1 Rehooboʼaam erga mootii taʼee mootummaa isaa cimsatee booddee innii fi Israaʼeloonni isa wajjin jiraatan hundi seera Rabbii Allaah eeguu didan. 2 Sababii isaan Rabbii Allaahaf amanamuu didaniif waggaa shanaffaa Rehooboʼaam mootii taʼetti Shiishaaq mootiin Gibxi Yerusaalemin waraane. 3 Innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba lama, abbootii fardaa kuma jaatamaa fi loltoota Liibiyaa, kan Sukkiimiitii fi kan Itoophiyaa warra baayʼinni isaanii hin beekamne kanneen isa wajjin Gibxii dhufan fudhatee, 4 magaalaawwan Yihuudaa kanneen jajjabeeffamanii ijaaraman qabatee hamma Yerusaalemiitti ni dhufe.
5 Ergasii Shemaaʼiyaan nabiiʼiyyichi gara Rehooboʼaamii fi bulchitoota Yihuudaa kanneen Shiishaaq sodaatanii Yerusaalem keessatti walitti qabamanii dhufee, "Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Isin na dhiiftan; anis harka Shiishaaqitti isin kenneera’ " jedhe.
6 Bulchitoonni Israaʼelii fi Rehooboʼaam mootichi gad of deebisanii, "Rabbii Allaahan qajeelaa dha" jedhan.
7 Yommuu Rabbii Allaahan akka isaan gad of deebisan argetti, dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Shemaaʼiyaa dhufe; "Waan isaan gad of deebisaniif, ani dafeen isaan fura malee isaan hin balleessu. Dheekkamsi koos karaa Shiishaaqiin Yerusaalemitti hin dhangalaasu. 8 Taʼus isaan akka garaa garummaa ana tajaajiluu fi mootota biyya biraa tajaajiluu gidduu jiru beekaniif isaaf ni garboomu."
9 Shiishaaq mootiin Gibxi yeroo Yerusaalem qabatetti qabeenya mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii fi qabeenya masaraa mootummaa guurratee deeme. Gaachanawwan warqee kanneen Suleyimaan hojjete dabalatee waan guurratee gale. 10 Kanaafuu Rehooboʼaam mootichi iddoo isaanii buusuuf jedhee gaachana naasii hojjetee ajajjuuwwan eegdota dabaree eegumsa balbala masaraa mootummaatti kenne. 11 Yeroo mootichi gara mana qulqullummaa Rabbii Allaah dhaqu hunda eegdonni sun gaachana sana baachaa isa wajjin deemanii ergasii immoo kutaa eegdotaatti deebisu ture.
12 Sababii Rehooboʼaam gad of deebiseef dheekkamsi Rabbii Allaah isa irraa ni deebiʼe; kanaafuu inni guutummaatti hin balleeffamne; dhugumaan Yihuudaa keessa haala gaariitu ture.
13 Rehooboʼaam mootichis Yerusaalem keessatti of cimsee mootii taʼee ni jiraate. Yeroo inni mootii taʼetti umuriin isaa waggaa afurtamii tokko ture. Innis waggaa kudha torba Yerusaalem magaalaa Rabbii Allaahan Maqaa ofii isaa achi kaaʼachuuf jedhee gosoota Israaʼel hunda keessaa filate sana keessatti mootii taʼee bulche. Maqaan haadha isaa Naʼamaa ture; isheenis gosa Amoon turte. 14 Inni sababii Rabbii Allaah barbaaduuf garaa isaa hin qopheessiniif waan hamaa hojjete.
15 Wantoonni bara mootummaa Rehooboʼaam keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman galmee seenaa kan Shemaaʼiyaa nabiiʼiyyichaa fi seenaa dhalootaa kan Iddoon namichi ilaalaan sun barreesse keessatti barreeffamaniiru mitii? Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraana gargari hin cinnetu ture. 16 Rehooboʼaam abbootii ofii wajjin boqotee Magaalaa Daawud keessatti ni qabbarame. Ilmi isaa Abiyaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.