuudaatti duulan sana dura waraana riphee eeggatu tokko ni kaaʼe; isaanis ni moʼataman. 23 Namoonni Amoonii fi Moʼaab namoota Tulluu Seeʼiir irraa dhufan guutumaan guutuutti barbadeessuudhaaf itti kaʼan. Isaanis erga namoota Seeʼiir dhufan sana fixanii booddee deebiʼanii wal fixan.

24 Namoonni Yihuudaas yommuu iddoo gara gammoojjiitti garagalee jiru gaʼanii waraana guddaa sana ilaalanitti reeffa lafatti kufe qofa argan; namni tokko iyyuu hin miliqne. 25 Kanaafuu Yehooshaafaaxii fi namoonni isaa boojuu isaanii guurrachuu dhaqan; isaanis miʼa lolaa hedduu fi uffata akkasumas miʼoota gatii guddaa baasan kan guurratanii fixuu hin dandeenye achitti ni argatan. Boojuun argames waan akka malee baayʼee tureef walitti qabuuf bultii sadii fudhate. 26 Bultii afuraffaatti lafa itti Rabbii Allaahaf galata dhiʼeessan sana Sulula Beraakaa keessatti walitti qabaman. Kanaafuu iddoon suni hamma harʼaatti Sulula Beraakaa jedhamee waamama.

27 Namoonni Yihuudaa fi Yerusaalem sababii Rabbii Allaahan waan isaan ittiin diinota isaanii irratti gammadan isaaniif kenneef Yehooshaafaaxiin hoogganamanii gammachuudhaan Yerusaalemitti deebiʼan. 28 Isaanis Yerusaalem seenanii baganaa, kiraaraa fi malakata qabatanii gara mana qulqullummaa Rabbii Allaah ni dhaqan.

29 Mootummoonni biyyoota hundaas yommuu akka itti Rabbii Allaahan diinota Israaʼel lole dhagaʼanitti Allaah sodaachuun isaan qabate. 30 Mootummaan Yehooshaafaaxis waan Allaahan isaa karaa hundaan boqonnaa isaaf kenneef nagaadhaan ni jiraate.

Dhuma Bara Mootummaa Yehooshaafaax

31 Akkasiin Yehooshaafaax mootii taʼee Yihuudaa ni bulche. Inni yeroo mootii Yihuudaa taʼetti nama umuriin isaa waggaa soddomii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii shan ni bulche. Maqaan haadha isaa Azuubaa ture; isheenis intala Shilhii turte. 32 Innis karuma abbaa isaa Aasaa irra deeme malee isa irraa hin jalʼanne; fuula Rabbii Allaah durattis waan qajeelaa hojjete. 33 Taʼus iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hin diigamne ture; namoonnis qalbii isaanii gara Allaah abbootii isaaniitti hin deebine ture.

34 Wantoonni bara mootummaa Yehooshaafaax keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa seenaa Yehuu ilma Hanaanii kan kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffame sana keessatti barreeffamaniiru.

35 Ergasii Yehooshaafaax mootichi Yihuudaa, Ahaaziyaa mootii Israaʼel kan hojiin isaa jibbisiisaa taʼe sana wajjin walii galtee godhate. 36 Innis dooniiwwan daldalaa hojjechuuf isaan walii gale; isaanis Eziyoon Geberitti dooniiwwan ni hojjechiisan. 37 Eliiʼezer nabiiʼiyyichi ilmi Doodaawaahuu namichi Maareeshaa sun, "Sababii ati Ahaaziyaa wajjin walii galtee godhatteef Rabbii Allaahan hojii kee ni diiga" jedhee Yehooshaafaaxiin mormee raajii ni dubbate. Dooniiwwanis ni caccaban; gara Tarshiishis dhaquu hin dandeenye.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-