1 Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa,
fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti,
ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu;
waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu.
2 Saboonni qajeelummaa kee,
mootonni hundinuus ulfina kee ni argu;
ati maqaa haaraa,
kan afaan Rabbii Allaah siif baasuun ni waamamta.
3 Ati harka Rabbii Allaah keessatti gonfoo ulfinaa,
harka Allaah keetii keessattis marata mootii ni taata.
4 Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu,
yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu.
Ati garuu, "Ani isheetti nan gammada" jedhamta;
biyyi kees "kan heerumte" jedhamti;
Rabbii Allaahan sitti gammadaatii,
biyyi kee ni heerumti.
5 Akkuma dargaggeessi durba fuudhu,
ilmaan kee si fuudhu;
akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu,
Allaahan kees sitti gammada.
6 Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti eegdota ramadeera;
isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan.
Isin warri Rabbii Allaah waammattan,
ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa;
7 hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaaree
akka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti boqonnaa isaaf hin kenninaa.
8 Rabbii Allaahan akkana jedhee
harka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera;
"Ani lammata midhaan kee
nyaata godhee diinota keetiif hin kennu;
namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraa
kan ati itti dadhabde hin dhugan;
9 garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu;
Rabbii Allaahas ni galateeffatu;
warri ija wayinii guurratanis
oobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu."
10 Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa!
Uummataaf karaa qopheessaa.
Tolchaa; karaa guddaa tolchaa!
Dhagaawwan bubuqqisaa.
Sabootaafis faajjii ol qabaa.
11 Rabbii Allaahan akkana jedhee
hamma moggaa lafaatti labseera;
"Intala Xiyooniin akkana jedhaa:
‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa!
Badhaasni isaa kunoo isa harka jira;
beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’ "
12 Isaanis Saba Qulqulluu,
Furamtoota Rabbii Allaah jedhamanii ni waamamu;
atis barbaadamtuu,
Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta.