1 Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe: 2 "Yaa ilma namaa, nabiiʼiyyoota Israaʼel kanneen amma raajii dubbachaa jiraniin mormuudhaan raaji. Warra yaaduma ofii isaanii raajaniin akkana jedhi: ‘Dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa! 3 Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Nabiiʼiyyoota gowwaa kanneen utuu homaa hin argin hafuura ofii isaanii duukaa buʼan sanaaf wayyoo! 4 Yaa Israaʼel, nabiiʼiyyoonni kee akkuma waangota waan diigame gidduu jiraatanii ti. 5 Isin akka dallaan sun guyyaa waraana Rabbii Allaahatti jabaatee dhaabatuuf dallaa cabe sana mana Israaʼeliif deebiftanii ijaaruudhaaf jettanii ol hin baane. 6 Mulʼanni isaanii soba; raajiin isaanii soba. Isaan utuu Rabbii Allaahan isaan hin ergin, "Rabbii Allaahan akkana jedha" jedhu; taʼus isaan akka dubbiin isaanii raawwatamu eeggatu. 7 Ani dubbachuu baadhu iyyuu isin, "Rabbii Allaahan akkana jedha" jechuun keessan mulʼata sobaa arguu keessanii fi raajii sobaa dubbachuu keessan mitii?
8 " ‘Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Sababii dubbii sobaa keessaniitii fi mulʼata sobaa keessaniitiif ani isinitti kaʼa, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. 9 Harki koo nabiiʼiyyoota mulʼata sobaa arganii raajii sobaa dubbatanitti ni kaʼa. Isaan miseensa waldaa saba kootii hin taʼan yookaan galmee mana Israaʼel irratti hin galmeeffaman yookaan biyya Israaʼel hin seenan. Ergasii isin akka ani Rabbii Allaah Gooftaa taʼe ni beektu.
10 " ‘Isaan yeroo nagaan hin jirretti, "Nagaa dha" jechaa saba koo karaa irraa waan jalʼisanii yeroo namoonni dallaa dhagaa ijaaranitti nooraa dibaniif, 11 ati akka dallaan sun jigu warra nooraa itti diban sanatti himi. Bokkaan hamaan ni rooba; dhagaan cabbii ni buʼa; bubbeen jabaan ni bubbisa. 12 Yeroo dallaan sun jigutti namoonni, "Nooraan isin itti dibdan sun eessa jira" jedhanii isin hin gaafatanii?
13 " ‘Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Ani dheekkamsa kootiin bubbee hamaa nan kaasa; aarii kootiinis dhagaa cabbii fi bokkaa hamaan badiisa fidu ni rooba. 14 Ani akka hundeen isaa qullaatti hafuuf dhagaa isin nooraa dibdan sana diigee lafaan wal nan qixxeessa. Yommuu inni jigutti isin isa keessatti ni barbadeeffamtu; akka ani Rabbii Allaah taʼes ni beektu. 15 Dallaa sanaa fi warra nooraa itti dibanitti dheekkamsa koo nan roobsa. Anis akkana isiniin nan jedha; "Dallaan sunii fi warri dallaa sana nooraa diban sun ni badu; 16 nabiiʼiyyoonni Israaʼel kanneen Yerusaalemiif raajanii utuu nagaan hin jiraatin mulʼata nagaa isheef argan sunis ni badu, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan." ’
17 "Ammas yaa ilma namaa, fuula kee gara intallan saba keetii kanneen waanuma ofii yaadan raajaniitti deebifadhuutii isaaniin mormuudhaan raaji; 18 akkanas jedhi; ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Dubartoota kiyyoo keessa nama galchuuf jedhanii manyʼee harka isaanii hundaaf kudhaama hodhatanii haguuggii garaa garaa mataa isaaniitti haguuggataniif wayyoo. Isin lubbuu saba koo kiyyoo keessa galchitanii kan ofii keessanii immoo oolfattuu? 19 Isin garbuu konyee tokkoo fi buddeena cabaa tokkoof jettanii uummata koo gidduutti na xureessitaniirtu. Uummata koo isa soba keessan dhagaʼuttis sobuudhaan warra duʼuu hin qabne ajjeeftanii warra jiraachuu hin qabne immoo baraartaniirtu.
20 " ‘Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Kunoo, ani kudhaama keessan kan isin akkuma simbira kiyyeeffamtuutti uummata ittiin kiyyeessitanitti nan kaʼa; harka keessan irraas nan cira; uummata isin akkuma simbirri kiyyeeffamtutti kiyyeessitan sanas kiyyoo keessaa nan baasa. 21 Ani haguuggii keessan tarsaasee saba koo harka keessan keessaa nan baasa; isaan siʼachi harka keessan jalatti hin bulan. Ergasii isin akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beektu. 22 Ani isa dirqisiisuu baadhu iyyuu isin waan soba keessaniin nama qajeelaa dirqisiiftanii fi waan akka namni hamaan karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼee lubbuu isaa oolfatuuf hin jajjabeessiniif, 23 isin siʼachi mulʼata sobaa hin argitan yookaan raajii sobaa hin dubbattan. Anis saba koo harka keessan keessaa nan baasa. Ergasiis isin akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beektu.’ "