Publicidade

Isaías 13

Raajii Baabiloniin Mormu

1 Raajii waaʼee Baabilon kan Isaayyaas ilmi Amoos arge:

2 Tulluu homaa itti hin biqilin irratti

faajjii ol kaasaatii isaanitti iyyaa;

akka isaan karra namoota

bebeekamootiin ol galaniif harkaan itti himaa.

3 Ani qulqulloota koo ajajeera;

akka isaan dheekkamsa koo hojii irra naa oolchaniif

ani loltoota koo kanneen moʼannoo kootti gammadan waammadheera.

4 Waca tulluuwwan irraa,

kan akka tuuta guddaa tokkoo dhaggeeffadhaa!

Guungummii mootummootaa

kan saboota walitti qabamanii dhaggeeffadhaa!

Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

lolaaf jedhee loltoota qopheeffachaa jira!

5 Isaan biyya fagoodhaa

daarii shamaayʼuniiwwaniitii dhufan;

Rabbii Allaah fi miʼa lolaa kan dheekkamsa isaatiin

guutummaa biyyattii balleessuuf dhufu.

6 Waan guyyaan Rabbii Allaah dhiʼaateef booʼaa;

guyyaan sun akkuma badiisa

Allaah Waan Hunda Dandaʼu biraa ergameetti ni dhufa.

7 Kanaafuu harki hundinuu ni laamshaʼa;

onneen nama hundaas ni baqa.

8 Sodaan isaan qabata;

dhukkubbii fi gaddi isaan qabata;

akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti wixxirfatu.

Isaan rifatanii wal ilaalu;

fuulli isaanii akka ibiddaa diimata.

9 Kunoo guyyaan Rabbii Allaaha,

guyyaan hamaan, dheekkamsaa fi aarii sodaachisaadhaan,

lafa onsuu fi cubbamoota ishee keessa jiraatan

barbadeessuuf ni dhufa.

10 Urjiiwwan shamaayʼuniitii fi tuunni isaanii

ifa isaanii hin kennan.

Aduun baatu ni dukkanoofti;

jiʼis ifa ishee hin kennitu.

11 Ani addunyaa kana sababii jalʼina isaatiif,

hamoota sababii cubbuu isaaniitiif nan adaba.

Ani of tuulummaa of jajjootaa nan balleessa;

of guddisuu gara jabeeyyii illee gadin deebisa.

12 Ani akka namni warqee qulqulluu caalaa gati qabeessa,

warqee Oofiir caalaas muraasa taʼu nan godha.

13 Kanaafuu ani akka shamaayʼuniiwwan hollatan nan godha;

gaafa aariin isaa bobaʼutti

dheekkamsa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuutiin

lafti iddoo isheetii ni raafamti.

14 Namni hundinuu akkuma kuruphee adamsamtuu,

akkuma hoolota tiksee hin qabnee

gara saba isaatti deebiʼa;

namni kam iyyuu biyya isaatti baqata.

15 Namni boojiʼame hundinuu ni waraanama;

kan qabame kam iyyuu goraadeedhaan duʼa.

16 Daaʼimman isaanii fuuluma isaanii duratti ni cicciramu;

manneen isaanii ni saamamu; niitonni isaaniis humnaan gudeedamu.

17 Kunoo ani warra Meedee

kanneen meetii irraa dhimma hin qabne

warra warqeen hin gammachiifne jarattin kakaasa.

18 Iddaan isaanii dargaggoota fixxi;

isaan daaʼimmaniif hin naʼan;

ijoolleefis garaa hin laafan.

19 Baabilon ulfinni moototaa,

miidhaginni of jaja warra Baabilon

akkuma Sodoomii fi Gomoraa

irree Allaahatiin garagalfamti.

20 Namni ishee keessa hin qubatu;

yookaan dhaloota hunda keessatti namni ishee keessa hin jiraatu;

namni Arabaa tokko iyyuu dunkaana isaa achi hin dhaabbatu;

tikseen tokko iyyuu bushaayee isaa achi hin boqochiifattu.

21 Garuu bineensonni bosonaa achi ciciisu;

waangoowwan mana ishee ni guutu;

urunguun achi jiraatti;

reʼeen diidaa achi keessa buburraaqxi.

22 Waraabessi daʼannoowwan ishee keessaa yuusa;

waangoonis manneen ishee mimmiidhagoo kan mootummaa keessaa iyyiti.

Yeroon ishee gaʼeera;

barri ishees hin dheeratu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-