Publicidade

Isaías 46

Waaqeffatamtoota Baabilon

1 Beel gad jedha; Neboo akka malee gugguufa;

waaqeffatamtoonni isaanii tolfamoon kotte duudaa fi horiitti feʼamaniiru;

fakkiiwwan isaan qabatanii jooran baʼaa dha;

horii dadhabeef baʼaa dha.

2 Isaan gugguufanii walii wajjin gad jedhu;

baʼaa sana oolchuu hin dandaʼan;

isaan iyyuu ni boojiʼamu.

3 "Yaa mana Yaaʼikuub,

isin hambaan mana Israaʼel hundi,

warri ani gaafa isin gadameessa keessatti uumamtanii jalqabee ol isin qabee

gaafa dhalattanii jalqabees isin baadhe hundi dhaggeeffadhaa.

4 Hamma dulloomtanii arrii baaftanitti,

ani isa; isuma isin jiraachisuu dha.

Ani isin uumeera; isinan baadhas;

ani isinan jiraachisa; isinan baraaras.

5 "Isin eenyuun wal bira na qabdu yookaan eenyuun wal na qixxeessitu?

Akka wal madaalluufis eenyutti na fakkeessitu?

6 Namoonni tokko tokko korojoo isaanii keessaa warqee gad naqanii

madaalliidhaan meetii madaalu;

waaqeffatamaa tolchuuf jedhanii tumtuu warqee qacaru;

isaanis gad jedhanii sagaduuf.

7 Ol fuudhanii gatiittii isaaniitti ni baatu;

iddoo isaatti ni deebisu; innis achi dhaabata.

Inni iddoo sanaa sochoʼuu hin dandaʼu.

Yoo namni gara isaatti iyye iyyuu, inni deebii hin kennu;

inni rakkoo isaa keessaa isa baasuu hin dandaʼu.

8 "Yaa finciltoota, waan kana yaadadhaa;

qalbiittis qabadhaa; garaa keessan keessas kaaʼadhaa.

9 Wantoota darban kanneen bara durii yaadadhaa;

ani Allaaha; kan biraa hin jiru;

ani Allaaha; kan akka koo hin jiru.

10 Ani dhuma waan tokkoo jalqabumatti nan labsa;

waan amma iyyuu dhufuuf jiru, ani durumaa jalqabee dubbadheera.

Ani, ‘Kaayoon koo cimee jiraata;

waan na gammachiisu hundas nan hojjedha’ nan jedha.

11 Baʼa biiftuutii allaattii waa adamsitu,

lafa fagootii immoo nama kaayyoo koo fiixaan baasu nan waama.

Ani waanan dubbadhe nan guuta;

waanan karoorfadhes nan raawwadha.

12 Yaa mata jabeeyyii,

isin warri qajeelummaa irraa fagoo jirtan na dhaggeeffadhaa.

13 Ani qajeelummaa koo nan dhiʼeessa;

innis fagoo hin jiru;

fayyisuun koos hin barfatu.

Ani Xiyooniif fayyina,

Israaʼeliif immoo ulfina koo nan kenna.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-