Publicidade

Ezequiel 28

Raajii Mootii Xiiroosiin Mormuudhaan Dubbatame

1 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Yaa ilma namaa, bulchaa Xiiroosiin akkana jedhi; ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:

" ‘Ati of tuulummaa garaa keetiitiin,

"Ani waaqeffatamaa tolfamaa dha;

ani handhuura galaanaa keessa,

teessoo waaqeffatamaa irra nan taaʼa" jette.

Qaroo akka waaqeffatamaa of seetu iyyuu,

ati nama malee waaqeffatamaa miti.

3 Ati Daaniʼel caalaa ogeessaa?

Icciitiin tokko iyyuu si jalaa hin dhokatuu?

4 Ati ogummaa fi hubannaa keetiin

qabeenya argatteerta;

warqee fi meetii

mankuusaa kee keessatti kuufatteerta.

5 Ati ogummaa guddaa daldala keessatti qabduun

qabeenya kee baayʼifatteerta;

sababii qabeenya keetiitiif immoo

garaan kee of tuulummaadhaan guutameera.

6 " ‘Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:

" ‘Sababii ati qaroo akka waaqeffatamaa

of seetuuf,

7 ani namoota biyya ormaa

saboota akka malee gara jabeeyyii sitti nan fida;

isaan goraadee isaanii miidhagina keetii fi ogummaa keetti luqqifatanii

ulfina kee guddaa sana balleessu.

8 Isaan boolla keessa si buusu;

atis garaa galaanaa keessatti

duʼa hamaa duuta.

9 Yoos ati fuula warra si ajjeesanii duratti,

"Ani waaqeffatamaa" ni jettaa?

Ati harka warra si gorraʼanii keessatti

namuma malee waaqeffatamaa miti.

10 Ati harka namoota biyya ormaatti

duʼa nama dhagna hin qabatinii duuta.

Ani dubbadheera, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.’ "

11 Dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 12 "Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiroos faarsii booʼiitii akkana jedhiin: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:

" ‘Ati fakkeenya guutummaa ti;

ogummaadhaan guutamteerta; miidhaginaanis hirʼina hin qabdu.

13 Ati iddoo biqiltuu Allaaha,

Eeden keessa turte;

dhagaawwan gati jabeeyyiin hundi si bareechu; isaanis:

lula diimaa, tophaaziyoon, almaazii fi maragdi,

kirisooliixoos, sardooniksii fi yaasphiidi,

sanpeer, baluurii fi biiralee.

Diranni keetii fi faayni kee warqee irraa tolfaman;

isaanis guyyaa ati uumamte qopheeffaman.

14 Ati Kiirubii waa eegu taatee dibamte;

anis kanumaafan si muude.

Ati tulluu Allaaha qulqullicha sana irra jiraatte;

dhagaawwan ibiddaa gidduus deddeebite.

15 Ati gaafa uumamtee jalqabdee

hamma gaafa hamminni si keessatti argameetti

jireenyi kee hirʼina hin qabu ture.

16 Babalʼina daldala keetiitiin

gooliidhaan guutamtee cubbuu hojjette.

Kanaafuu yaa kiirubii eegumsaa,

ani tulluu Allaaha irraa

dhagaawwan ibiddaa gidduudhaa

si salphisee ariʼeen si baase.

17 Sababii miidhagina keetiitiif,

ati koorteerta;

sababii ulfina keetiitiif,

ogummaa kee balleessite.

Kanaafuu ani gara lafaattan si darbadhe;

fuula moototaa durattis waan kolfaa si godhe.

18 Ati cubbuu kee hedduu fi shaqqaba daldala keetiitiin

iddoowwan kee qulqulluu xureessiteerta.

Kanaafuu ani akka ibiddi si keessaa baʼu nan godhe;

innis gubee si fixe;

anis fuula namoota si ilaalaa turan hundaa duratti

lafa irratti daaraan si taasise.

19 Saboonni si beekan hundinuu

si arganii rifatan;

dhumni kee suukaneessaa taʼeera;

ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’ "

Raajii Siidoonaadhaan Mormuudhaan dubbatame

20 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe; 21 "Yaa ilma namaa, fuula kee Siidoonaatti garagalfadhuutii isheedhaan mormuudhaan raajii dubbadhu; 22 akkanas jedhi: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:

" ‘Yaa Siidoonaa, ani sitti kaʼeera;

si keessatti ulfina nan argadha.

Yeroo ani ishee adabee

akka ani qulqulluu taʼe ishee keessatti of argisiisuutti,

isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.

23 Ani dhaʼicha isheetti ergee

akka daandii ishee irra dhiigni lolaʼu nan godha.

Namoonni goraadee karaa hundaan

ishee marseen gorraʼaman ishee keessatti ni harcaʼu.

Ergasiis isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.

24 " ‘Sabni Israaʼel siʼachi olloota hamoo akka sokorruu nama waraananii akka qoraattii immoo nama madeessan hin qabaatu. Ergasiis isaan akka ani Rabbii Allaahan Gooftaa taʼe ni beeku.

25 " ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Yeroo ani mana Israaʼel saboota isaan keessa bibittinnaaʼan keessaa walitti qabutti, ani akkan isaan gidduutti qulqulluu taʼe fuula sabootaa duratti of nan argisiisa. Ergasii isaan biyya ofii isaanii kan ani garbicha koo Yaaʼikuubiif kenne sana keessa ni jiraatu. 26 Isaan nagaadhaan achi jiraatanii manneen ijaarratanii wayiniis dhaabbatu; yeroo ani olloota isaanii kanneen isaan cunqursan adabutti, isaan nagumaan jiraatu. Ergasii isaan akka ani Rabbii Allaah isaanii taʼe ni beeku.’ "

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-