Publicidade

Isaías 16

1 Seelaa, gammoojjii gama jirtu sana irraa

bulchaa biyyattiitiif,

gara tulluu Intala Xiyoonitti

xobbaallaawwan hoolaa gibira ergaa.

2 Akkuma simbira manʼee ishee keessaa ariʼamtee

asii fi achi fiigduu dubartoonni Moʼaabis

malkaa laga Arnoonitti akkasuma taʼu.

3 "Gorsa nuuf kennaa; murtii murteessaa.

Guyyaa saafaadhaan gaaddidduu keessan

akkuma halkanii dukkaneessaa.

Baqattootas dhoksaa;

kooluu galtoota hin ganinaa.

4 Baqattoonni Moʼaab isin wajjin haa jiraatan;

balleessituu irraa daʼoo isaaniif taʼaa."

Cunqursaan ni bada;

badiisnis ni hafa;

warri nama miidhan lafa irraa badu.

5 Teessoon jaalalaan hundeeffama;

mana Daawud keessaa namni murtii kennuu irratti

murtii qajeelaa barbaadu,

kan waan qajeelaa hojjechuuf ariifatu tokko

amanamummaadhaan teessoo sana irra ni taaʼa.

6 Nu of tuulummaa Moʼaab,

of guddisuu fi kooruu ishee,

of tuuluu fi addaggee taʼuu ishee dhageenyeerra;

of jajuun ishee garuu faayidaa hin qabu.

7 Kanaafuu Moʼaabonni ni booʼu;

isaan tokkummaadhaan Moʼaabiif booʼu.

Namoota Qiir Hareeshetiif

faarsanii booʼuudhaan gaddu.

8 Lafti qotiisaa Heshboon,

mukni wayinii Sibimaas coollageera.

Bulchitoonni sabootaa

mukkeen wayinii filatamoo

kanneen duraan Yaʼizeerin gaʼanii

gara gammoojjiitti babalʼatan dhidhiitaniiru.

Lataan isaanii dheeratee hamma galaanaatti diriire.

9 Kanaafuu ani akkuma Yaʼizeer boosse sana,

mukkeen wayinii Sibimaatiif nan booʼa.

Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee,

ani imimmaan kootiin sin jiisa!

Ililleen yeroo midhaan siif gaʼeetii fi

gammachuun yeroo midhaan siif haamamu ture sun hafeera.

10 Ililchuu fi gammaduun iddoo biqiltuu keessaa badaniiru;

namni tokko iyyuu iddoo dhaabaa wayinii keessatti hin faarfatu yookaan hin ililchu:

sababii ani ilillee balleesseef

namni iddoo wayinii itti cuunfanitti wayinii dhidhiitu tokko hin jiru.

11 Garaan koo akkuma baganaa faarsee Moʼaabiif booʼa;

keessi koos Qiir Hareeshetiif booʼa.

12 Moʼaab yoo iddoo ol kaʼaatti mulʼatte,

isheen ofuma dadhabsiifti;

yoo duʼaa godhachuuf gara iddoo qulqulluu ishee dhaqxe

kunis faayidaa tokko illee hin qabu.

13 Kun dubbii Rabbii Allaahan duraanuu waaʼee Moʼaab dubbatee dha. 14 Rabbii Allaahan garuu amma akkana jedha: "Waggaa sadii keessatti, ulfinni Moʼaabii fi namoonni ishee hedduun hundi akkuma hojjetaan tokko guyyaa isaa lakkaaʼatu sana ni tuffatamu; kanneen hafanis akka malee muraasaa fi dadhaboo taʼu."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-