1 Yosiyaas Yerusaalemitti Rabbii Allaahaf Faasiikaa ayyaanesse; hoolaan Faasiikaas guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti qalame. 2 Innis luboota hojii isaanii irratti muudee akka isaan mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessa tajaajilan isaan jajjabeesse. 3 Lewwota Israaʼeloota hunda barsiisanii fi Rabbii Allaahaf qulqullaaʼaniinis akkana jedhe; "Taabota qulqullaaʼaa sana mana qulqullummaa kan Suleyimaan ilmi Daawud mooticha Israaʼel ijaare keessa kaaʼaa. Taabonni kun gatiittii keessanitti hin baatamin. Isin amma Rabbii Allaah keessanii fi saba isaa Israaʼelin tajaajilaa. 4 Akkuma qajeelfama Daawud mooticha Israaʼelii fi ilma isaa Suleyimaaniin barreeffame sanaatti isin akkuma maatiiwwan keessaniitti garee gareedhaan of qopheessaa.
5 "Kutaa maatiiwwan obboloota keessanii kanneen Lewwota hin taʼiniitiif gareen Lewwotaa tokko kutaa maatii tokkoo iddoo buʼaatii iddoo qulqulluu dhaabadhaa. 6 Hoolaa Faasiikaa qalaa; of qulqulleessaatii obboloota keessaniifis xobbaallaawwan hoolaa qopheessaa; waan kanas akkuma Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin ajaje sanatti godhaa."
7 Yosiyaasis hoolotaa fi reʼoota kuma soddomaa fi loon kuma sadii akka aarsaa Faasiikaa taʼaniif namoota achi turan hundaaf qabeenyuma isaa irraa ni kenne.
8 Qondaaltonni isaas uummataaf, lubootaa fi Lewwotaaf fedhiidhaan buusii kennan. Hilqiyaa, Zakariyaa fi Yehiiʼeel bulchitoonni mana qulqullummaa Allaaha aarsaa Faasiikaatiif hoolotaa fi reʼoota kuma lamaa dhibba jaʼaa fi loon dhibba sadii lubootatti kennan. 9 Konaneyaanis obboloota isaa Shemaaʼiyaa fi Naatnaaʼel wajjin, akkasumas Hashabiyaan, Yeʼiiʼeelii fi Yoozaabaad dura buutonni Lewwotaa sun hoolotaa fi reʼoota kuma shanii fi loon dhibba shan akka isaan aarsaa Faasiikaa taʼaniif Lewwotatti ni kennan.
10 Wanni hundinuu qopheeffamnaan akkuma mootichi ajaje sanatti luboonni iddoo isaanii ijaajjan; Lewwonnis toora isaaniitiin ijaajjan. 11 Hoolonni Faasiikaa ni qalaman; luboonnis dhiiga itti kenname ni faffacaasan; Lewwonni immoo hoolota irraa gogaa ni baasan. 12 Isaanis akka jarri akkuma Kitaaba Muusaa keessatti barreeffame sanatti Rabbii Allaahaf dhiʼeessaniif kutaa maatiiwwan sabaatiif kennuudhaaf aarsaa gubamu kophaatti baasan. Loon illee akkasuma godhan. 13 Akkuma ajajame sanattis hoolaa Faasiikaa ibiddaan waadan; aarsaa qulqulleeffame immoo okkoteetti, hubboo fi xuwweetti affeelanii yoosuma namoota hundaaf qoqqoodan. 14 Isaanis ergasii sababii luboonni sanyiin Haaruun hamma halkan walakkaatti aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa dhiʼeessaa turaniif ofii isaaniitii fi lubootaaf qophii godhan. Akkasiin Lewwonni ofii isaaniitii fi luboota sanyii Haaruun taʼaniif qopheessan.
15 Ilmaan Asaaf faarfattoonni akkuma Daawud, Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun waa himaan mootichaa ajajan sana iddoodhuma isaaniif ramadame turan. Eegdonni karraa kanneen tokkoo tokkoo karraa irra turan immoo waan obboloota isaanii Lewwonni qophii isaaniif godhaniif iddoo isaaniitii deemuun hin barbaachifne.
16 Kanaafuu tajaajilli Rabbii Allaah hundinuu akkuma Yosiyaas Mootichi ajajetti ayyaana Faasiikaa ayyaanessuu fi iddoo aarsaa Rabbii Allaah irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuun guyyuma sana fiixaan baʼe. 17 Israaʼeloonni achi turanis yeruma sana Ayyaana Faasiikaa ayyaaneffatanii Ayyaana Maxinoo guyyaa torba ayyaaneffatan. 18 Bara Saamuʼeel nabiiʼiyyichaatii as Israaʼel keessatti Faasiikaan takkumaa akkanatti hin ayyaaneffamne; mootota Israaʼel keessaas namni tokko iyyuu takkumaa akka Yosiyaas namicha luboota, Lewwotaa fi namoota Yihuudaa fi Israaʼel kanneen saba Yerusaalem wajjin turan sana hunda wajjin godhe sanaatti Faasiikaa akkasii hin ayyaaneffanne. 19 Faasiikaan kun bara mootummaa Yosiyaas keessaa waggaa kudha saddeettaffaatti ayyaaneffame.
20 Waan kana hunda booddee yeroo Yosiyaas mana qulqullummaa qopheessetti Nekkoon mootichi Gibxi Karkemiishi ishee Efraaxiis biraa sanatti lolaaf ol baʼe; Yosiyaasis of irraa isa deebisuudhaaf itti gad baʼe. 21 Nekkoon garuu, "Yaa mootii Yihuudaa, wanni anaa fi siʼi wal lolchiisu maali? Ani yeroo kanatti mana na lolu sana loluufin dhufe malee si loluuf hin dhufne. Allaahan akka ani ariifadhu na ajajeera; kanaafuu ati Allaah na wajjin jiru kanaan mormuu dhiisi; yoo kanaa achii inni si balleessaatii" jedhee namoota itti erge.
22 Taʼus Yosiyaas eenyumaa ofii isaa wallaalchifatee lola keessa seene malee isa irraa hin deebine. Inni waan Nekkoon Allaahan ajajamee isatti hime sana dhagaʼuu didee dirree Megidoo irratti isa waraanuudhaaf baʼe.
23 Warri xiyya darbatan Yosiyaas Mootichatti ni darbatan; innis ajajjoota loltoota isaatiin, "Na fuudhaatii deemaa; ani akka malee madaaʼeeraatii" jedhe. 24 Kanaafuu isaan gaarii isaa keessaa isa fuudhanii gaarii biraa irra kaaʼanii gara Yerusaalemitti isa geessan; innis achitti duʼe. Innis qabrii abbootii isaa keessatti qabbarame; Yihuudaa fi Yerusaalem hundi isaaf ni booʼan.
25 Ermiyaasis faaruu booʼichaa Yosiyaasiif baase; hamma harʼaattis dhiironnii fi dubartoonni faarfattoonni hundi faaruu booʼichaa kanaan Yosiyaasin yaadatu. Kunis Israaʼel keessatti bartee taʼee Faaruu Booʼichaa keessatti barreeffame.
26 Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame biraa fi gaarummaan isaa akkuma waan Seera Rabbii Allaah keessatti barreeffame sanaatti, 27 seenaan isaa hundi jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffameera.