Publicidade

Cânticos 3

1 Ani halkan guutuu siree koo irra ciisee

nama garaan koo jaallatu sana nan barbaade;

ani isa nan barbaade; garuu isa hin arganne.

2 Ani amma kaʼeen magaalaa keessa,

daandiiwwanii fi oobdiiwwan irra nan deema;

nama garaan koo jaallatu sana nan barbaada.

Kanaafuu ani isa nan barbaade;

garuu isa hin arganne.

3 Eegdonni utuu magaalaa keessa naannaʼanuu na argan;

anis, "Michuu koo argitanii?"

jedheen isaan gaafadhe.

4 Ani akkuman xinnoo isaan bira darbeen,

nama lubbuun koo jaallattu sana nan argadhe.

Anis isa nan qabadhe; hamman mana haadha kootti,

diinqa haadha koo ishee garaatti na baatte sanaatti

ol galchutti gad isa hin dhiisne.

5 Yaa intallan Yerusaalem,

ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa;

hamma isheen ofumaan feetee kaatutti,

jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.

6 Isheen qumbii fi ixaana

urgooftuu daldaltootaa hunda irraa hojjetameen urgeeffamtee

akkuma utubaa aaraa

gammoojjii keessaa ol baatu kun eenyu?

7 Kunoo! Siree Suleyimaan kan loltoota jaatama

warra Israaʼel keessaa bebeekamoo taʼaniin marfamteerti.

8 Hundi isaanii goraadee hidhatu;

hundinuu muuxannoo waraanaa qabu;

tokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii

luqqeettuutti hidhatanii lola halkaniitiif qophaaʼan.

9 Suleyimaan mootichi ofii isaatii gaarii tolfate;

innis muka Libaanoon irraa tolfate.

10 Inni utubaa isaa meetiidhaan hojjete;

jala isaa garuu warqeedhaan hojjete.

Teessoon isaa kirrii diimaa dhiilgeedhaan hojjetame;

keessi isaas jaalala intallan Yerusaalemiitiin bareechamee hojjetame.

11 Yaa intallan Xiyoon gad baʼaatii Suleyimaan Mooticha ilaalaa;

inni gonfoo haati isaa gaafa fuudha isaa,

guyyaa garaan isaa gammadetti,

mataa isaa irra keesseef sana kaaʼateera.

Veja também

Publicidade
Cânticos
Ver todos os capítulos de Cânticos
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-