Publicidade

Isaías 52

1 Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi;

jabina kee uffadhu!

Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii,

wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu.

Namoonni dhagna hin qabaminii fi

xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.

2 Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu;

kaʼiitii teessoo irra taaʼi.

Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii,

foncaa morma keetii of irraa hiiki.

3 Rabbii Allaahan akkana jedhaatii:

"Isin gatii malee gurguramtanii turtan;

amma immoo maallaqa malee furamtan."

4 Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedhaatii:

"Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe;

ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.

5 "Yoos ani amma maalan asii qaba?" jedha Rabbii Allaahan.

"Sabni koo sababii malee fudhatameera;

warri isaan bulchanis ni qoosu" jedha Rabbii Allaahan.

"Guyyaa guutuus,

maqaan koo ittuma fufee arrabsama.

6 Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka;

kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate

akka ana taʼe ni beeku.

Eeyyee, inni anuma."

7 Miilli warra injiila fidanii,

kan nagaa labsanii,

kan oduu gammachiisaa fidanii,

kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin,

"Allaahan kee moʼeera!" jedhanii

tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!

8 Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru;

isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu.

Yeroo Rabbii Allaahan Xiyoonitti deebiʼutti,

isaan ijuma isaaniitiin ni argu.

9 Yaa diigamtoota Yerusaalem

tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa;

Rabbii Allaahan uummata isaa jajjabeessee

Yerusaaleminis fureeraa.

10 Rabbii Allaahan fuula saboota hundaa duratti,

irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa;

handaarri lafaa hundis

fayyisuu Allaah keenyaa ni argu.

11 Isin warri miʼa Rabbii Allaah baattan, addaan baʼaa;

addaan baʼaa; achii fagaadhaa!

Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa!

Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.

12 Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan;

yookaan baqattanii hin deemtan;

Rabbii Allaahan fuula keessan dura deemaatii;

Allaahan Israaʼel dugda duubaan isin eega.

Dhiphinaa fi Ulfina Garbicha Sanaa

13 Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta;

inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata.

14 Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti,

fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera;

bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera;

15 akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa;

mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu.

Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii;

waan hin dhagaʼinis ni hubatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-