Publicidade

Isaías 19

Raajii Gibxiin Mormu

1 Raajii Gibxiin mormu:

kunoo Rabbii Allaahan duumessa

saffisaa yaabbatee gara Gibxi dhufaa jira.

Waaqeffatamtoonni Gibxi tolfamoon fuula isaa duratti hollatu;

garaan warra Gibxis isaan keessatti baqa.

2 "Ani warra Gibxi walitti nan naqa;

obboleessi obboleessa isaa, ollaan ollaa isaa,

magaalaan tokko magaalaa kaan,

mootummaanis mootummaa kaan lola.

3 Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama;

anis karoora isaanii nan fashaleessa;

isaanis waaqeffatamtoota tolfamoo fi hafuurota warra duʼanii,

ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafatu.

4 Anis dabarsee warra Gibxi

humna gooftaa garaa jabaatu tokkootti nan kenna;

mootiin hamaan tokkos isaan ni bulcha" jedha Gooftaan,

Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.

5 Bishaanonni galaanaa ni gogu;

lagni isaas ni hirʼata; ni gogas.

6 Burqaawwan isaa ni ajaaʼu;

lageen Gibxiis qalʼatanii gogu.

Shambaqqoo fi dhallaadduun ni coollagu;

7 biqiltuuwwan ededa Abbayyaa,

kanneen qarqara lagichaa jiranis ni coollagu.

Wanni laga Abbayyaa biratti facaafame hundi ni goga;

bubbeedhaan fudhatama; deebiʼees hin argamu.

8 Qurxummii qabdoonni,

warri hokkoo Abbayyaa keessa buusan hundi aadanii booʼu;

warri kiyyoo bishaanitti darbatanis ni dadhabu.

9 Warri quncee talbaa iddame qopheessan,

wayyaa dhooftonnis abdii kutatu.

10 Warri wayyaa dhaʼan mataa buusu;

warri mindaadhaan hojjetan hundis ni gaddu.

11 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota;

gorsitoonni Faraʼoon ogeeyyiinis gorsa faayidaa hin qabne kennu.

Isin akkamitti Faraʼooniin,

"Ani namoota ogeeyyii keessaa tokkoo dha;

ani barataa mootota durii ti" jechuu dandeessu?

12 Namoonni keessan ogeeyyiin amma eessa jiru?

Mee isaan waan Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

Gibxiin mormuudhaan karoorfate;

isinitti haa himan; haa beeksisanis.

13 Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota taʼaniiru;

bulchitoonni Memfiis gowwoomfamaniiru;

gurguddoonni saba ishee

Gibxiin karaa irraa jalʼisaniiru.

14 Rabbii Allaahan hafuura nama hadoochu isaanitti dhangalaaseera;

isaan akkuma machaaʼaan tokko hoqqisaa gatantaru sana

biyya Gibxi waan isheen hojjettu hunda keessatti gatantarsan.

15 Wanni mataan yookaan eegeen, dameen meexxii yookaan shambaqqoon,

Gibxiif gochuu dandaʼan tokko iyyuu hin jiru.

16 Bara sana warri Gibxi akka dubartii taʼu. Harka ol kaʼe kan Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu isaanitti ol fudhatu sana arganii sodaan ni hollatu. 17 Biyyi Yihuudaas warra Gibxi ni naasisa; namni maqaan Yihuudaa biratti dhaʼamu hundinuu sababii waan Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu isaanitti karoorfachaa jiru sanaatiif ni naʼa.

18 Gaafas biyya Gibxi keessatti magaalaawwan shan afaan Kanaʼaan dubbatu; isaanis Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuuf amanamoo taʼuuf ni kakatu. Isaan keessaa tokko Magaalaa Badiisaa jedhamti.

19 Gaafas wiirtuu Gibxi keessatti iddoon aarsaa tokko Rabbii Allaahaf ni hojjetama; daangaa biyyattii irrattis siidaan tokkoo Rabbii Allaahaf ni dhaabama. 20 Kunis biyya Gibxi keessatti Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuuf mallattoo fi dhuga baʼumsa taʼa. Yeroo isaan sababii cunqursitoota isaaniitiif gara Rabbii Allaahatti iyyatanitti, inni fayyisaa fi baraaraa tokko ergeefii isaan oolcha. 21 Kanaafuu Rabbii Allaahan warra Gibxitti of beeksisa; isaanis gaafas Rabbii Allaah ni beeku. Isaanis qalmaa fi kennaa midhaaniitiin waaqeffatu; Rabbii Allaahafis ni wareegu; wareega sanas ni baafatu. 22 Rabbii Allaahan biyya Gibxi ni rukuta; rukutees ni fayyisa. Isaan gara Rabbii Allaahatti ni deebiʼu; innis duʼaa isaaniitiif deebii kennee isaan fayyisa.

23 Gaafas Gibxii hamma Asooritti karaa guddaa tokkotu jiraata. Warri Asoor gara Gibxi, warri Gibxis gara Asoor ni dhaqu. Warri Gibxii fi warri Asoor walii wajjin ni waaqeffatu. 24 Israaʼel bara sana keessa Gibxii fi Asooritti dabalamtee sadaffaa taati; kunis lafa irratti eebba taʼa. 25 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼus, "Gibxi sabni koo, Asoor hojiin harka kootii fi Israaʼel dhaalli koo haa eebbifaman" jedhee isaan eebbisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-