1 Hafuurri Allaaha Azaariyaa ilma Oodeed irra ni buʼe. 2 Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; "Aasaa fi Yihuudaan hundi, Biniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan Rabbii Allaahan isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa. 3 Yeroo dheeraadhaaf Israaʼeloonni Allaah dhugaa malee luba isaan barsiisuu fi seera malee jiraachaa turan. 4 Yeroo rakkina isaaniitti garuu gara Rabbii Allaah Israaʼelitti deebiʼanii isa barbaadan; innis isaaniif ni argame. 5 Sababii bara sana keessa jiraattonni biyyattii hundi raafama keessa turaniif baʼuu fi deebiʼanii galuun amansiisaa hin turre. 6 Sababii Allaahan rakkina gosa hundaatiin isaan dhiphisaa tureef sabni tokko saba biraatiin, magaalaan tokko magaalaa biraatiin barbadeeffamaa ture. 7 Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii."
8 Aasaan yommuu dubbii kanaa fi nabiiʼiyyii Azaariyaa ilma Oodeed dhagaʼetti ni jajjabaate. Innis waaqeffatamtoota jibbisiisoo harka namaatiin hojjetaman biyya Yihuudaa, Biniyaamii fi magaalaawwan biyya gaaraa Efreem keessatti qabate hunda keessaa balleesse. Iddoo aarsaa Rabbii Allaah kan gardaafoo mana qulqullummaa Rabbii Allaah dura jiru illee ni haaromse.
9 Innis Yihuudaa fi Biniyaam akkasumas warra biyya Efreem, Minaasee fi Simiʼoonii dhufanii alagummaadhaan isaan gidduu jiraachaa turan hunda walitti qabe; namoonni akka malee baayʼeen akka Rabbii Allaahan isaa isa wajjin jiru arganii Israaʼel keessaa gara isaa dhufaniitii.
10 Isaanis waggaa kudha shanaffaa Aasaan mootii taʼetti jiʼa sadaffaa keessa Yerusaalemitti walitti qabaman. 11 Yeroo sanattis waan boojiʼanii fidan keessaa sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torba Rabbii Allaahaf aarsaa godhan. 12 Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan Rabbii Allaah abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan. 13 Namni Rabbii Allaah Israaʼel hin barbaanne hundi xinnaas taʼu guddaan, dhiiras taʼu dubartiin ni ajjeefama ture. 14 Isaanis sagalee guddaa fi iyyaan, malakataa fi gaanfa afuufuudhaan Rabbii Allaahaf ni kakatan. 15 Yihuudoonni hundinuu waan garaa guutuudhaan kakataniif kakuu kanatti akka malee gammadan. Isaan fedhiidhaan Allaah ni barbaadan; innis isaaniif argame. Kanaafuu Rabbii Allaahan karaa hundaan boqonnaa isaaniif ni kenne.
16 Aasaan Mootichi akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana caccabsee Sulula Qeedroon keessatti ni gube. 17 Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu Rabbii Allaahaf kennamee ture. 18 Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Allaahaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Allaahatti ni galche.
19 Hamma bara mootummaa Aasaa waggaa soddomii shanaffaatti lolli tokko iyyuu hin kaane.