Publicidade

Isaías 31

Warra Gibxin Abdataniif Wayyoo

1 Warra gargaarsa barbaacha gara Gibxitti gad buʼaniif,

warra fardeen abdataniif

warra gaariiwwan isaaniitii fi

jabina abbootii fardeen isaanii amanatanii

garuu gara Qulqullicha Israaʼel hin ilaalle

yookaan gargaarsa Rabbii Allaah hin barbaanneef wayyoo.

2 Taʼus inni ogeessa; balaas fiduu dandaʼa;

inni waan jedhe irraa duubatti hin deebiʼu.

Inni mana hamootaatti,

warra namoota hammina hojjetan gargaaraniitti ni kaʼa.

3 Warri Gibxi namootuma malee Allaah miti;

fardeen isaaniis foonuma malee hafuura miti.

Yeroo Rabbii Allaahan harka isaa diriirfatutti,

inni gargaaru ni gufata;

inni gargaaramus ni kufa;

isaan lachuu walii wajjin badu.

4 Rabbii Allaahan akkana naan jedha:

"Akkuma leenci,

leenci guddaan tokko waan qabate irratti aadu sana,

tuunni tiksootaa guutuun isatti wal waammatan iyyuu,

inni iyya isaanii hin sodaatu;

yookaan waca isaaniitiin hin raafamu;

akkasuma Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

Tulluu Xiyoon irratti waraana banuuf gad buʼa.

5 Akkuma simbirroon mataa namaa irra naannoftu sana

Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu Yerusaalemiif gaachana taʼa;

inni gaachana taʼeefii ishee baraara;

ishee bira darba; ishee oolchas."

6 Yaa saba Israaʼel, gara Isa akka malee itti finciltan sanaatti deebiʼaa. 7 Bara sana tokkoon tokkoon keessan waaqeffatamtoota tolfamoo harki keessan cubbamaan sun meetii fi warqee irraa hojjetee ture sana ni gattuutii.

8 "Asoor goraadee kan namaa hin taʼiniin kufti;

goraadeen nama duʼa hin oollees isaan fixa.

Isaan goraadee duraa baqatu;

dargaggoonni isaaniis dirqamaan hojii humnaa hojjetu.

9 Daʼoon isaanii sababii sodaatiif ni jiga;

ajajjoonni isaaniis faajjii waraanaa arganii hollatu"

jedha Rabbii Allaahan, inni ibiddi isaa Xiyoon keessa,

kan boolli ibidda isaa immoo Yerusaalem keessa jiru sun.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-