Publicidade

2 Crônicas 32

Senaaheriib Yerusaalemin Marse

1 Erga Hisqiyaas waan kana hunda amanamummaadhaan hojjetee booddee Senaaheriib mootichi Asoor dhufee Yihuudaa weerare. Moʼatee isaan qabachuudhaafis magaalaawwan dallaa dhagaa qaban marse. 2 Hisqiyaasis yommuu akka Senaaheriib dhufee Yerusaalemin loluu barbaade argetti, 3 burqaa bishaanii kan magaalaan ala jiru cufuuf qondaaltota isaa fi loltoota isaa wajjin mariʼate; isaanis isa gargaaran. 4 Namoonni akka malee hedduun walitti qabamanii, "Mootonni Asoor maaliif dhufanii bishaan baayʼee argatan?" jedhanii burqaawwanii fi lageen biyya sana keessa yaaʼan hunda ni cufan. 5 Ergasii mootichi jabaatee hojjechuudhaan dallaawwan dhagaa kanneen jijjigan hunda dhaabuudhaan gamoowwan eegumsaa achi irratti ijaare. Isaan alatti immoo dallaawwan biraa ijaaree daangaa Magaalaa Daawud cimse. Akkasumas miʼoota lolaa fi gaachanawwan baayʼee hojjete.

6 Innis ajajjoota loltootaa uummata irratti muudee oobdii karra magaalaa irratti fuula isaa duratti walitti qabee akkana jedhee isaan jajjabeesse; 7 "Jabaadhaa; cimaa. Isin sababii mooticha Asoorii fi sababii loltoota akka malee baayʼee kanneen isa wajjin jiran sanaatiif jettanii hin sodaatinaa; humni nu wajjin jiru kan isa wajjin jiru caalaatii. 8 Kan isa wajjin jiru humna foonii qofaa dha; kan nu wajjin jiru garuu Rabbii Allaah keenya isa nu gargaaruu fi isa lola keenya nuuf loluu dha." Uummanni dubbii Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin jajjabaate.

9 Kana booddees Senaaheriib mootichi Asoor utuma loltoota isaa hunda wajjin Laakkiish marsee jiruu, harka ajajjoota loltoota isaatti akkana jedhee gara Yerusaalemitti Hisqiyaasii fi namoota Yihuudaa kanneen achi jiran hundatti ergaa kana erge:

10 "Senaaheriib mootichi Asoor akkana jedha: Yerusaalem ishee marfamte kana keessa turuun keessan of amanachuu kee maal irratti hundeeffatte? 11 Hisqiyaas, ‘Rabbii Allaahan keenya harka mootii Asoor jalaa nu baasa’ jechuun isaa akka isin beelaa fi dheebuudhaan dhumtaniif mitii? 12 Namni Yihuudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin iddoo aarsaa tokko duratti sagaduu fi isuma irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuu qabdu’ jedhee iddoowwan sagadaa fi iddoowwan aarsaa Allaah kanaa balleesse Hisqiyaasuma mataa isaa mitii?

13 "Isin waan anii fi abbootiin koo saboota biyyoota biraa hunda goone hin beektanii? Waaqeffatamtoonni saboota sanaa biyya isaanii harka koo jalaa takkumaa baasuu dandaʼaniiruu? 14 Waaqeffatamtoota abbootiin koo balleessan kanneen hunda keessaa isa kamtu saba isaa harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Allaahan keessan akkamitti harka koo keessaa isin baasuu dandaʼa ree? 15 Ammas Hisqiyaas akkasitti isin gowwoomsee karaa irraa isin hin jalʼisin. Allaahan saba yookaan mootummaa kamii iyyuu saba isaa harka koo yookaan harka abbootii koo jalaa baasuu hin dandeenyeetii isa hin amaninaa. Allaahan keessan immoo harka kootii isin baasuuf hammam haa yaratu ree!"

