Publicidade

Isaías 61

Bara Tola Rabbii Allaah

1 Sababii Rabbii Allaahan akka ani

hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef,

Hafuurri Rabbii Allaah Gooftaa narra jira.

Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf,

akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa,

warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;

2 akka ani bara tola Rabbii Allaahatii fi

guyyaa haaloo baʼuu Allaah keenyaa labsuuf,

akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf,

3 akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee,

qooda daaraa miidhagina,

qooda booʼichaa, zayitii gammachuu,

qooda abdii kutachuu immoo,

wayyaa galataa kennuuf na erge.

Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Rabbii Allaaha,

kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.

4 Isaan waan dur diigame deebisanii ijaaru;

iddoowwan bara dheeraan dura onanii turanis akka duraatti deebisu;

magaalaawwan diigaman,

kanneen dhaloota hedduun dura onanii turan ni haaromsu.

5 Alagoonni bushaayee keessan ni tiksu;

ormoonnis lafa qotiisaa fi iddoo dhaabaa wayinii keessanii keessa ni hojjetu.

6 Isin luboota Rabbii Allaah jedhamtanii ni waamamtu;

tajaajiltoota Allaah keenyaa jedhamtaniis ni moggaafamtu.

Isin qabeenya sabootaa ni nyaattu;

badhaadhummaa isaaniitiin illee ni boontu.

7 Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu;

qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu;

kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu;

gammachuun bara baraas kan keessan.

8 "Ani Rabbii Allaahan murtii qajeelaa nan jaalladhaatii;

saamichaa fi yakka nan jibba.

Ani amanamummaa kootiin isaan nan badhaasa;

kakuu bara baraas isaan wajjin nan gala.

9 Sanyiin isaanii saboota gidduutti,

ijoolleen isaanii immoo uummata gidduutti ni beekamu.

Warri isaan argan hundi,

akka isaan saba Rabbii Allaahan eebbise taʼan ni beeku."

10 Ani Rabbii Allaahatti guddaa nan gammada;

lubbuun koos akka malee Allaah kootti gammaddi.

Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu,

misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana,

wayyaa fayyinaa natti uffiseera

uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.

11 Akkuma lafti biqiltuu biqilchitee

iddoon biqiltuu immoo akka sanyiin guddattu godhu sana

Rabbii Allaahan Gooftaan akka qajeelummaa fi

galanni fuula saboota hundaa duratti biqilan ni godha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-