1 Yommuu Suleyimaan duʼaa isaa fixatetti ibiddi shamaayʼuniidhaa gad buʼee aarsaa gubamuu fi aarsaawwan biraa nyaatee fixe; ulfinni Rabbii Allaahas mana qulqullummaa guute. 2 Sababii ulfinni Rabbii Allaah mana qulqullummaa guuteef luboonni mana qulqullummaa Rabbii Allaah seenuu hin dandeenye. 3 Israaʼeloonni hundi yommuu ibidda shamaayʼuniidhaa gad buʼuu fi ulfina Rabbii Allaah mana qulqullummaa irratti arganitti qarqara karaa irratti jilbeenfatanii addaan lafatti gombifamuudhaan sagadan; akkana jedhaniis Rabbii Allaah galateeffatan:
"Inni gaarii dha;
jaalalli isaas bara baraan jiraata."
4 Ergasii mootichii fi sabni hundi fuula Rabbii Allaah duratti aarsaa dhiʼeessan. 5 Suleyimaan Mootichis loon kuma digdamii lama, hoolotaa fi reʼoota kuma dhibba tokkoo fi digdama aarsaa dhiʼeesse; akkasiin mootichii fi namoonni hundi mana qulqullummaa Allaaha eebbisan. 6 Luboonni akkuma Lewwonni miʼoota faarfannaa Rabbii Allaah kanneen Daawud Mootichi ittiin Rabbii Allaah jajachuudhaaf tolche kanneen yeroo inni, "Jaalalli isaa bara baraan ni jiraata" jedhee galateeffatutti fayyadan sana harkatti qabatanii dhaaban. Luboonnis fuullee Lewwotaa dhaabatanii malakata isaanii afuufan; Israaʼeloonni hundis dhadhaabachaa turan.
7 Suleyimaanis iddoo walakkaa oobdii fuula mana qulqullummaa Rabbii Allaah dura jiru sanaa Allaahaf addaan ni baase; inni sababii iddoon aarsaa kan inni naasii irraa hojjetee ture sun aarsaa gubamu, kennaa midhaanii fi cooma baachuu hin dandaʼiniif aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa nagaa sana achumatti ni dhiʼeesse.
8 Kanaafuu Suleyimaan yeroo sanatti bultii torbaaf Israaʼeloota isa wajjin turan hunda wajjin jechuunis waldaa guddicha Malkaa Leeboo Hamaatii jalqabee hamma laga Gibxitti walitti qabame wajjin ayyaana ayyaaneffate. 9 Isaanis sababii bultii torba ayyaana eebba iddoo aarsaa ayyaaneffatanii bultii torba immoo ittuma fufanii ayyaana daasii ayyaaneffataniif bultii saddeettaffaatti wal gaʼii guddaa tokko ni godhatan. 10 Suleyimaanis guyyaa digdamii sadaffaa jiʼa torbaffaatti akka isaan mana isaaniitti galaniif namoota gad dhiise; isaanis sababii Rabbii Allaahan Daawudiif, Suleyimaanii fi saba isaa Israaʼeliif waan gaarii godheef garaa isaaniitti gammadanii ni ililchan.
11 Yommuu Suleyimaan mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii fi masaraa mootummaa fixee waan mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii fi masaraa ofii isaa keessatti hojjechuu barbaade hunda raawwatetti, 12 Rabbii Allaahanis halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen:
"Ani duʼaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera.
13 "Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef shamaayʼun cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti, 14 yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na duratti duʼaa godhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani shamaayʼun irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa. 15 Ammas duʼaa iddoo kanatti dhiʼaatuuf iji koo ni banama; gurri koos ni dhagaʼa. 16 Ani akka Maqaan koo bara baraan achi jiraatuuf mana qulqullummaa kana filadhee eebbiseera. Iji koo fi garaan koo yeroo hunda achuma jira.
17 "Yoo ati akkuma Daawud abbaan kee godhe sana fuula koo dura deemtee waan ani ajaje hunda hojjette, yoo qajeelchawwanii fi seerawwan koo eegde, 18 ani akkuman yeroo, ‘Ati nama Israaʼelin bulchu hin dhabdu’ jedhee abbaa kee Daawud wajjin kakuu gale sana teessoo mootummaa keetii jabeessee nan dhaaba.
19 "Garuu yoo isin duubatti garagaltanii seeraa fi ajaja ani isinii kenne sana irraa gara waaqeffatamtoota biraa tajaajiluu fi isaan waaqeffachuu dhaqxan, 20 ani biyya koo kanan isaaniif kenne keessaa Israaʼelin nan buqqisa; mana qulqullummaa kanan Maqaa kootiif qulqulleesse kana illee nan balfa; saboota hunda birattis waan kolfaatii fi waan qoosaa isa nan godha. 21 Manni qulqullummaa kunis tuullaa waan diigamee taʼa. Namni achiin darbu hundis, ‘Rabbii Allaahan maaliif biyya kanaa fi mana qulqullummaa kanatti waan akkasii hojjete?’ jedhee itti qoosa. 22 Namoonnis, ‘Sababiin inni balaa kana hunda isaanitti fideef waan isaan Rabbii Allaah abbootii isaanii kan Gibxii isaan baase sana dhiisanii, waaqeffatamtoota biraa hammatanii, isaanin waaqeffatanii tajaajilaniif’ jedhanii ni deebisu."