16 Qondaaltonni Senaaheriibis waan kana caalaa hedduu Rabbii Allaah, Allaaha fi Hisqiyaas garbicha isaa irratti ni dubbatan. 17 Mootichis akkasuma Rabbii Allaah Israaʼel arrabsuudhaan, waan hamaa illee isatti dubbachuudhaan, "Akkuma waaqeffatamtoonni biyyoota biraa saba isaanii harka koo jalaa baasuu hin dandaʼin sana Allaahan Hisqiyaasis saba isaa harka koo jalaa oolchuu hin dandaʼu" jedhee xalayaa barreesse. 18 Kana irratti isaan naasisuu fi sodaachisuudhaan magaalaa sana qabachuudhaaf saba Yerusaalem kan dallaa dhagaa irra tureetti afaan Ibraayisxiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii iyyan. 19 Isaan akkuma waaʼee waaqeffatamtoota saboota addunyaa biraa kanneen harka namaatiin hojjetaman sanaa dubbatan sana waaʼee Allaah Yerusaalem dubbatan.

20 Hisqiyaas Mootichii fi Isaayyaas nabiiʼiyyichi ilmi Amoos waaʼee waan kanaatiif duʼaa godhachuudhaan gara shamaayʼuniitti ol iyyan. 21 Rabbii Allaahanis malaʼikkaa isaa tokko itti erge; malaʼikkaan sunis qubata loltoota mooticha Asoor keessatti loltoota, hooggantootaa fi ajajjoota loltootaa ni balleesse. Kanaafuu mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Yeroo inni galma Allaah isaa seenettis ilmaan isaa achumatti goraadeedhaan isa cicciran.

22 Rabbii Allaahan akkasiin Hisqiyaasii fi namoota Yerusaalem harka Senaaheriib mooticha Asoorii fi harka diinota isaa hundaa jalaa ni baase. Inni karaa hundaan isaan eege. 23 Namoonni baayʼeenis gara Yerusaalemitti Rabbii Allaahaf aarsaa fidan; Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiif immoo kennaa gatii guddaa fidan. Innis yeroo sanaa jalqabee fuula saboota hundaa duratti ulfina argate.

Of tuulummaa, Milkaaʼinaa fi Duʼa Hisqiyaas

24 Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼe. Innis Rabbii Allaah duratti ni duʼaa godhate; Allaahanis deebii kennee fi mallattoo dinqisiisaa isa argisiise. 25 Hisqiyaas garuu garaa isaatti of tuule malee waan gaarii isaaf godhameef deebii malu hin kennine; kanaafuu dheekkamsi Rabbii Allaah isatti, Yihuudaa fi Yerusaalemitti dhufe. 26 Kana irratti Hisqiyaas akkuma namoota Yerusaalem sanaa of tuulummaa garaa isaa irraa ni deebiʼe; kanaafuu bara Hisqiyaas keessa dheekkamsi Rabbii Allaah isaanitti hin dhufne.

27 Hisqiyaas qabeenya akka malee baayʼee fi ulfina guddaa qaba ture; innis meetii isaaf, warqee isaaf, dhagaawwan isaa gati jabeeyyiif, urgooftuuwwan isaaf, gaachanawwan isaa fi miʼoota garaa garaa kanneen gatii guddaa qaban hundaaf mankuusa ni ijaare. 28 Akkasumas midhaaniif gombisaa ijaare; daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaaf qodaa itti kuusan qopheesse; loon gosa hundaaf dallaa, bushaayeef immoo gola ni ijaare. 29 Innis sababii Allaahan badhaadhummaa guddaa isaaf kenneef bushaayee baayʼee, karra loonii hedduus horatee magaalaawwanis ni ijaarrate.

30 Namni afaan burqaa Giihoon kan olii cufee bishaan isaa gara lixa Magaalaa Daawuditti jalʼise Hisqiyaasuma kana. Hojiin isaa hundis ni milkaaʼeef. 31 Garuu yeroo bulchitoonni Baabilon waaʼee hojii dinqii kan biyya sanatti hojjetamee isa gaafachuuf ergamoota erganitti Allaahan isa qoruu fi waan garaa isaa keessa jiru ilaaluudhaaf isa dhiise.

32 Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa fi gaarummaan isaa mulʼata Isaayyaas nabiiʼiyyicha ilma Amoos, kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru. 33 Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqotee lafa qabrii sanyiiwwan Daawuditti gaara irratti qabbarame. Yeroo inni duʼettis Yihuudaa fi sabni Yerusaalem hundinuu isa kabajan. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-