Publicidade

2 Crônicas 33

Minaasee Mooticha Yihuudaa

1 Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche. 2 Innis waan jibbisiisaa saboota Rabbii Allaahan fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete. 3 Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan shamaayʼun hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates. 4 Innis mana qulqullummaa Rabbii Allaah kan Rabbii Allaahan, "Maqaan koo bara baraan Yerusaalem keessa ni jiraata" jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche. 5 Oobdiiwwan mana qulqullummaa Rabbii Allaah lamaanuu keessattis raayyaawwan shamaayʼun hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche. 6 Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Rabbii Allaah duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.

7 Innis fakkii waaqeffatamaa tolfamaa hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Allaaha kan Allaahan akkana jedhee waaʼee isaa Daawudii fi ilma isaa Suleyimaanitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; "Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba. 8 Yoo isaan waan ani waaʼee seera, labsii fi qajeelcha karaa Muusaatiin kenname sanaa isaan ajaje hunda hojjetanii ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii keessaniif kenne keessaa baʼu hin godhu." 9 Minaaseen Yihuudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa jalʼise; kanaafuu isaan saboota Rabbii Allaahan fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.

10 Rabbii Allaahanis Minaasee fi saba isaatti dubbateera; isaan garuu dhagaʼuu hin feene. 11 Kanaafuu Rabbii Allaahan ajajjoota loltoota mootii Asoor isaanitti kaase; isaanis Minaasee qabanii hokkoo funyaanitti kaʼaanii foncaadhaan hidhanii Baabilonitti isa geessan. 12 Innis lubbamee Rabbii Allaah isaa barbaadee fuula Allaah abbootii isaa duratti akka malee gad of qabe. 13 Rabbii Allaahanis yeroo inni isa duratti duʼaa godhatetti naʼeefii waammata isaa dhagaʼeef; deebisees gara Yerusaalem mootummaa isaatti isa fide. Minaaseenis ergasii akka Rabbiin Allaah taʼe ni beeke.

14 Ergasii dallaa Magaalaa Daawud isa alaa, karaa lixa burqaa Giihoon kan sulula keessaa gaara Oofeelitti naannessee hamma Karra Qurxummiitti ni haaromse; dallaa kanas akka malee ol dheeresse. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda keessas ajajjoota waraanaa ni qubachiise.

15 Innis waaqeffatamtoota ormaa fi fakkiiwwan mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessaa ni balleesse; akkasumas iddoowwan aarsaa kanneen inni gaarran mana qulqullummaa irraa fi Yerusaalem keessatti tolche hundas ni diige; magaalaa keessaas baasee ni gate. 16 Iddoo aarsaa Rabbii Allaah deebisee dhaabee aarsaa nagaa fi aarsaa galataa irratti ni dhiʼeesse; akka isaan Rabbii Allaah Israaʼel tajaajilaniif namoota Yihuudaa ni ajaje. 17 Taʼus sabni ittuma fufee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa keessatti aarsaa dhiʼeesse; garuu uummanni sun Rabbii Allaah isaa qofaaf aarsaa dhiʼeessaa ture.

18 Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, duʼaan inni Allaah isaa duratti godhatee fi dubbii inni namoota waa arganii himan maqaa Rabbii Allaah Israaʼeliin isatti himan dabalatee seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera. 19 Duʼaan isaatii fi akki Allaahan itti garaa laafeefii duʼaa isaa dhagaʼeef, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamummaa dhabuun isaa, akkasumas utuu gad of hin qabin dura iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaruun isaa, siidaawwan Aasheeraa fi waaqeffatamtoota tolfamoo dhaabuun isaa hundi galmeewwan namoota waa arganii himanii keessatti barreeffamaniiru. 20 Minaaseenis abbootii isaa wajjin boqotee masaraa mootummaa isaa keessatti qabbarame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Aamoon Mooticha Yihuudaa

21 Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche. 22 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqeffatamtoota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse. 23 Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula Rabbii Allaah duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete.

24 Qondaaltonni Amoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan. 25 Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon Mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-