Publicidade

Isaías 27

Furamuu Israaʼel

1 Bara sana,

Rabbii Allaahan goraadee isaatiin,

goraadee isaa sodaachisaa, guddaa fi jabaa sanaan,

Lewaataan boficha mirmirfamu,

Lewaataan boficha marmaramu sana ni adaba;

inni jawwee galaana keessa jiraatu ni kukkuta.

2 Bara sana akkana jedhama;

"Waaʼee iddoo dhaabaa wayinii kan namatti tolu sanaa faarfadhaa;

3 ani Rabbii Allaahan isa nan eega;

ani yeroo hunda bishaan nan obaasa;

akka namni tokko iyyuu isa hin miineef

ani halkanii fi guyyaa isa nan eega.

4 Ani hin aaru.

Sokorruu fi qoraattiin waraanaaf utuu natti baʼanii!

Ani silaa isaanitti nan duula;

walitti qabees isaan nan guba.

5 Yoo kanaa achii isaan kooluu natti haa galan;

isaan na wajjin nagaa haa uuman;

eeyyee, isaan na wajjin nagaa haa uuman."

6 Bara dhufuuf jiru keessa Yaaʼikuub hidda baasa;

Israaʼel latee daraara;

ijaanis addunyaa hunda guuta.

7 Rabbii Allaahan akkuma warra ishee rukutan sana rukute,

ishee illee rukuteeraa?

Akkuma warri ishee ajjeesan sun ajjeefaman,

isheenis ajjeefamteertii?

8 Ati waraanuu fi ariʼuudhaan isheedhaan wal falmite;

inni guyyaa bubbeen baʼaa bubbisutti,

bubbee isaa sodaachisaa sanaan ishee balleessa.

9 Yommuu inni dhagoota iddoo aarsaa hunda

akkuma dhagaa nooraa caccabsamee godhutti,

siidaan asheeraa yookaan iddoon aarsaa ixaanaa tokko iyyuu dhaabatee hin hafu.

Akkasiinis balleessaan Yaaʼikuub ni haqamaaf;

kunis cubbuun isaa guutumaan guutuutti haqamuu isaa mirkaneessa.

10 Magaalaan dallaa jabaa qabdu ni onti;

akka gammoojjii gatamteetii fi dhiifamtee taati;

jabboonni achi dheeddi;

achis ni ciciifti;

jabboonni damee ishee qorqanii qullaa hambisu.

11 Dameen ishee yeroo gogutti irraa caccaba;

dubartoonnis dhufanii ibiddatti naqatu.

Uummanni kun hubannaa hin qabuutii;

kanaafuu Tolchaan isaanii garaa hin laafuuf;

Uumaan isaaniis isaaniif hin araaramu.

12 Bara sana Rabbii Allaahan Laga Efraaxiisii hamma laga Gibxitti midhaan dhaʼa; yaa Israaʼeloota, isin tokko tokkoon walitti ni qabamtu. 13 Bara sana malakanni guddaan tokko ni afuufama. Warri Asoor keessatti badanii turanii fi warri Gibxi keessatti faffacaʼanii turan dhufanii tulluu qulqulluu irratti Yerusaalem keessatti Rabbii Allaah waaqeffatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-