Publicidade

Isaías 2

Tulluu Rabbii Allaah

1 Wanni Isaayyaas ilmi Amoos waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge kanaa dha:

2 Bara dhumaa keessa,

tulluun mana qulqullummaa Rabbii Allaah

tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata;

inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha;

saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu.

3 Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu;

"Kottaa gara tulluu Rabbii Allaaha,

gara mana Allaah Yaaʼikuub ol baanaa.

Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf

karaa isaa nu barsiisa."

Seerri Xiyoon keessaa,

dubbiin Rabbii Allaah immoo Yerusaalem keessaa ni baʼa.

4 Inni saboota gidduutti murtii kenna;

namoota hedduudhaafis ni murteessa.

Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu;

eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu.

Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu;

yookaan lolaaf nama hin leenjifatan.

5 Yaa mana Yaaʼikuub,

kottaa ifa Rabbii Allaah keessa deddeebinaa.

Guyyaa Rabbii Allaah

6 Kanaafuu saba kee,

mana Yaaʼikuub dhiifteerta.

Isaan bartee Baʼa Biiftuutiin guutamaniiru;

akkuma Filisxeemotaa falfala hojjetu;

duudhaa namoota ormaattis ni cichu.

7 Biyyi isaanii meetii fi warqeen guutamteerti;

qabeenyi isaanii dhuma hin qabu.

Biyyi isaanii fardeeniin guutamteerti;

gaariiwwan isaaniis dhuma hin qaban.

8 Biyyi isaanii waaqeffatamtoota tolfamoodhaan guutamteerti;

isaan hojiidhuma harka isaanii,

waanuma qubni isaanii tolcheef sagadu.

9 Kanaafuu namni gad qabama;

ilmaan namaa gad deebifamu;

ati isaaniif hin dhiisin.

10 Argamuu Rabbii Allaah isa sodaachisaa fi

surraa ulfina isaa duraa, kattaa keessa lixu;

lafa keessas dhokadhu!

11 Iji nama of tuuluu gad qabama;

of jajuun namootaas gad deebifama;

gaafas Rabbii Allaah qofatu ol ol jedha.

12 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu

warra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf,

warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba;

isaanis gad deebifamu.

13 Inni birbirsa Libaanoon dheeraa fi

guddaa hundaaf, qilxuu Baashaan hundaaf,

14 tulluuwwan ol dhedheeroo hundaaf,

gaarran ol dhedheeroo hundaaf,

15 gamoo gurguddaa hundaaf,

dallaa dhagaadhaan jabeeffamee ijaarame hundaaf,

16 doonii daldalaa hundaa fi waan gatii guddaa qabu hundaaf

guyyaa murteeffate tokko qaba.

17 Of tuulummaan namaa gad qabama;

of jajuun namootaas gad deebifama;

gaafas Rabbii Allaah qofatu ol ol jedha;

18 waaqeffatamtoonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu.

19 Namoonni yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti,

sodaachisa Rabbii Allaahatii fi

surraa isaa ulfina qabeessa sana duraa

gara holqa kattaa keessaattii fi

boolla lafa keessaatti ni baqatu.

20 Gaafas namoonni waaqeffatamtoota isaanii tolfamoo

kanneen waaqeffachuuf jedhanii

meetii fi warqee irraa tolfatan sana

tuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu.

21 Isaan yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti

sodaachisa Rabbii Allaahatii fi

surraa ulfina isaa duraa gara holqa guddaa

kattaawwan keessaatii fi baqaqaa kattaatti ni baqatu.

22 Nama duʼa hin oolle,

kan hafuurri isaa funyaan irra jiru abdachuu dhiisaa.

Inni maalitti lakkaaʼama?

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-