1 "Yaa mana Yaaʼikuub,
isin warri maqaa Israaʼeliin waamamtan,
kanneen sanyii Yihuudaa irraa argamtan,
isin warri maqaa Rabbii Allaahatiin kakattanii
garuu dhugaadhaan yookaan qajeelummaadhaan utuu hin taʼin
maqaa Allaah Israaʼel dhooftan waan kana dhaggeeffadhaa;
2 isin warri maqaa magaalaa qulqullittiitiin of waamtan,
kanneen Allaah Israaʼelitti irkattan, waan kana dhaggeeffadhaa;
maqaan isaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha:
3 Ani wantoota durii duraan dursee dubbadheera;
isaan afaan kootii baʼan; 1 anis akka isaan beekaman nan godhe;
anis akkuma tasaa hojjedhe; isaanis ni raawwataman.
4 Ani akka ati mata jabeessa taate beekeen tureetii;
ribuun morma keetii sibiila ture;
addi kee naasii ture.
5 Kanaafuu ani wantoota kanneen bara dheeraan dura sitti himeera;
ani akka ati, ‘waaqeffatamtoota koo tolfamootu isaan hojjete;
fakkii koo kan muka irraa hojjetamee fi
waaqeffatamaa tolfamaa sibiila irraa hojjetametu murteesse’ jechuu hin dandeenyeef
utuu isaan hin uumaminiin dura sitti himeera.
6 Ati wantoota kanneen dhageesseerta; isaan hunda ilaali.
Ati isaan amantee hin fudhattuu?
"Ani ammaa jalqabee waan haaraa,
waan dhokfamee jiru kan ati hin beekin sitti nan hima.
7 Isaan amma uumaman malee bara dheeraan dura miti;
ati harʼaan dura waaʼee isaanii hin dhageenye.
Kanaafuu ati,
‘Kunoo ani waaʼee isaanii beekeen ture’ jechuu hin dandeessu.
8 Ati takkumaa dhageessee yookaan hubattee hin beektu;
gurri kee durumaa jalqabee hin banamne.
Ani akka ati micciiramaa taate beeka;
ati dhaloota keetii jalqabdee fincilaa jedhamtee waamamte.
9 Ani maqaa kootiif jedhee dheekkamsa koo nan tursiisa;
ani akka si hin balleessineef galata kootiif jedhee
dheekkamsa koo duubatti harkisa.
10 Kunoo, ani yoo akka meetiitti taʼuu baate iyyuu si qulqulleesseera;
ibidda dhiphinaa keessattis qoree si ilaaleera.
11 Ani ofii kootiif jedhee, ofuma kootiif jedhee waan kana nan godha.
Maqaan koo akkamitti baduu dandaʼa?
Ani ulfina koo dabarsee kan biraatiif hin kennu.
12 "Yaa Yaaʼikuub, Yaa Israaʼel kan ani si waame,
na dhaggeeffadhu:
Ani isuma; ani kan jalqabaa ti;
ani kan dhumaa ti.
13 Harki koo hundeewwan lafaa dhaabe;
harki koo mirgaa immoo shamaayʼuniiwwan diriirse;
yommuu ani isaan waamutti,
hundi isaanii walii wajjin dhaabatu.
14 "Hundi keessan walitti qabamaatii dhaggeeffadhaa;
waaqeffatamtoota tolfamoo keessaa kamitu duraan dursee wantoota kanneen dubbate?
Michuun Rabbii Allaah filatamaan
kaayyoo Allaaha Baabilon irratti fiixaan baasa;
irreen isaa Baabilonotatti kaʼa.
15 Ani, ani mataan koo dubbadheera;
dhugumaan ani isa waameera.
Ani isa nan fida;
innis karaa isaa irratti ni milkaaʼa.
16 "Natti dhiʼaadhaatii waan kana dhagaʼaa:
"Ani jalqabumaa kaasee dhoksaatti hin dubbanne;
yeroo wanni sun taʼettis ani achuman ture."
Ammas Rabbii Allaahan Gooftaanii fi
Hafuurri isaa na erganiiru.
17 Rabbii Allaahan Furiin kee,
Qulqullichi Israaʼel akkana jedha:
"Ani Rabbii Allaah kee,
kan waan siif tolu si barsiisu,
kan karaa ati deemuu qabdu irra si qajeelchuu dha.
18 Ati utuu ajaja koo qalbeeffattee jiraattee,
nagaan kee akka lagaa,
qajeelummaan kee immoo akka dhaʼaa galaanaa taʼa ture.
19 Sanyiin kee akkuma cirrachaa,
ijoolleen kee akkuma biyyoo lafaa baayʼatu ture;
maqaan isaanii hin haqamu;
isaanis fuula koo duraa hin dhabaman ture."
20 Baabilon keessaa baʼaa;
Baabilonota duraa baqadhaa!
Waan kana iyya gammachuutiin beeksisaa; labsaas.
Hamma handaara lafaatti dabarsaa;
"Rabbii Allaahan garbicha isaa Yaaʼikuubin fureera" jedhaa.
21 Isaan yommuu inni lafa gammoojjii keessa isaan qajeelchetti hin dheebonne;
inni kattaa keessaa bishaan burqisiiseef;
inni kattaa dhoosee,
bishaanis humnaan cabsee baʼe.
22 "Hamootaaf nagaan hin jiru" jedha Rabbii Allaahan.