1 "Amma garuu yaa Yaaʼikuub garbicha ko,
yaa Israaʼel kan ani si filadhe, dhaggeeffadhu.
2 Rabbii Allaahan inni si uume,
kan gadameessa keessatti si tolche,
inni si gargaaru sun akkana jedha:
Yaa garbicha koo Yaaʼikuub,
yaa Yishuruun kan ani si filadhe hin sodaatin.
3 Ani lafa dheebote irratti bishaan,
lafa gogaa irratti burqaa nan dhangalaasaatii;
ani ijoollee kee irratti Hafuura koo,
sanyii kee irratti immoo eebba koo nan dhangalaasa.
4 Isaan akkuma marga bishaan gidduutii fi
akka muka alaltuu kan qarqara lagaa jiruutti ni lalisu.
5 Namni tokko, ‘Ani kan Rabbii Allaah ti’ ofiin jedha;
kan biraa maqaa Yaaʼikuubiin of waama;
kaan immoo harka isaa irratti, ‘Ani kan Rabbii Allaah ti’ jedhee barreeffata;
maqaa Israaʼeliinis of waama.
6 "Rabbii Allaahan Mootii fi Furiin Israaʼel
Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
Ani kan jalqabaa ti; ani kan dhumaatis;
ana malee Allaahan biraa hin jiru.
7 Yoos kan akka koo eenyu? Mee inni hafuura haa baafatu.
Inni waan erga ani saba koo kan durii hundeessee as taʼe,
waan hamma ammaatti hin taʼin haa dubbatu;
fuula koo durattis haa ibsu;
waan gara fuulduraatti taʼu illee duraan dursee haa himu.
8 Hin rifatinaa; hin sodaatinaa.
Ani waan kana labsee bara dheeraan dura sitti hin himnee?
Isin dhuga baatota koo ti. Ana malee Allaahan biraa jiraa?
Lakkii, Kattaan biraa hin jiru; ani tokko iyyuu hin beeku."
9 Warri waaqeffatamtoota tolfamoo tolchan hundi gatii hin qaban;
wanni isaan hawwan faayidaa hin qabu.
Warri isaaniif falmanis jaamota;
isaan beekumsa hin qaban; kanaafuu ni qaaneffamu.
10 Eenyutu waaqeffatamaa tolfamaa fi
fakkii homaa isa hin fayyadne tolcha?
11 Isaa fi namni akka isaa ni qaaneffama;
ogeeyyiin hojii harkaas namootuma malee homaa miti.
Isaan hundi walitti qabamanii iddoo tokko haa dhaabatan;
isaan ni naʼu; ni salphatus.
12 Tumtuun meeshaa ittiin waa tumu harkatti qabatee
cilee bobaʼu irratti ittiin hojjeta;
inni burruusaan waaqeffatamaa tolfamaa tolcha;
irree isaa jabaadhaanis ni miidhagsa.
Inni ni beelaʼa; humnas ni dhaba;
bishaan hin dhugu; ni gaggabas.
13 Namni muka soofu funyoodhaan safara
cilaattiidhaan mallattoo itti godha;
qirixiidhaan qiriixee
safartuudhaan mallattoo itti godha.
Fakkii namaatiin hojjeta;
akka inni galma waaqeffannaa keessa jiraatuufis
miidhagina namaa itti tolcha.
14 Inni birbirsa mura;
gaattiraa yookaan qilxuu filata.
Akka inni mukkeen bosonaa keessatti guddatuuf ni dhiisa;
yookaan hadheessa dhaaba; bokkaanis isa guddisa.
15 Mukni sun qoraan bobeeffamu taʼa;
namni muraasa isaa fudhatee bobeessee qaqqaammata;
ibidda qabsiisee buddeena ittiin tolfata.
Allaah sobaas tolfatee waaqeffata;
waaqeffatamaa tolfamaas tolfatee gad jedhee sagadaaf.
16 Gartokkee mukkeen sanaa ni bobeessa;
isa irratti nyaata bilcheeffata;
foonis irratti waaddatee hamma quufutti nyaata.
Ibidda qaqqaammachaas,
"Ishoo! Ibiddi natti hoʼe; ibidda nan arga" jedha.
17 Mukkeen hafaniin immoo waaqeffatamaa tolfamaa, waaqeffatamaa isaa tolfamaa tolfata;
gad jedhees ni sagadaaf.
Isa duratti duʼaa godhatees,
"Situ Allaah koo ti; na baraari" jedhaan.
18 Isaan homaa hin beekan; homaa hin hubatanis;
akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haguugameera;
akka hin hubanneefis qalbiin isaanii cufameera.
19 Namni tokko iyyuu itti hin yaadu;
namni tokko iyyuu akkana jechuuf beekumsa yookaan hubannaa hin qabu;
"Ani walakkaa isaa qoraan godhadheera;
cilee isaa irratti buddeena tolfadhee
foon ittiin waaddadhee nyaadheera.
Ani amma waan hafe kanaan waan jibbisiisaa nan hojjedhaa?
Ani gad jedhee jirmaaf sagaduu qabaa?"
20 Inni daaraa nyaata; garaan gowwoomfames karaa irraa isa jalʼiseera;
inni of oolchuu yookaan,
"Wanni harka koo mirgaa keessa jiru kun soba mitii?" jechuu hin dandaʼu.
21 "Yaa Yaaʼikuub, ati waan kana yaadadhu;
yaa Israaʼel, ati garbicha koo ti.
Ani si tolcheera; atis garbicha koo ti;
yaa Israaʼel, ani si hin dagadhu.
22 Ani yakka kee akkuma duumessaa,
cubbuu kees akkuma hurrii ganamaa haxaaʼee balleesseera.
Ani si fureeraatii,
ati gara kootti deebiʼi."
23 Yaa shamaayʼuniiwwan, Rabbii Allaahan waan kana godheeraatii gammachuudhaan faarfadhaa;
yaa qileewwan lafaa, gammachuudhaan iyyaa.
Isin yaa tulluuwwan, bosonoonnii fi mukkeen keessan hundi ililchaa;
Rabbii Allaahan Yaaʼikuubin furee Israaʼel keessatti ulfina isaa ibseeraatii.
24 "Rabbii Allaahan Furiin kee,
kan gadameessa keessatti si tolche akkana jedha:
Ani Rabbii Allaahan Tolchaan waan hundaa
isa shamaayʼuniiwwan diriirse,
isa ofuma kootiin lafa illee diriirsee dha;
25 isa mallattoo nabiiʼiyyoota sobaa
busheessee ilaaltota raatessu,
isa ogeeyyii duubatti deebisee
beekumsa isaanii faayidaa dhabsiisuu dha;
26 isa dubbii garboota isaa mirkaneessee
raajii ergamoota isaa fiixaan baasu,
isa, ‘Isheen iddoo jireenyaa ni taati’ jedhee
waaʼee Yerusaalem dubbate, isa, ‘Isaan ni ijaaramu,
diigamaa isaaniis nan haaromsa’ jedhee
waaʼee magaalaawwan Yihuudaa dubbatuu dha;
27 isa tuujubaan, ‘Ati gogi;
ani lageen kee nan gogsa’ jedhu,
28 isa Qiirosin, ‘Inni tiksee koo ti;
fedhii koo hundas ni raawwata;
inni waaʼee Yerusaalem, "Isheen deebifamtee haa ijaaramtu"
waaʼee mana qulqullummaa immoo, "Hundeen isaa haa hundeeffamu"
jedhee dubbatu sun anuma.’