Publicidade

Isaías 45

1 "Rabbii Allaahan dibamaa isaa Qiiros,

kan ani saboota isa jalatti bulchuu fi

hidhannaa moototaa hiiksisuuf jedhee

harka isaa mirgaa qabee

akka karrawwan hin cufamneef,

balbalawwan banuuf sanaan akkana jedha:

2 Ani fuula kee dura deemee

tulluuwwan wal nan qixxeessa;

karrawwan naasii nan caccabsa;

danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta.

3 Ati akka ani Rabbii Allaahan

Allaah Israaʼel isa maqaa keetiin si waamu taʼe akka beektuuf,

ani badhaadhummaa dukkana keessaa,

qabeenya lafa dhoksaatti kuufames siif nan kenna.

4 Ati na beekuu baattu iyyuu,

ani garbicha koo Yaaʼikuubiif,

Israaʼel filatamaa kootiif jedhee

maqaa keetiin si waameera;

maqaa ulfinaas siif kenneera.

5 Ani Rabbii Allaah; ana malee kan biraa hin jiru;

ana malee Allaahan tokko iyyuu hin jiru.

Ati na beekuu baattu iyyuu, ani sin jabeessa;

6 Kunis akka namoonni baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,

ana malee kan biraa akka hin jirre beekaniif.

Ani Rabbii Allaah; ana malee

tokko iyyuu hin jiru.

7 Ani ifa nan tolcha; dukkanas nan uuma;

badhaadhummaa nan fida; balaas nan uuma;

ani Rabbii Allaahan wantoota kanneen hunda nan godha.

8 "Yaa shamaayʼuniiwwan, isin ol gubbaadhaa qajeelummaa roobsaa;

duumessoonnis gad coccobsaa.

Lafti haa banamtu;

fayyinni haa biqilu;

qajeelummaanis isa wajjin haa guddatu;

ani Rabbii Allaahan waan kana uumeera.

9 "Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼee

Uumaa isaatiin wal loluuf wayyoo.

Supheen, suphee dhooftuudhaan,

‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa?

Hojiin ati hojjettus,

‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa?

10 Nama Abbaadhaan, ‘Ati maal dhalchite?’

yookaan haadhaan, ‘Ati maal deesse?’ jedhuuf wayyoo.

11 "Rabbii Allaahan, Qulqullichi Israaʼel

Uumaan ishee sun akkana jedha:

Isin waaʼee wantoota dhufuuf jiranii jechuunis,

‘Waaʼee ijoollee koo na gaafadhaa;

yookaan waaʼee hojii harka koo na ajajaa.’

12 Kan lafa tolchee namas ishee irratti uume ana.

Harki koo shamaayʼuniiwwan diriirseera;

raayyaa isaanii hundas ajajeera.

13 Ani qajeelummaa kootiin Qiirosin ol nan kaasa:

Karaa isaa hundas wal nan qixxeessa.

Inni magaalaa koo deebisee ijaara;

boojiʼamtoota koos bilisa baasa;

garuu gatiidhaan yookaan badhaasaan miti,

jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu."

14 Rabbii Allaahan akkana jedha:

"Qabeenyi Gibxii fi daldalli Itoophiyaa,

namoonni dhedheeroon Saabaa,

gara kee ni dhufu;

kan kees ni taʼu;

isaan foncaadhaan hidhamanii

dugda duubaan si duukaa buʼu.

Fuula kee durattis gad jedhanii

‘Dhugumaan Allaahan si wajjin jira; isa malees tokko iyyuu hin jiru;

isa malees Allaahan biraa hin jiru’

jedhanii si kadhatu."

15 Yaa Allaah, Fayyisaa Israaʼel,

ati dhugumaan Allaah of dhoksituu dha.

16 Warri waaqeffatamtoota tolfamoo tolchan hundinuu ni qaanaʼu; ni salphatu;

walii wajjinis salphina keessa buʼu.

17 Israaʼel garuu fayyina bara baraatiin

Rabbii Allaahan ni fayyifama;

isin bara baraan hin qaanoftan;

yookaan hin salphattan.

18 Rabbii Allaahan akkana jedha;

kan shamaayʼuniiwwan uume, inni Allaaha;

inni lafa miidhagsee tolchee ishee hundeesse;

inni akka isheen iddoo jireenyaa taatuuf ishee uume malee

akka isheen ona taatuuf ishee hin uumne;

inni akkana jedha;

"Ani Rabbii Allaah; ana malee kan biraa hin jiru.

19 Ani biyya dukkanaa keessaa

dhoksaadhaan hin dubbanne;

ani sanyiiwwan Yaaʼikuubiin,

‘Akkasumaan na barbaadaa’ hin jenne.

Ani Rabbii Allaahan dhugaa nan dubbadha;

waan qajeelaas nan labsa.

20 "Walitti qabamaa kottaa;

isin baqattoonni sabootaa wal gaʼaa.

Warri waaqeffatamaa tolfamaa muka irraa hojjetame baatan,

kanneen waaqeffatamtoota fayyisuu hin dandeenye waammatan homaa beekumsa hin qaban.

21 Waanan taʼuu qabu dubbadhaa; dhiʼeeffadhaas;

isaanis walii wajjin haa mariʼatan.

Eenyutu waan kana duraan dursee bara dheeraan dura hime?

Duruma iyyuu eenyutu labse?

Anuma Rabbii Allaah mitii?

Ana malee Allaahan qajeelaa fi

Fayyisaan tokko iyyuu hin jiru;

ana malee tokko illee hin jiru.

22 "Isin warri handaara lafaa hundi,

gara kootti deebiʼaatii fayyaa;

ani Allaaha; ana malee kan biraa hin jiruutii.

23 Ani mataa kootiin kakadheera;

afaan koos akkana jedhee qajeelummaadhaan

dubbii hin geeddaramne dubbateera;

‘Jilbi hundi fuula koo duratti ni jilbeenfata;

arrabni hundis anaan kakata.’

24 Isaanis, ‘Qajeelummaa fi jabinni Rabbii Allaah qofaan argama’

jedhanii waaʼee koo ni dubbatu."

Warri aariidhaan isatti kaʼan hundi,

gara isaa dhufanii ni qaanaʼu.

25 Sanyiin Israaʼel hundi garuu,

Rabbii Allaahan qajeeltota taasifamu;

ni kabajamus.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-