Publicidade

2 Crônicas 25

Amasiyaa Mooticha Yihuudaa

1 Amasiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal ni bulche. Maqaan haadha isaa, Yoʼaadaan ture; isheenis nama Yerusaalem turte. 2 Innis waan fuula Rabbii Allaah duratti qajeelaa taʼe ni hojjete; garuu garaa guutuudhaan miti. 3 Inni erga jabeessee toʼannaa isaa jalatti mootummaa qabatee booddee qondaaltota abbaa isaa mooticha ajjeesan sana fixe. 4 Taʼus inni akka waan Seera keessatti, Kitaaba Muusaa keessatti Rabbii Allaahan, "Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa" jedhee ajaje sanaatti tarkaanfii fudhate malee ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin fixne.

5 Amasiyaa saba Yihuudaa walitti waamee akkuma maatii isaaniitti ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa guutummaa Yihuudaa fi Biniyaam keessatti ramade. Sana booddees warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe walitti qabee akka namoonni duulaaf qophaaʼan kanneen eeboo fi gaachana qabachuu dandaʼan kuma dhibba sadii taʼan argate. 6 Akkasumas Israaʼel keessaa loltoota jajjaboo kuma dhibba tokko meetii taalaantii dhibba tokkoon ni qaxarate.

7 Garuu namni Allaaha tokko isa bira dhufee akkana jedheen; "Yaa mootii, sababii Rabbii Allaahan Israaʼel wajjinis taʼu namoota Efreem kam iyyuu wajjin hin jirreef loltoonni Israaʼel kunneen si wajjin hin duulin. 8 Yoo ati sodaa malee lola dhaqxe illee Allaahan fuula diinota keetii duratti si kuffisa; Allaahan gargaaruufis kuffisuufis humna qabaatii."

9 Amasiyaa immoo, "Garuu taalaantiin dhibbi ani loltoota Israaʼeliif baase sun maal haa taʼu ree?" jedhee nama Allaaha sana ni gaafate.

Namni Allaaha sun immoo deebisee, "Rabbii Allaahan waan sana caalu iyyuu siif kennuu ni dandaʼa" jedheen.

10 Kanaafuu Amasiyaa loltoota biyya Efreemii isa bira dhufan sana akka isaan biyya isaaniitti deebiʼaniif gad dhiise. Isaanis Yihuudaatti aaranii akka malee dheekkamaa gara biyya isaaniitti deebiʼan.

11 Amasiyaa humna isaa jabeeffatee loltoota isaa gara Sulula Soogiddaatti erge; achittis namoota Seeʼiir kuma kudhan ni fixe. 12 Loltoonni Yihuudaas namoota kuma kudhan biraa boojiʼan; fiixee kattaa tokkoottis ol baasanii achi irraa gad isaan dadarbatan; hundi isaaniis caccabanii hurraaʼan.

13 Loltoonni Amasiyaa akka isaan isa wajjin hin duulleef gara biyya isaaniitti deebisee erge sun garuu magaalaawwan Yihuudaa kanneen Samaariyaadhaa hamma Beet Horoonitti jiran ni dhaʼan. Isaanis namoota kuma sadii ajjeesanii boojuu baayʼee fudhatanii deeman.

14 Amasiyaa yommuu namoota Edoom fixee deebiʼetti waaqeffatamtoota saba Seeʼiir fudhatee gale. Innis akkuma waaqeffatamtoota isaatti dhaabbatee sagadeefii aarsaa gubamu isaaniif ni dhiʼeesse. 15 Rabbii Allaahanis akka malee Amasiyaatti aaree nabiiʼiyyii tokko itti erge; nabiiʼiyyiin sunis, "Ati maaliif waaqeffatamtoota saba kanaa kanneen saba ofii isaa iyyuu harka keetii baasuu hin dandeenye gorsa gaafatta?" jedheen.

16 Mootichis utuma inni dubbachaa jiruu, "Nu akka ati mootii gorsituuf si muudneerraa? Calʼisi! Maaliif rukutamta?" jedheen.

Nabiiʼiyyiin sunis ni calʼise; garuu, "Sababii ati gorsa koo dhagaʼuu diddee waan kana gooteef, ani akka Allaahan si balleessuuf murteesse nan beeka" jedheen.

17 Amasiyaa mootichi Yihuudaa erga gorsitoota isaatiin mariʼatee booddee, "Kottu mee waraana keessatti wal ilaallaa" jedhee qoosaa kana gara Yooʼaash ilma Yehooʼaahaaz, ilma Yehuu, mooticha Israaʼelitti ni erge.

18 Yooʼaash mootichi Israaʼel garuu akkana jedhee Amasiyaa mooticha Yihuudaatiif deebii kenne; "Sokorruun Libaanoon keessaa tokko ergaa ergee birbirsaa Libaanooniin, ‘Intala kee ilma kootti heerumsiisi’ jedhe. Ergasii bineensi bosona Libaanoon keessaa tokko dhufee sokorruu sana irra miilaan deeme. 19 Ati, ‘Kunoo ati dhugumaan Edoomin moʼatteerta’ ofiin jettee amma of tuulaa jirta. Amma garuu mana kee taaʼi! Ati maaliif rakkina barbaaddee ofii keetii fi Yihuudaattis kufaatii fidda?"

20 Amasiyaa garuu dhagaʼuu dide; sababii isaan waaqeffatamtoota Edoom duukaa buʼaniif Allaahan harka Yooʼaashitti dabarsee isaan kennuuf murteesseeraatii. 21 Kanaafuu Yooʼaash mootichi Israaʼel kaʼee lola bane. Innii fi Amasiyaa mootichi Yihuudaa biyya Yihuudaa keessatti Beet Shemeshitti walitti baʼan. 22 Warri Yihuudaas warra Israaʼeliin moʼatamanii tokkoon tokkoon namaas gara mana ofii isaatti baqate. 23 Yooʼaash mootichi Israaʼel, Amasiyaa mooticha Yihuudaa ilma Iyooʼas ilma Ahaaziyaa sana Beet Shemeshitti qabe. Iyooʼasis gara Yerusaalemitti isa fidee Karra Efreemiitii jalqabee hamma Karra Goleetti dallaa Yerusaalem kan dhagaa sana diige; kutaan diigame kun dhundhuma dhibba afur lafa irra dheerata ture. 24 Innis warqee fi meetii hunda, akkasumas miʼa mana qulqullummaa Allaaha keessatti argamu kan Oobeed Edoom eegaa ture hunda, qabeenya masaraa mootummaa fi namoota boojiʼe illee fudhatee gara Samaariyaatti deebiʼe.

25 Amasiyaa ilmi Yooʼaash mootichi Yihuudaa erga Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz mootichi Israaʼel duʼee booddee waggaa kudha shan jiraate. 26 Wantoonni bara mootummaa Amasiyaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii? 27 Yeroo Amasiyaan Rabbii Allaah duukaa buʼuu irraa garagalee jalqabee isaan Yerusaalem keessatti isatti malatan; innis gara Laakkiishitti baqate; isaan immoo faanuma isaa Laakkiishitti namoota erganii achitti isa ajjeesan. 28 Isaanis fardaan isa fidanii Magaalaa Yihuudaatti abbootii isaa biratti isa ni qabbaran.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-