1 Rabbii Allaahan Yaaʼikuubiif garaa ni laafa;
inni amma illee Israaʼelin filatee
biyya isaanii keessa isaan qubachiisa.
Ormoonni isaanitti dabalamu;
mana Yaaʼikuub wajjinis tokko taʼu.
2 Saboonni isaan fudhatu;
iddoo ofii isaaniitti isaan deebisu.
Manni Israaʼel immoo akkuma hojjettoota dhiiraa fi dubartiitti
lafa Rabbii Allaah keessatti dhaala godhanii isaan fudhatu.
Isaan boojitoota isaanii boojiʼanii
warra isaan hacuucanis bulchu.
3 Guyyaa Rabbii Allaah itti dhiphina, rakkinaa fi hojii hamaa isin itti garboomfamtanii turtan sana jalaa isin boqochiisutti, 4 akkana jettee mootii Baabilonitti ni qoosta:
Cunqursichi akkamitti bade!
Aariin isaas akkamitti isa irraa gale!
5 Rabbii Allaahan ulee hamootaatii fi
bokkuu bulchitootaa,
6 kan dheekkamsa wal irraa hin cinneetiin
uummata rukute;
kan gara laafina tokko malee ariʼee
saboota dhaʼe sana caccabseera.
7 Lafti hundi boqonnaa fi nagaa argatti;
faarfachuuttis kaati.
8 Gaattiraawwanii fi birbirsawwan
Libaanoon iyyuu isinitti burraaqanii,
"Amma ati kufteerta;
namni tokko iyyuu nu muruuf hin dhufu" jedhu.
9 Siiʼool isheen gadii yeroo ati dhuftutti si simachuuf kaati;
isheen akka isaan si dubbisaniif hafuurota warra duʼanii,
warra addunyaa irratti hooggantoota
turanii hunda dammaqsiteerti;
isheen warra mootota sabootaa turan hunda
teessoo isaanii irraa kaafti.
10 Isaan hundinuu deebisanii akkana jedhu;
"Atis akkuma keenya dadhabdeerta;
akkuma keenya taateerta."
11 Ulfinni kee hundinuu, sagalee baganaa keetii wajjin
qabrii keessa buufameera;
ilmaan raammoo si jala afamanii
raammoon si haguugdi.
12 Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa,
ati akkamitti shamaayʼun irraa lafa dhoofte!
Ati kan duraan saboota gad qabde,
lafatti gad darbatamteerta!
13 Ati garaa keetti akkana jette;
"Ani shamaayʼuniitti olin baʼa;
ani urjiiwwan Allaahatii olitti
teessoo koo olin baafadha;
ani tulluu wal gaʼii irra,
fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa.
14 Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa;
ani akka Allaah Waan Hundaa Olii ofin taasisa."
15 Garuu ati siiʼool keessa,
boolla qilee keessa buufamteerta.
16 Warri si argan ija babaasanii si ilaalu;
akkana jedhaniis dinqisiifatu:
"Kun namichuma lafa sochoosee
akka mootummoonni raafaman godhe,
17 namicha addunyaa kana gammoojjii godhe,
kan magaalaawwan ishee gaggaragalchee
akka warri boojiʼaman mana isaaniitti hin deebine godhe sanaa?"
18 Mootonni sabootaa hundi,
ulfinaan qabrii isaanii keessa ciciisaniiru.
19 Ati garuu akkuma damee jibbame tokkootti,
qabrii kee keessaa baafamtee gatamteerta;
ati warra ajjeefamaniin,
warra goraadeen waraanamaniin,
warra gara dhagaa boollaatti gad buʼaniin haguugamteerta.
Akkuma reeffaa miillaan dhidhiitamteerta;
20 ati sababii biyya kee balleessitee
namoota kee fixxeef,
isaan gidduutti hin qabbaramtu.
Maqaan sanyii hamootaa
lammata hin dhaʼamu.
21 Sababii cubbuu abbootii isaaniitiif
iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa;
isaan biyya dhaaluudhaaf,
magaalaawwan isaaniitiinis lafa guutuuf hin kaʼan.
22 "Ani isaanitti nan kaʼa,"
jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
"Ani Baabilon keessaa maqaa isheetii fi hambaa ishee,
ilmaan isheetii fi sanyii ishee nan balleessa"
jedha Rabbii Allaahan.
23 "Ani iddoo urunguun keessa jiraattuu fi
lafa caffee ishee nan godha;
ani hartuu badiisaatiin ishee nan haxaaʼa"
jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
24 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhee kakateera;
"Dhugumaan akkuma ani duraan karoorfadhe sana wanni kun ni taʼa;
akkuma ani yaade sanas ni dhaabata.
25 Ani biyya koo keessatti Asoorota nan barbadeessa;
tulluuwwan koo irratti ani isa gad dhidhiita.
Waanjoon isaa saba koo irraa ni fuudhama;
baʼaan isaas gatiittii isaanii irraa ni buʼa."
26 Karoorri guutummaa addunyaatiif murtaaʼe kanaa dha;
kun harka saboota hunda irratti diriirfamee dha.
27 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu
waan kana yaadeeraatii, eenyutu isa garagalcha?
Harki isaa diriirfameeraa;
eenyutu duubatti isa deebisuu dandaʼa?
28 Raajiin kun bara Aahaaz mootichi duʼe keessa dhufe:
29 Yaa Filisxeemota, uleen isin dhaʼe waan cabeef,
isin hundinuu hin gammadinaa;
hidda bofa sanaa keessaa buutiitu baʼa;
iji isaa bofa darbatamaa summii qabu ni taʼa.
30 Hiyyeessi gadadamaan iddoo itti bobbaʼu argata;
rakkataanis nagaadhaan ciisa.
Hidda kee garuu ani beelaan nan barbadeessa;
beellis hambaa kee ni fixa.
31 Yaa karra, ati booʼi! Yaa magaalaa, iyyi!
Filisxeemonni hundi baqaatii badaa!
Duumessi aaraa tokko karaa kaabaatiin ni dhufa;
raayyaa waraana isaa keessas kan citee hafu tokko iyyuu hin jiru.
32 Ergamoota saba sanaatiif
deebii akkamiitu kennamuu mala?
"Rabbii Allaahan jabeessee Xiyoonin dhaabeera;
ishee keessattis namoonni isaa kanneen miidhaman daʼannoo ni argatu."